DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Hanqinni kitaaba barnootaa mudate xiin-sammuufi qabxii barattoota irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu himame

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Guraandhala 14/2024 – Ministeerri Barnootaa jijjiirama imaammata gurguddaa waggoota dhufan keessatti qulqullina barnoota ni fooyyeessu jedhee gara hojiitti seenuus haala bulchiinsa sirna baruu fi barsiisu keessatti danqaaleen hedduu mudachuu itti fufaniiru. 

Danqaalee haala baruufi barsiisu irratti dhiibbaa geessisaa jiran keessaa hanqina kitaaba barattootaa isa ijoo ta’uu barsiisota fi barattoota Addis Standard dubbise ni himu. 

Imaammata barnootaa haaraa hojiirra oolchuun dura kitaabota haaraa maxxansee barattootaaf kan raabsu ministeera barnootaa ture. Erga yeroo dhiyoo asi garuu itti gaafatamummaan kun biiroolee barnootaa naannolee waliin akka qoodamu godhameera. 

Haaluma kanaanis, manneen barnoota sadarkaa tokkoffaatiif kitaaba kan dhiyeessu biiroo barnoota naannichaa yoo ta’u, manneen barnoota sadarkaa lammaffaatif ammoo ministeera barnootaatu dhiyeessa.

Haa ta’u malee, hawaasa manneen barnootaa komii hanqina kitaaabilee kaasaa tureef furmaata hin laanne. 

“Naannoo Oromiyaatti kitaabilee barnootaa barattoota hunda bira geessisuuf hanga waggaa lama fudhachuu danda’a”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal
Biiroo Barnoota Oromiyaa

Hammeenya rakkoo kanaaf agarsiistuu tokko ta’u kan danda’u, tibbana Biiroon Barnoota Oromiyaa naannicha keessatti barattoota hundaaf kitaaba barnootaa raabsuuf hanga waggaa lama fudhachuu akka danda’u beeksisuu isaati.

Hogganaan biirichaa Tolaa Bariisoo (PhD) turtii tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin, hanga ammaatti kitaabilee miiliyoona 20 ta’an barattootaaf kan raabsame ta’uus, barattoota hunda biratti kitaabilee barnootaa geessisuu dadhabamuun isaa qulqullina barnoota irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.

“Naannichatti kitaabilee barnootaa barattoota hundaan geessisuuf hanga waggaa lama fudhachuu danda’a,” jechuu isaanii DhPI gabaaseera.

Naannoo Oromiyaa keessatti barattoota miiliyoona 7 ol argamu kan jedhan hogganichi, barattoota sadarkaa duraaf kitaaba kan dhiyeessu biiroon barnoota Oromiyaa yoo ta’u, barattoota sadarkaa lammaffaaf ammoo itti gaafatamummaa kana kan qabu Ministeerri Barnootaa ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Ministeerri Barnootaa kitaaba barattoota kutaa 9 hanga 12 jiraniif dhiyeessuu qabu dhibbeentaa 35.7 qofa ta’uu dubbataniiru. Barattoota sadarkaa duraaf ammoo kitaaba barbaachisu miiliyoona 36 keessaa hanga ammaa maxxanfamee kan raabsame miiliyoona 15 qofa ta’uus eeraniiru.

‘Barattootni haala kana keessa qabxii gaarii akka galmeessan eeguun abjuudha’

Rakkoon hir’ina kitaabaa kun karoora adeemsa baruufi barsiisuu garmalee walxaa taasisuu kan kaasan barsiisonni, keessumaa qophii karoora barnootaa baasuu irraa eegalee barattoota qormaata biyyooleessaatiif taa’an qormaataaf qopheessuu irratti rakkachaa jiraachuu himaniiru.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Koloneel Alamuuu Qixxeessaatti kan barsiisan Firdiisaa Alamuu (maqaan kan jijjiirame) dhimma kana ilaalchisee yaada Addis Standarditti laataniin, “hanqinni kitaabaa rakkoolee qulqullina barnootaatiin walqabatan keessaa isa ijoo fi dursa kennamu qabuudha,” jedhu. Rakkoon hanqina kitaaba barnootaa kun xiinsammuu barattoota qormaata biyyaaleessaa fudhatan irratti dhiibbaa guddaa uumuu himu. 

Kitaabileen kunneen karaa dijitaalaatiin moobaayilaafi komputaraan dhiyaachaa jiranis, haalli kun barattoota baadiyyaafi harka qalleeyyii kan intarneetiifi moobaayila hin qabneef bu’aan inni qabu gadi aanaa ta’uu barsiisaan kun eeraniiru. “Moobaayila akkasii barataa mitii barsiisaanuu hin qabu,” jedhan. 

Barsiisaa kan biraa godina Qeellam Wallagaa aanaa Qilxuu Kaarraatti barsiisuus yaada Firdiisaa mirkaneessuun mana barumsaa isaanii keessatti hanqina kitaabaa jiraachuu himan. “Keessumaa kitaabonni akka seenaa, infoormeeshin teeknoolojii fi Ikonomiksii gonkumaa mana barumsaa keenya keessatti hin jiran,” jedhan.

“Kitaabonni jiran lakkoofsaan xiqqoo ta’uurraa kan ka’e barataan sadi kitaaba tokko dabareedhaan akkas dubbisan taasisaa jirra. Sababa kanaaf barattootaaf hojii manaa kennuuf rakkanneerra,” jedhan. 

Barsiisaan kun itti dabaluun haalli kun xiin-sammuu barattoota irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu eeruun, furmaata atattaamaa akka barbaadu himu. “Keessumaa barattoonni qormaata biyyaaleessaatiif dhiyaatan dhiphina guddaa keessa jiru. Qormaatichi maalirraa akka bahuufi maal akka dubbisuu qabaniyyuu kan hin beekne waan ta’eef barattoonni burjaaja’anii jiru.”

Akka barsiisaan kun jedhanitti, kitaaba gahaa osoo hin dhiyeessanii barattoota sirnaan osoo hin qopheessiin qormaatarra teessisuun xiinsammuu barattootaa kan miidhu waan ta’eef qabxii gaarii akka galmeessan eeguun “abjuu” dha.

Barataan Hundaa’ol godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti barataa kutaa 12ffaati. Baatilee muraasaan booda qormaata seensa yuunivarsiitii fudhachuuf qophiirra kan jiru ta’uus, rakkoo hir’ina kitaabaa adeemsa baruufi barsiisuutti waanjoo ta’uu hima. 

Kitaaba gahaa argachuu dhabuun isaa qophii qormaata biyyaaleessaatiif taasisaa jiru irratti dhiibbaa kan uume ta’uu eeruun, mobaayila harkaan dubbisuun qo’annaaf mijataa miti akka hin taane hime. “Moobaayilarraa yeroo dheeraaf taa’anii dubbisuun hin danda’amu. Akkasumas, rakkina qaroo keenyarratti qaqqabsiisuu danda’a,” jedhe.

“Rakkoon hir’ina kitaabaa rakkooleen jijjiirama imaammata barnootaatiin walqabatee uumaman irratti dabalamuun xiinsammuu barataarra dhiibbaa gahaa jiru walxaxaa taasiseera,” jechuun barataan kun himeera.

Maatiin gara garaa Addis Standard dubbisees haalli hanqina kitaabaa kun qaala’insa jireenyaatti dabalamuun dhiibbaa guddaa irratti uumuu himu.

“Maatiileen humna qaban kitaabilee qarshii isaaniitin maxxansifatu. Keesssumaa maatiin daa’imman lakkoofsaan hedduu qaban maallaqa guddaa baasaa jiru. Barattoonni maatilee harka qalleeyyii kana gochuuf humna hin qabne kitaaba hin argatan” maatii tokkotu jedhe.

‘Rakkoon kitaabaa hanqina sharafa alaatiin walqabata’ – Ministeera Barnootaa

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa tibbana turtii miidiyaa mootummaa waliin taasisaniin, rakkoon kitaabaa hir’ina sharafa alaatiin kan walqabatu ta’uu himaniiru. 

Kitaabota kanneen maxxansiisuuf maallaqni guddaan kan barbaachisu ta’uu kan eeran Pirof. Birhaanuu, ministeerichi maallaqa hedduu baasuun kitaabota haaraa biyya alatti maxxansiisee gara biyyaa galchuun manneen barnootaatti kan raabse ta’uus kitaabonni kunneen hanga barbaadamuu gadii ta’uu himaniiru.

Kitaaba barbaadamu guutamuu kan hin danda’amees rakkoo sharafa alaatiin walqabtee ta’uu ministirichi eeran. 

Rakkoo sharafa alaa kanaatiifis akka furmaataatti, mana maxxansa kitaabaa biyya keessatti dhaabuu karoora kan qabu ta’uu ministeerichi eereera. AS

Related Articles

Back to top button