ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Lammiileen Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiran irratti “balaan lubbuu aggaamamuu” himan

Finfinnee, Guraandhala 02/2024 – Jalqaba baatii darbe keessa mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu hordofee lammiilee Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiraatan irratti doorsisa fi miidhaan gahaa jiraachuu himan.

Battaluma waliigalticha hordofee Somaalilaandiitin akka qaama bulchiinsa ofiitti kan ilaalu mootummaa Somaaliyaa irraa mormiin kan dhagahame yoo ta’u, lammiilee biyyattii irraas miira walfakkaataa mul’ateera. 

Lammii Itoophiyaa nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne tokko yaada Addis Standard’tti laateen, waliigalteen kun erga dhagahame booda “lammiilee Itoophiyaa, keessattuu dhalattoota Oromoo irratti balaan aggaamamuu” hime. 

“Ergaa akeekkachiisaa barreeffamaan darbaa jiruun dhalattootni Oromoo Somaaliyaa keessa jiran qe’ee isaanii gadhiisanii akka baanu doorsifamaa jirra,” jechuun Addis Standard’tti hime.

“Yeroo murtaa’e keessatti yoo gadhiiftee baate lubbuun kee, qabeenyi kee fi maatiin kee ni fayyu. Garuu mataa jabeessitee yoo osoo hin deemin hafte dargaggoota dallanaa jiran kana ni argita waan ta’eef adabbiin lubbuu kan si mudatu ta’u waadaa siif seenna,” ergaa barreeffamaa maxxanfamaa jiru Addis Standard ilaaletu jedha.

Kana malees, naannoo Jubaalaand jedhamu keessa dhalattuu Oromoo tokko irratti ajjeechaa raawwatamu fi kanneen biroo irratti miidhaan qaqqabuu kan himu namni Addis Standard dubbise kun, “Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa (UNHCR) eeggannoo barbaachisaa akka nuuf taasisu xalayaa barreessinuus hanga ammaatti tikni taasifame waan hin jirreef sodaa gudaa keessa jirra,” jedhe.

Baqattoota seeraan galmaa’uun biyyattii keessatti argamaniif eegumsiifi tajaajilli hawaasummaa kan akka fayyaa, barnootaafi kanneen biroo garaa garaa akka kennamaa hin jirre ibsuun, yeroo ammaa kanatti garuu “tikni adda ta’e” akka kennamu UNHCR gaafataniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhalataan Oromoo biraa kutaa biyyattii Jubaalaan jedhamu keessa jiraatu Addis Standard dubbise dabalee akka mirkaneesseetti, waliigalticha hordofee dhiibbaa baqattoota Oromoorra gahaa jiru hammaachuu himeera. 

“Doorsisa fi akeekkachiisni deemaa jiru sodaachisaadha. Baqattootni butamaniis akka jiran dhagahaa jirra,” kan jedhe jiraataa naannoo Jubaalaand ta’e kun, UNHCR dabalatee dhaabbilee mirga baqattootaaf falman dhimma kanaaf xiyyeeffannoo akka laatan gaafateera. 

Balaan kun garuu baqattoota Somaaliyaa jiran irratti qofa kan aggaamame miti. Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand erga ifoome guyyoota muraasaan booda lammiileen Itoophiyaa Somaalilaand jiraatan irrattis miidhaan gahaa jiraachuu BBCn bakka bu’aa baqattootaa dubbisuun gabaase ture.

Bakka bu’aa baqattootaa Gaanfa Afrikaa, Bahaafi Gidduugala Afrikaa kan ta’e Ibsaa Alishoo Habiib yaada BBCf kenneen, ”gaafa oduun waliigaltee kuni dhagahame uummanni haalaan bahee simannaa gochaa ture,” jedha. Tahus guyyaa sadii booda uummati, jalqaba waliigalticha faarsaa ture mormuu jalqabe jedhe.

Hiriira kanaan booda bakka Oromoon baayyee qubatu xiyyeeffatanii, ”namoota keenya miidhaa qaamaa, qabeenya isaanii saamuu, ibiddaan mana isaanii gubuudhaaf yaalii godhan,” kan jedhu Ibsaan, mormii kanaan manneen Oromoo diigamuu fi qabeenyas saamamuu himeera. 

Addis Standard dhimma baqattoota Itoophiyaa Somaaliyaa fi Somaalilaand keessa jiran ilaalchisee dhaabbata UNHCRtti waajjira damee Bahaa Afrikaa kan qunname yoo ta’u, dhaabbatichi deebii barreeffamaan kenneen, haleellaa baqattoota Itoophiyaa irratti raawwatame jedhame ilaalchisee bakka bu’oota hawaasa baqattootaa irraa odeeffannoo kan isa qaqqabe ta’uus “iddoowwan haleellaan raawwatamuu himame dhaqqabuu waan hin dandeenyeef” mirkaneessuu akka hin dandeenye ibseera.

Haata’u malee, dhaabbatichi yaaddoo qabu Ejensii Buqqa’iinsaa fi Baqattootaa Biyyaalessaatti kaasuun naannolee baqattootni balaadhaaf saaxilaman keessatti hojjettoonni nageenyaa dabalataa akka bobba’an haala mijeessuu eereera. Kana malees, qaamolee mootummaa waliin ta’uun nageenya baqattootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button