ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Itoophiyaatti yakka waraanaa, yakka namoomaa irratti raawwatamu itti fufee jiraachuu gareen ogeeyyii UN beeksise

Finfinnee, Fulbaana 19/2023 – Waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu erga mallatteeffamee waggaa tokko booda Itoophiyaatti Ogeeyyiin Mirga Namoomaa Idil-addunyaa (ICHREE) gabaasa Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiheesseen Itoophiyaa keessatti yakka waraanaa fi yakka namoomaa irratti raawwatamu Itoophiyaa itti fufee jira jedhe. Biyyatti keessatti nageenyi bu’eera jechuun rakkisaa ta’uu gareen kun akeekkachiiseera.

Gabaasni fuula 21 qabu kun akka ibsutti, qaamolee waraana kana keessatti hirmaatan hundi waraanni erga dhaabbatee irraa eegalee gocha hammeenyaa raawwataniiru. Gochoota hammeenyaa tarreeffaman keessaa ajjeechaa, gudeeddii, beeleessuu, dhaabbilee barnootaa fi fayyaa barbadeessuu, buqqaasuu fi seeraan ala hidhuu ni argamu.

Waliigaltee nagaa kun sagalee meeshaa waraanaa cal jechisiisuus, walitti bu’iinsa kutaa kaabaa biyyattii keessattuu Tigraay keessatti uumame hin furre, nagaa guutuus hin fidne jedhan dura taa’aan komishinichaa Mohaammad Chaandi Otmaan. Haalli Itoophiyaa keessa jiru ammas baay’ee hamaadha jedhan.

Sadarkaa biyyaatti, keessumaa naannoo Amaaraa fi Tigraay keessatti yakki namoota nagaa irratti raawwatamu baay’achaa dhufuu himan.

Akka gabaasa komishinichi dhiheessetti hammeenya hidhattoota Eertiraa fi Amaaraa Tigraay keessatti raawwatan itti fufee jira. Gudeeddii fi miidhaa saalaa dubartoota irratti raawwatamu babal’achuus akeekeera.

Dhimmoota komishinichi gabaasa kana keessatti saaxile keessaa naannoo Oromiyaa keessatti humnoonni nageenya mootummaa namoota nagaa irratti hidhaa fi dararaa raawwataniiru kan jedhu argama. Naannoo Amaaraatti labsiin ariifachiisaa erga labsamee booda ammoo namoota nagaa irratti gochi hammeenyaa hedduun raawwatamuu beeksiseera. Yoo xiqqaate haleellaan diroonii tokko mootummaa federaalaan raawwatamuus eereera.

Mootummaan Itoophiyaa qaamolee yakka kana raawwatan seeraan akka qorataman yookaan akka gaafataman taasisuu dhabuu isaa kan qeeqe komishinichi, mootummaan inumaayyuu xiyyeeffannoo kan laate marii haqa ce’umsaa miidhamtootaaf iddoo hin laannee irrattii jedhe. Qorannoon idil addunyaa akka hin gaggeeffamneefis danqaa ta’eera jechuun qeeqeera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button