ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan gaazexeessitoota baay’ee hidhuun Afrikaa irraa sadarkaa sadaffaarra teesse

Finfinnee, Amajjii 23/2024 – Itoophiyaan gaazexeessitoota baay’ee hidhuun bara 2023 keessatti biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa sadaffaa qabachuu ishee dhaabbata idil addunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu ‘CPJ’ gabaasa dhuma torbee darbeetti baaseen beeksiseera. 

Ragaa hanga Muddee 01, 2023 sassaabameen Itoophiyaa keessatti gaazexeessitootni 8 “sababa hojii isaaniin” mana hidhaa keessa akka argaman dhaabbatichi ibseera.

Afrikaa irraa biyyi gaazexeessitoota baay’ee hiite Eertiraa yoo taatu, gaazexeessitootni 16 mana hidhaa biyyattii keessa akka argaman ibsameera. Masriin ammoo gaazexeessitoota 13 hidhuun sadarkaa lammaffaarra argamti. 

Afrikaatti bara 2023 keessa hanga Muddee 01tti waliigalaan gaazexeessitootni 67 hidhamuu kan kan ibse CPJn, gabaasa bara darbedhaanis biyyoota ardichaa irraa sadarkaa tokkoffaarra kan turte Eertiraan baranas hidhaa gaazexeessitoota 16n Afrikaa irraa tokkoffaa, addunyaarra ammoo torbaffaarra kan argamtu ta’uu eereera.

CPJn bara xumurame 2023 keessatti sadarakaa idil addunyaan baay’inni gaazexeessitoota hidhaman 320 ta’uu fi kunis dhaabbatichi bara 1992 gama kanaan gabaasa qopheessuu erga eegale booda lakkoofsa olaanaa galmaa’e isa lammaffaa ta’uu ibseera. Hidhaa gaazexeessitoota 360 bara 2022tti galmaa’e lakkoofsa olaanaa ta’ee argama. 

Sadarkaa addunyaatti Chaayinaan gaazexeessitoota 44 hidhuun sadarkaa tokkoffaarra yoo argamtu, Maaynmaar (43) fi Belaaruus (28) walduraa duubaan sadarkaa lammaffaa fi sadaffaarra argamu. Addunyaarra sadarkaa jahaffaarra kan argamtu Israa’el, Onkoloolessa 07, 2023 Hamaas waliin waraana erga eegalte booda qofa gaazexeessitoota 20 hidhuu gabaafameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button