XIINXALA ODUU

Xiinxala: Sirni barnootaa dhuguma kufaaatiii guddaa keessa jiraa?

Finfinnee Onkololeessa 19, 2023 – Barattoota 845,000 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessa harka 97 ta’an qormaaticha kufuu ministeerri barnootaa ifoomsuun ni yaadatama. Barattoonni harka 3 ta’an qofa qormaaticha darbuun qulqullina barnootaa irraa kan ka’e moo kufaatiin imaammata barnoota jiraachuu mul’isa?

Rakkooleen biroo haa jiraatan malee imaammanni barnootaa kufaatii guddaa keessa jiraachuu ogeeyyoonni Addis Standard dubbise ibsaniiru.

Yuunivarsitiii Amboo qajeelcha Instituutii Barnootaa fi Jijjirama Amalaatti Gargaaraa Piroofeesaraa Iskindir Jambaree (PHD) akkaataan ministeerri barnootaa qrormaata ittii qopheessaa jiru gahumsa barattootaa ilaaluuf yaadamee osoo hin taane qormaata cimsuu irratti kan xiyyeeffate fakkaata jedha. Qulqullina baruu fi barsiisuu fooyyeessuu fi  gahumsa barattootaa guddisuu irratti kan xiyyeeffatee miti jedha Inskindir.

Qormaanni qophaa’uu rakkolee baruu fi barsiisuu booreessan hubannoo keessa kan galchee miti jedheera. Waggoota kudhanii darban keessa barattoonni miliyoona 30 ol ta’an manneen barnootaa 47,000 ol ta’an keessatti barachaa turaniiru. Yuunivarsitiiwwaanis akkasum babal’ataniiru.

Manneen barnoota biyyattii keessatti argaman keessa 85.9 kan ta’an sadarkaa qulqullina barnootaa gadi aanaa kan qabaniidha. Rakkoo qulqullina barnoota furuuf hojii tokko osoo hin hojjatin qormaata cimsanii barattoota kuffisuun qulqullina barnoota mirkaneessuu hin danda’uu jechuun Iskindir mormeera.  

Jalqaba gahumsa barsiisotaa fi barattoota dabaluu fi qulqullina barnootaa irratti hojjatamuu akka qabu hubachiiseera.

Yuunivarsitii Finfinneetti Qorataa Gahumsa Barnootaa Sisaay Annillay (PhD), gama isaatiin, meeshaalee deeggarsa barnootaa guutuu irratti xiyyeeffatamu akka qabu hima. Gahumsa barsiisotaa fi qulaullina barnootaa irratti xiyyeeffachuun gahumsa barattoota guddisuun kan danda’amu ta’uu hubachiiseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ministeeerri ministeera barnoota Biraanuu Naggaa (PhD) afgaaffii televiziyoona Itoophiyaa wajjiin tibbana taasiseen barattoonni 12ffaa kuni hundi ni kufu jedheen kan hin yaadin ta’uu eeeruun taatee uumameen kan gadde ta’uu ibseera. Haa ta’u malee, sabab ministeerichi qarshii kitaaba ittiin maxxansu hin qabneef barattoonni hedduu kitaaba malee barachaa jiraachuu amaneera.

Barnoota dhimma siyaasaatiif hojiirra oolchuun kufaatii sirna barnootaatiif sababa ijoo ta’uu Iskindir ibseera. Barsiisonni fi dura buutonni manneen barnootaa kan muudaman gahumsa isaanitiin osoo hin taane ilaalcha siyaasaa irratti hundaa’ee ta’uu dabalee himeera.

Rakkoolee sirna barnootaa hudhanii qaban

Waraanni, weerarri Koroonaa, rakkoo misooma bu’uuraa fi hir’inni gahumsaa rakkolee ijoo sirna barnoota huban keessaadha. Sababa Koroonaatiin barattoonni miliyoona 26 ta’an ji’oota saddeetiif barnootaaddaa kutuun mana isaanii turaniiru.

Barttoonni miliyoonaan lakkaa’aman barnoota addaan kutanii turaniiru. Gabaasni biiroon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiyeenya kana baaseen sababoota waraanaa fi balaa uumamaatiin manneen barnoota 9,382 ta’an barbaada’uu, 4,262 cufamuu addeessee ture.

Naannooleen Tigraay, Amaaraa fi Affaar waraanaan garmalee hubamuu ereera. Barattoonni milyoona 2.3 naannolee kanneen keesatti argaman barnoota dhaabuu ibseera. Haa ta’u malee Oromiyaa fi Gaambeellaa fi Beenishangul Gumuz nannolee sababa wal waraansaatiin kan hubamna keessatti argamu.

Iskindiirii fi ogeeyyonni biroo haala kanaan kan itti fufu yoo ta’e sirni barnootaa kufaatii irra jiraachuu sodaa kan qaban ta’uu ibsaniiru. AS

Back to top button