DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan qarqara sadarkaa liqaa biyya alaa kaffaluu hin dandeenyerra argamti jedhame

Finfinnee, Muddee 09/2023 – Itoophiyaan akkaataa kaffaltii boondii doolaara biliyoona tokko gabaa idil-addunyaatti gurgurte irratti marii liqeessitoota ishee waliin taasifte bu’aa malee xumuramuu isaa hordofee sadarkaa liqaa biyya alaa kaffaluu hin dandeenyerra gahuuf qarqararra akka jirtu Rooyitars gabaaseera. 

Mariin Itoophiyaan dhaabbilee gurguddoo bittaa boondii biyyattii raawwatan waliin taasifamaa ture kaleessa Muddee 8, 2023 bu’aa malee xumurameera kan jedhe Rooyitars, biyyi yeroo tokko guddina ariifataa galmeessuun abdatamaa turte amma liqii ishee kaffaluu dadhabdeetti jechuun ibse.

Itoophiyaan dhala doolaara miiliyoona 33 Muddee 11 kaffaluu qabdu kaffaluu akka hin dandeenye bitattoota boondiishee ijoo waliin marii taasisaa turteef beeksisuu ishee Rooyitars Ministeera Maallaqaa wabeeffachuun gabaaseera.

Ministeerri Maallaqaas guyyoota hafan keessatti liqeessitoota keenya waliin waliigalteerra gahuu hin dandeenyu jechuun beeksisuu isaa gabaasichi eereera.  

Koreen dhaabbilee boondii bitaniin ijaarame gama isaatiin, Itoophiyaan kaffaltii dhalaa eegamu kaffaluu hin danda’u jechuun ishee “kan hin barbaachifnee fi kan hin eegamne” jechuun qeeqeera. Qondaaltota mootummaa waliinis marii gaggeessuuf qophii ta’uus koreen kun akeekeera. Itoophiyaan bitattoota boondii ishee waliin bu’uura marii biraa irratti akka mari’attu Ministeerri Maallaqaa ibsuus gabaasni Rooytars eereera. AS

Related Articles

Back to top button