ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand hordofee wal-gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti mul’achaa jiru akka tasgabbaa’u Ameerikaan waamicha taasifte

Finfinnee, Amajjii 04/2024 – Waliigaltee “seena qabeessa” Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallatteefame  hordofuun wal gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti umamuu danda’u akka qabanaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa gaafateera.

Dubbi-himaan ministeerichaa Maatiw Milar ibsa Roobii miidiyaaf laateen, gabaasni Gaanfa Afrikaatii bahaa jiru Ameerikaa kan yaaddeessu ta’uu himeera.

“Nuti [Ameerikaa] waahillan birootti dabalamuun waldhabdee Gaanfa Afrikaatti dabalaa jiru kun guddaa kan nu yaaddeessu ta’uu ibsina,” ibsichatu jehde.

Ameerikaan birmadummaafi tokkummaan “daangaa Somaliyaa kan bara 1960 daangeeffame” akka kabajamu dubbi-himaan kuni dhaameera.

Haa ta’u malee, dubbi-himaan kuni waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand kuni fudhatama qabamoo hin qabu kan jedhu ifatti osoo hin deebisin “qaamoleen dhimmichi ilaallatu marii nageenyaa akka gaggeessan waamicha taasifna” jedheera.

Oduu wal fakkaatuun, dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Mussaa Muhaammat Faakii Itoophiyaafi Somaaliyaan “gochaa hariiroo biyyoota Baha Afrikaa lamaanii booreessuu danda’u irraa akka of tiksan dhaameera.”

“Biyyoonni lameen Dimmokraatikii Riippablikii Somaaliyaafi Itoophiyaa dabalatee tokkummaa, daangaafi birmadummaa biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa akka akka kabajan” gaafateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallatteeffame kan Itoophiyaaf ulaa galaanaa argamsiisuufi Somaaliilaand Itoophiyaarraa beekamtii ittii argachuu dandeessu mallatteeffamuu Somaaliyaa waliigatichi “fudhatama hin qabu” jetteerti.

Waliigalteen kunimallattaa’uu hordofee manni marii Somaaliyaa walgahii hatattamaa taa’een waliigalteen kuni “fudhatama hin qabu” jechuun ambaasaaddara isaa Itoophiyaa jiru gara biyyaatti waamteerti.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hassan Seek Muhaammud ibsa paarlaamaaf kenneen, waliigaltee kuni“tokkummaafi birmadummaa Somaaliyaa kan hubu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin, ibsa kaleessa baaseen gadhimma beeekamtii argachuu Somaaliilaand “gadifageenyaan kan xiinxalu” ta’uu ibsuun Itoophiyaan nageenyaafi faayidaa walootiif kutannoo kan qabu ta’uu eereera. 

Haaluma wal fakkaatuun, Gamtaan Awurooppaa, Liigiin Arabootaafi Mootummoonni Misoomaaf Gamtoomanii (IGAD) yaaddoo qaban ibsuun qaamolen lamaan akka qabbanaa’aniif waamicha taasisaniiru.

 Gamtaan Awurooppaa ibsa baaseen, qaamoleen waldhaban tokkummaa dangaa, birmadummaa Somaaliyaa kabajuun barbaachisaa ta’uu ibseera. “Qajeelfama kana kabajuun Gaanfa Afrikaatti nagaa buusuuf murteessadha” Ibsichi gamtichaa jedheera.  

Mootummoota Misoomaaf Gamtoomanii (IGAD) “dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa” jiraachuu eeruun “nageenya naannichaa booreessuu danda’a” jedheera. Liigiin Arabootaa waliigaltichaa balaaleffachuun mootummaa Somaaliyaa kan tumsu ta’uu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button