DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Siinoodoosiin Itoophiyaa “waliigalteen saalqunnamtii saala walfakkaataa” akka qoratamu gaafate

Finfinnee, Guraandhala 13, 2024 – “Sochiin waliigaltee saalqunnamtii saala walfakkaataafi dhimmoota walfakkaata biroo akka qaama daldalaa, siyaasaa, diinagdee, haqaafi mirga namoomaa taasisuuf godhamu” akka qoratamu siinoodoosiin Itoophiyaa gaafate.

Siinodoosichi ibsa baaseen, mootummaan Itoophiyaafi mootummoonni Afrikaa hariiroo saalqunnamtii saala walfakkaataa mormuun duudhaa amantaa, hawaasummaafi xiinsammuu akka ardittiin qabdu akka eegsisan dhamaniiru.

“Sochiileen karaa dhoksaaafi ifa ta’een biyyoonni Baha Fagoo gaggeessaa jiran” kan mormu ta’uu dabalee ibseera. Waliigalteen akkasii “cubbuu waan ta’eef” mootummaan Itoophiyaa akka hin mallatteessine gaafataniiru.

Imaammata barnootaa gaarii fakkaatan kan barnoota saalaa fi mirga saalaatiin walqabatan kan akka saala jijjiirrachuufi hariiroon saalqunnamtii saala walfakkaataa rakkoo hawaas-dinagdee walxaxaaa taasisan jedhee kan amanu ta’uu eereera. Lammiileen akka mormaniifi mootummaan xiyyeeffanoo akka itti laatu siinodoosichi yaadachiiseera.

“Qaamoleen gochaa saalqunnamtii walfakkaataa kana babal’isuuf hojjatan” gochasaanii akka dhaabaniifi qalbii jijjiirrannaadhaan akka deebi’an gaafataeera.

Oduu biraaatiin, koreen amantii Itoophiyaa ibsa Jimaata darbe baaseen, waliigaltee daldalaafi diinagdee waggoota 20f turu Itoophiyaafi biyyoonni Afrikaa tokko tokko Gamtaa Awurooppaa waliin malalatteeessan kan mormu ta’uu ibseera.

Qabxiileen waliigaltee barattoonni Barnoonni Walqunnamtii Saalaa Waliigalaa akka baratan dirqu barsiisa mana amantittiin kan wal hin simanneefi “balaa kan qabuudha” jedhaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Siinoodosichi ibsa kanaan waliigalticha keessatti hiikni jecha saala jedhu ifatti kan hin eeramin ta’uu ibsuun qabxiileen waliigaltee kunneen aadaafi duudhaa biyyattii kan faalleessan ta’uu mirkaneeffadheera jedhe. AS

Related Articles

Back to top button