ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaatti haleellaa hidhattootni raawwataniin baqattootni Oromoo torba ajjeefaman

Finfinnee, Guraandhala 06/2024 – Kibba Somaaliyaa naannoo Geedoo bulchiinsa Balad Hawoo jedhamu keessatti haleellaa hidhattootni “uffata waraana biyyattii uffatan” Dilbata darbe Guraandhala 04, 2024 raawwataniin baqattoota Oromoo torba ajjeefamuu fi jaha madaa’uu jiraattotni Addis Standard’tti himan. 

Haleellaan hidhattootaa kanaan kan miidhaman baqattoota Oromoo naannawaa Balad Hawoo keessatti hojii mana rifeensaa dabalatee hojiiwwan garagaraa irratti bobbahan ta’uu jiraattotni Addis Standard dubbise himaniiru.

Dhalataan Oromoo biyya Somaaliyaa keessa jiraatu fi nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko akka Addis Standard’tti himetti, haleellichi bulchiinsa Balaad Hawoo [daangaa Itoophiyaatti dhiyeenyaan kan argamatu] keessatti Guraandhala 04 halkan keessa naannoo sa’aatii 8:00tti raawwatame. 

“Hidhattootni uffata waraana Somaaliyaa uffatan halkan keessa naannoo sa’aatii saddeetitti mana Oromoorra naanna’uun rasaasaan haleellaa raawwachuu eegalan. Haala sanaan dhalattoota Oromoo torba rasaasaan rukutanii ajjeesan. Kan biroo jaha ammoo madeessanii biraa deeman, Kanneen madaa’an keessa lama du’aa fi lubbuu gidduu jiru,” jedhe. 

Lammiileen Itoophiyaa ajjeefaman keessaa sadi dhiira, afur ammoo dubartoota ta’uu kan hime jiraataan kun, isaan alattis haleellaa kanaan dubartiin Somaaliyaa “hidhattoota haleellicha raawwatan dhaabsisuuf yaalaa turte” tokkos akka ajjeefamte dabalee himeera. 

“Daa’imni haati fi abbaan jalaa ajjeefamellee jira. Dargaggoo torbe tokko dura gaa’ela isaanii gaggeessanis warroota ajjeefaman keessaa argamu.”

Baqataan Oromoo biyya Somaaliyaa keessa jiraatu kan biraanis ajjeechaa Dilbata darbe hidhattootaan raawwatame mirkaneessuun, isaan alattis achi buuteen namoota 22 dhabamuu Addis Standarditti himeera. “Oromoonni 22 kan haleellaa kana dheessanii miliqan hanga ammaatti eessa akka jiran hin beekamne.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Baqattootni Addis Standard dubbise qaamoleen haleellaa kana raawwatan “uffata idilee waraana biyyattii uffatanii turan” jedhanis, qondaalli bulchiinsa Balad Hawoo kan ta’an Abdirashiid Abdii dhimma haleellaa kana ilaalchisee yaada BBC Somaaliif laataniin, ajjeechaa kana hidhattoota al-Shabaabitu raawwate jedhanii akka shakkan himan.

‘Qaamoleen nageenyaa eegumsarraa deebi’aa turan sagalee dhukaasaa dhagahanii yeroo naannicha gahan namoonni torba ajeefamanii argan” jedhan qondaalli kun.

”Namoonni ajeeffaman hundi warra hojii barbaaachaaf garana dhufanidha. Haa tahu malee, namoonni ajjeefaman haaraa naannicha kan qaqqaban ta’uufi dhiisuu, yookis warra dura achi jiraataa turan ta’uusaanirratti yaada kennuu hin danda’u.”

Itti dabaluun Abdirashiid, ”gama eenyummaa warra ajjeechaa kana raawwatan immoo, warra yeroo hunda nama ajjeesuun beekaman shakkina. Ragaaleen hedduun shororkeessitoota al-Shabaab ta’uusaanii akeeku,” jedhan.

Qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan kunniin amma yoonatti hin qabamne kan jedhan qondaalichi, gaaffii maaliif baqattoota irratti xiyyeeffachuun ajjeesan jedhuuf, ”ajjeechaan kun ajjeechaawwan irra deddeebiin biyyattii keessatti mudatanirraa adda miti,” jedhan.

‘Oromoo irratti duula qindaa’aatu gaggeeffamaa jira’ – baqattoota

Jalqaba baatii darbe, Amajjii 01 bara 2024, keessa mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu hordofee lammiilee Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiraatan irratti doorsisa fi miidhaan gara garaa gahaa jiraachuu jiraattotni Addis Standard dubbise himu.

Battaluma waliigalticha hordofee Somaalilaandiitin akka qaama bulchiinsa ofiitti kan ilaalu mootummaa Somaaliyaa irraa mormiin kan dhagahame yoo ta’u, lammiilee biyyattii irraas miira walfakkaataa mul’ateera.

“Duraan uummata Somaaliyaa waliin nagayaan jiraachaa turre” kan jedhu baqataan Oromoo Addis Standard dubbise tokko, waliigalteen kun erga dhagahame booda garuu lammiilee Itoophiyaa, keessattuu dhalattoota Oromoo irratti “duula qindaa’aa” gaggeeffamaa turuu hime. 

“Waliigalticha booda mootummaan Somaaliyaa fi uummatni isaanii adda durummaan uummata Oromoo irratti duula jibbiinsaa gagggeessaa jiru. ‘Galaana keenya kan nurraa fudhachuuf deemaa jiru mootummaa Oromooti, kan nu bira dhufe gidduu keenya jiraatus uummata Oromooti’ jechuun nurratti kakaasaa turan,” jedhe. 

Itti dabaluudhaan, “ergasii akka dur magaala keessa socho’uu sodaannee manatti dachaane. Garuu manas teenyee haleellaan hin dhaabbanne,” jedhe. Haleellaa tibbanaa alattis Amajjii 10, 2024 naannoo Jubaalaand jedhamu keessa dhalattuu Oromoo tokko irratti ajjeechaa raawwatamu fi kanneen biroo irrattis miidhaan qaqqabuu himeera.

Baqattootni kunniin sababa yaaddoo nageenyaa qabaniin eegumsi akka taasifamuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa (UNHCR) xalayaadhaan kan gaafatan ta’uus deebii akka hin arganne himu. 

Addis Standard dhimma baqattoota Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiran ilaalchisee dhaabbata UNHCRtti waajjira damee Bahaa Afrikaa kan qunname yoo ta’u, dhaabbatichi deebii barreeffamaan kenneen, haleellaa baqattoota Itoophiyaa irratti raawwatamaa jiru ilaalchisee odeeffannoo kan isa qaqqabe ta’uu fi “qaamolee mootummaa waliin ta’uun nageenya baqattootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu” ibseera.

Haata’u malee baqattootni Addis Standard dubbise, “hanga ammaatti eegumsi taasifame akka hin jirre” kaasuun UNHCR dabalatee dhaabbilee mirga baqattootaaf falman hundi dhimma kanaaf xiyyeeffannoo gahaa akka laatan gaafataniiru. AS

Related Articles

Back to top button