DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Oromiyaatti barattoota hundaaf kitaabilee barnootaa geessisuuf waggaa lama akka fudhatu ibsame

Finfinnee, Amajjii 25/2024 – Naannoo Oromiyaatti barattoota hundaaf kitaaba barnootaa raabsuuf hanga waggaa lama fudhachuu akma danda’u Biiroo Barnoota Oromiyaa beeksise.

Hanga ammaatti kitaabilee miiliyoona 20 ta’an barattootaaf kan raabsame ta’uus, barattoota hunda biratti kitaabilee barnootaa geessisuu dadhabamuun isaa qulqullina barnoota irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu hogganaan biirichaa Tolaa Bariisoo (PhD) ibsaniiru.

“Naannichatti kitaabilee barnootaa barattoota hundaan geessisuuf hanga waggaa lama fudhachuu danda’a,” jechuu isaanii DhPI gabaaseera.

Naannoo Oromiyaa keessatti barattoota miiliyoona 7 ol argamu kan jedhan hogganichi, barattoota sadarkaa duraaf kitaaba kan dhiyeessu biiroon barnoota Oromiyaa yoo ta’u barattoota sadarkaa lammaffaaf ammoo itti gaafatamummaa kana kan qabu Ministeerri Barnootaa ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Ministeerri Barnootaa kitaaba barattoota kutaa 9 hanga 12 jiraniif dhiyeessuu qabu dhibbeentaa 35.7 qofa ta’uu dubbataniiru.

Ministeerri Barnootaa kitaabilee hafan sadarkaa sadarkaan maxxansee dhiyeessuuf waadaa galuu kan ibsan Dr. Tolaan, kitaabilee maxxanfaman jala jalaan raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Barattoota sadarkaa duraaf ammoo kitaaba barbaachisu miiliyoona 36 keessaa hanga ammaa maxxanfamee kan raabsame miiliyoona 15 qofa ta’uus eeraniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Naannichatti barattoota hundaaf kitaaba geessisuuf waggaa lama akka fudhatu kan tilmaaman hogganichi, barana barataa lamaaf kitaaba tokko geessisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button