ODUUSIYAASA

Oduu: Uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa Oromiyaa keessatti labsameen walqabatee warshaan sukkaara Finca’aa hojii dhaabuu himame

Finfinnee, Guraandhala 02/2024 – Naannoo Oromiyaatti waamicha lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa marsaa lammataaf Dilbata darbe Amajjii 28 galgala irraa eegalee labsameen wal-qabatee warshaan Sukkaara Finca’aa hojii dhaabuu Addis Standard hojjetaa warshichaa irraa odeeffateera. 

Hojjetaan warshichaa Addis Standard dubbise tokko akka jedhutti, warshichi hojii idilee isaa kan dhaabe guyyaa kaleessa irraa yoo ta’u, “yaaddoo nageenyaa labsii uggura geejjiba kanaan walqabatee uumameen konkolaattotni warshichaa gara oyiruu shonkoraa deemanii oomisha sassaabuu dadhabuu isaanii” hojii dhaabuu kanaaf sababa ta’uu himeera.

Oduu walqabatuun labsii lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa guyyaa shanaffaarra gahee kanaan walqabatee magaalaa Naqamteetti barnoonni sadarkaa oolmaa daa’immanii hanga yuunivarsiitii Wallaggaatti hojii baruufi barsiisuu dhaabuu isaanii barataan yuunivarsiitii Wallaggaa  tokko Addis Standard’tti himeera. 

Manneen barnoota cufamaniin alatti manneen daldalaa magaalittii keessa argamanis cufamuu barataan kun dabalee himeera. “Suuqiin hundi cufaadha, gabaanis hin jiru. Baankiwwanii fi waajjiraaleen mootummaa banaadha garuu maamiloonni fayyadaman hin jiran,” jedhe.

Itti dabaluun, “kaleessa galgalaa sa’aatii tokko kaasee magaalaa Naqamtee keessa dhukaasni deemaa akka ture” himeera.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalota Daduu, Kombolchaa fi Sululaa Finca’aatti sochiin geejjibaa fi gabaa dhaabbachuu jiraataan magaalaa Kombolchaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standard’tti himeera. 

Kana malees, Wiixata irraa eegalee sochiin geejjibaa magaalaa Amboo qaxxaamuree gara godinaalee Wallaggaa geessu dhaabbachuu Addis Standard jiraattota magaalaa Amboo irraa odeeffachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Konkolaachisaan geejjiba fe’umsaa Finfinnee fi Lixa Oromiyaa gidduu deddeebi’uun hojjettu tokkoos yaada jiraattotni kunneen laatan cimsuun sababa uggura geejjibaa waamameen geejjibni gara Lixa Oromiyaa taasifamu dhaabbachuu himeera. “Sochiin geejjibaa waan dhaabbateef anis konkolaataa koo dhaabeera,” jedhe konkolaachisaan kun.

Sochiin uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa kun eenyuufi sababa maaliin akka labsame wanti ifatti himame jiraachuu baatus, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) harka duubaa qabaachuu gabaasaaleen ni eeru. Haata’u malee gareen hidhattootaa kun dhimmicharratti ifatti wamichi godhe hin jiru.

Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa dhimma “waamicha lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa” labsame ilaalchisee ibsa Wiixata galgala baaseen, naannichatti “tajaajila geejjibaafi daldalaa danquun ummata gidirsuuf aggaammiin taasifamuu” ibse ture. Haata’u malee, “tarkaanfii caasaan mootummaafi nageenyaa fudhachuu eegaleen yeroo ammaa bakka tokko tokkotti hawaasni sochiifi hojii isaa eegaleera,” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button