ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: MM Abiy gareewwan hidhatan “meeshaa waraanaa isaanii lafa kaa’anii marii nagaa irratti akka fuulleeffatan” gaafatan

Finfinnee, Guraandhala 06/2024 – Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Guraandhala 06 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaatanii gaaffiilee miseensota mana marichaa irraa dhiyaataniif deebii fi ibsa wayita kennan, gareewwan hidhatanii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an meeshaa waraanaa isaanii lafa kaa’uu fi marii karaa nagaa irratti bobba’uun walitti bu’iinsa amma deemaa jiru hiikuu qabu jedhan.

Muummichi Ministiraa ibsa bal’aa osoo irratti hin dhiyeessiin, mootummaan isaanii gareewwan hidhattoota yaada adda addaa qabatanii biyyattii keessatti socho’an hunda waliin “marii gaggeessuuf qophii ta’uu” itti fufee jira jedhan.

Mootummaan tarkaanfii “seera kabachiisuu” akka itti fufu kan mirkaneessan MM Abiy, garuu gareewwan mariidhaaf qophaa’an yoo jiraatan “balballi keenyas banaadha” jedhan. 

Itti dabaluunis, “Itoophiyaa keessatti waggoottan 50 darban keessa yaadaan wal falmuu mannaa bu’aa siyaasaa ofii galmaan ga’uuf qawwee fayyadamuun mul’ateera” kan jedhan MM Abiy Ahimad, kunis nagaa waaraa fiduuf gufuu kan uume ta’uu ibsaniiru. “Rakkoon kan furamuu danda’u marii qofaani” kan jedhan muummichi ministiraa, “Itoophiyaa keessatti kana booda qawwee fayyadamuun gara aangootti dhufuun hin danda’amu” jedhan.

“Nageenyi waan galmaan ga’uuf hawwinu hundaaf barbaachisaa dha,” jechuun kan dubbatan yoo ta’u, hir’ina kutannoo marii araaraaf jiraachuu malu irratti mul’atu dhimma ijoo nagaa biyyattii booressu ta’uu ibsaniiru.

Akka MM Abiy Ahimad jedhanitti, marii araaraa tibbana Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin taasifame irratti bu’aa murteessaa ummataaf beeksifamuu malu hin jiru. “Qallbii isaanitti deebi’anii akkaataa seera biyyattii kabajeen mari’achuuf fedhii yoo agarsiisan, nuti yeroo hunda qophiidha,” jechuun hubachiisaniiru.

Haata’u malee, gareen isaan “Shanee” jedhanii waaman taateewwan ajjeechaa, butamuu fi saamicha lammiilee nagaa naannoo Oromiyaa keessatti dabalaa dhufe duuba jiru jechuun himataniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Namoota ajjeeste fi butte sana [ati hoogganta] jechuun sirrii miti…” jedhan.

Waldhabdee waggoota shaniif naannoo Oromiyaa keessatti jiruuf furmaata laachuuf humnoota mootummaa fi humnoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan mootummaan yeroo baay’ee Shanee jedhee waamu, gidduutti mariin marsaa lamaan gaggeeffame waliigaltee malee xumuramuu ni yaadatama.

Naannoo Amaaraa ilaalchisee ammoo, marii godinaalee naannichaa hunda keessatti gaggeeffameen komii ummataa gurguddoo sadii adda baasuu isaanii ibsaniiru. Isaanis; “misooma, fooyya’iinsa heera mootummaa, fi dhimmoota daangaa daangessuu waliin walqabatu” jedhan.

Mootummaan isaanii gaaffilee kana furuuf yaalii godhe bal’inaan kan ibsan MM Abiy Ahimad, “ijaarsa daandii, riqicha fi bakkeewwan turistii naannoo Amaaraatti waggoota shanan darban keessatti hojjetamaa turaniiru” jedhan. 

Dhimmi fooyya’iinsa heera mootummaas karaa Komishinii Marii Biyyaalessaatiin kan ilaalamu ta’a jedhaniiru. Kana malees, mootummaan dhimmoota daangaa waliin walqabatan marii fi murtoo uummataa (rifarandamii) nagaa waaraa buusuuf kaayyeffate furuuf fedhii cimaa akka qabu ibsaniiru.

Naannoo Tigiraay ilaalchisee, bu’aa qaama raawwii Waliigaltee Piriitooriyaa ta’uun geejjibni qilleensaa deebi’ee eegaluu, invastimantii Birrii miiliyoona 100n tajaajila telekoomii deebisuuf, akkasumas Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa baankilee naannicha keessa jiran deeggaruuf maallaqa birrii biiliyoona 10 kennuu eeraniiru. 

Dabalataanis, warshaaleen 217 hojii eegaluu, dhaabbileen barnootaa fi fayyaa tajaajila kennaa jiraachuu kaasaniiru. Haa ta’u malee ammas hojiiwwan tumsaa fi marii dabalataa barbaadan hafan akka jiran dubbataniiru. AS

Related Articles

Back to top button