DHIMMA HAWAASAAGULAALLI
Trending

Gulaalli: Namoonni dhiibbaan lakkaawwaman beelaan erga du’anii booda, miliyoononni ammallee balaa kanaaf saaxilamaniiru; Haaluun dhiifamee, otoo hin barfatiin balaa biyyaaleessaa ta’uunsaa haa labsamu!

Finfinnee, Muddee 29/2023 – Sababa hongeefi waraanaatiin oomishni midhaan nyaataa waggoota hedduuf hubamuu hordofuun Itoophiyaatti keessumaa naannolee Tigraayiifi Amaaraa keessatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman beelaan du’aa jiru.

Hir’ina bokkaa dhiibbaa bubbee Galaana Diimaafi La Niinaatiin walqabatee mudateen Itoophiyaan hongee waggoota afran darbaniif Itoophiyaan hongeedhaan miidhamtee jirti. Mallattooleen akeekkachiisanis jiru.   

Naannoo Tigraayitti aanaalee afur keessatti namoonni 400 du’uufi isaan keessa daaa’imman 25 ta’uu aanga’oonni amananiiru.

Namoota du’an keessaa walakkaa kan ta’an aanaa Abargallee Yachiilaa kan godina giddugaleessaatti argamtuufi aanaa Atsbaa kan bahatti argamtu keessattiidha. Iddoowwan kunneen hongeefi waraanaan garmalee hubamaniiru.

Hongeen hammaataan lafa qonnaa heektaara 132,000 kan godinoota kaaba, kaababahaafi lixa Tigraayitti argaman hubuun omisha bara dhufuu miidhuuf jira. Yero ammaa namoonni miliyoona lama godinoota shaniifi aanaalee 32 keessa jiraatanrakkina hir’ina nyaataatiif saaxilamuu hordofuun aanga’oonni naannichaa “koree deebii hatattamaa” kennu hundeessaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, naannoo Amaaraa Godinoota Waaghimraafi Kaaba Gondar kan waraanaafi hongeedhaan hubaman jiraattoota irratti dhiibbaa guddaan gahaa jira. Ji’a Onkololeesssaa keessa godinoota lamaan keessatti qofa namoonni 20 du’uufi beeyladoonni 85,000 ol dhumuu gabaafameera. Akkasumas, sababa rakkoo nageenyaa hojiin gargaarsa namoomaa uggurameera. Hongeefi hubamuu omisha midhaanii namoonni miliyoona tokkotti dhiyaatan aanaalee 43 keessa jiraatan beelaaf saaxilamaniiru.   

Kibba fi kibba-baha biyyattii keessumaa naannoo Oromiyaa godina Booranaafi naannoo Somaalii godinaalee Afdar, Liibanfi Dawaatti kan hongee kanaan dura hubeen irraa guutumatti hin dandamatin beelaaf saaxilamaniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gabaasa dhaabbanni mallattoolee beelaaraaguu baasee agarsiisutti, Itoophiyaanonni hedduu kan godinoota garaagaraatii buqqa’aniifi balaa garaagaraatiin hubaman midhaan nyaataa argachuu hin dandeenye jedheera. Namoonni biroo balaa lolaatiin buqqa’uufi qabeenhi barbadaa’uu gabaasichi eereera.

…deebii laatame yookiin xiyyeeffannoon aanga’oonni federaalaa rakkinichaaf kennaan rakkoo hir’ina midhaan nyaataa hammaataa lafa irratti mul’atuun wal hin gitu.

Dhaabbatichi naannoo Tigraay beelaan hubaman, Somaalii kibbaafi kibbabaha Somaalii, naannoo Oromiyaafi Amaaraa naannolee balaa keessa jiran (IPC Phase 4) keessatti ramaduun balaa cimaa qaqqabsiisuu danda’a jedheera. Sababa balaawwan kunneen qaqqabsiisan irraa kan ka’e jalqaba bara 2024 keessa omishini midhaaniifi beeyladaa hammi eegamu hin argamu yoo ta’e rakkoo jiru hammaataa (IPC Phase 5) ta’a,” jechuun gabaasichi akeekkachiseera. 

Rakkoo midhaan nyaataa sadarkaa 6ffaan (IPC Phase 6) hin jiru. 

Haa ta’u malee, deebiin yookiin xiyyeegfannoon aanga’oonni federaalaa rakkoo beelaa hammaataa ji’oota darbaniif mudachaa ture kanaaf kennan rakkoo lafa iira jiru hin gitu. 

Komishinarri bulchiinsa balaa tasaa Shifarraaw Takalamaariyaam (PhD), qaamoleen gaaga’ama kana beelaafi anmoonni beelaa du’uu akka hin gabaafne akeekkachiiseera. Komishinarichi turtii miidiyaa moortummaa waliin hidhata qabu waliin turtii taasiseen,”odeeffannoon hongeen beela qaqabsiisaa jira jedhu sobaafi qaamolee kaayyoo dhoksaa qabaniin balaballeeffamaa jira,” jedheera.

Hongeen lubbuu maatilee kumaatamaan lakkaa’amanii hubuufi beeyladoota miliyoonaan lakkaa’aman kutaa biyyaa garaagaraatti galaafachuu gaazexeessitoonni keenya daawwii dirree taasisan gabaasa dhiyyeessuu hordofuun waamichi miidiyaan keenya waamicha taasisee ture.

Gaaga’ama namoomaa mudateef gargaarsi maallaqa birrii biliyoona 15.2 godina naannoo Amaaraa saddeet, kan Affaar sadiifi kan Tigraay sadii keessatti godhamuu eeruun kana keessa biliyoona 4.2 dhaabilee gargaarsaarraa argamuu komishinarichi eereera. Gargaarsi kuni hojiirra yoo oole gaarii ta’us namoota beelaan du’aa jiraniif barfachuunsaa hin oolu. 

Kana malees, nannoolee tokko tokkorratti rakkoon nageenyaa gargaarsa namoomaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu komishinarichi haa eeru malee rakkoon jiru hammaataa ta’uufi tarkaanfii murteessaan fudhatamuu akka qabu hin dubbanne. 

Guraandhala 2022 irraa kaasee rakkoo kanaaf gargaarsi barbaachisaan akka sassaabamuuf mootummaan labsiin yeroo muddamaa akka labsamu miidiyaan keenya waamicha taasisaa tureera. Waamicha kana kan taaasifne akkuma gaazexeessitoonni keenya dirree dhaqan haalli jiru ulfaataa ta’uu irraa kan ka’e lubbuun maatiileen kumaatamaan lakkaa’amanfi beeyladoonni miliyoonaan ta’an miidhamuu akkuma gabaafneen ture. Ji’ooota digdama booda namoonni dhiibbaan lakka’aman dhumanii boodayyuu mootummaan labsii yeroo muddamaa labsuu mitii rakkoon jiru ulfaataa ta’uuyyuu amanuuf fedhii hin qabu.

Beela bara 1984 lubbuu miliyoonotaa galaafateetti aansuun beelli aaanga’oota mootummaa amanan isa amma naannoo Tigraayiiifi Amaaraa keessatti mudateedha.

Miliyoononni d’uaaf saaxilamaniiru. Aanga’oonni hiika jechootaa irratti walfalmuu dhiisanii labsii yeroo muddamaa biyyaalessaa labsuu qabu.

Bulchiinsi naannoo Tigraay ‘Koree deebii hatattamaa’ ijaaruun alatti maallaqa birrii miliyoona 50 ramaduun, abbootii qabeenyaa, diyaaspooraa Tigraayiifi qaamolee dhimmi ilaalatu biroo gargaarsa lubbuu baraaruu kanatti akka hirmaatan waamicha taasiseera. Kuni gaarii ta’us mootummaan federaalaa haala mijeessuufi qindeessuu keessatti gaheesaa bahachuu qaba.   

Naannoo Amaaraa godina Waag Himraatti namoonni gargaarsa namoomaa barbaadan keessan gargaarsa marsaa jalqabaa kan argatan 42% kan ta’an qofa ta’uu aanga’oonni naannichaa ifoomsaniiru. Kuni rakkoo jiruuf deebii gahaa godhamee ilaalamuu hin qabu. 

Gaaga’amni jiru ulfaataa ta’uu hubachuu dhabuuniifi namoonni du’aa jiraachuu amanuu dhiisuun rakkoon jiru akka hammaatu taasisaa jira. Miliyoononni du’aaf saaxilaamanii jiru. Aanga’oonni akkaataa rakkoon kuni ittiin ibsamu irrattti wal falmuu dhaabanii osoo hin barfatin llabsii yeroo muddamaa labsuu qabu. AS

Related Articles

Back to top button