DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Wixineen labsii Ministeerri Barnootaa qopheesse aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifameedha – ABO

Finfinnee, Muddee 05/2023 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) wixinee labsii Ministeerri Barnootaa baase kan eeyyama dubartoota da’aniif kennamu guyyaa 15 qofa ta’uu labsu mormuun ibsa baase. Dameen Dubartootaa fi Daa’immanii ABO ibsa baase kanaan, wixinee labsii ministeerri barnootaa qopheesse “aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifameedha” jedhe.

Ministeerichi wixinee labsii haaraa baase barattuun tokko sababa dahumsaatiin guyyoota 15 fi sanaa ol barnoota irraa yoo hafte bara barnootaa sana irraa kan ittifamtu ta’uu akka labsu ibsameera.

Dameen Dubartootaa fi Daa’imman ABO ibsa kana ilaalchisee baaseen, “wixineen labsii ministeerri barnoota tibba kana qopheesse inni kutaa afraffaa keeyyata 15 tartiiba lakkoofsaa 5 irratti labsame eeyyama dubartoonni dahumsaaf fudhatan daangeessu kun, mirga dubartoonni barachuu qaban kan sarbuu fi seerota heera biyyattii keessatti tarreeffaman kan faallessu tahuutti hubanna,” jedhe.

Wixinee labsii kunis mirga dubartoonni uumamaan qaban sarbuu fi seerota heera biyyattii keessatti tarreeffaman faallessuu dabalatee, wal qixxummaa dhiiraa fi dubartiis akka dhiibutti amanna jedha ibsichi.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qoodni dubartootni Oromoo qabaachaa turanii fi har’as kennaa jiran olaanaa ta’uu kan kaase ABOn, “dubartoonni Oromoo qabsoo roga hundaa, bifa gara garaan gaggeeffamaa turee fi jiru keessatti qooda qabsoo kennaa turaniin, wareegama qaalii qaamaa fi qalbii hanga lubbuutti kaffalaa turaniin mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo utubanii, itichanii akka har’aan gahan seenaan ragaa baha,” jedhe.

Kanuma waliin, Damee Dubartootaa fi Daa’imman ABO jaarmiyaalee siyaasaa mirga dubartootni siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban akka kabajamu hojjatanii fi bilisummaa ummatootaaf qabsa’an waliin kan hojjataa turee fi hojjetaa jiru tahuu ibseera.

“Ministeerri barnootaa dubartiin haadha, obboleettii, haadha warraa fi daa’ima hawaasa bal’aa ta’uu osoo beekanii, mirga uumamaan dubartoonni qabanitti bu’uun ija hawaasa bal’aatti bu’uudha,” kan jedhe ABOn, wixineen labsii kun “aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifame” waan taheef labsii kana ni mormina, duras dhaabbanna jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dameen Dubartootaa fi Daa’imman ABO ibsa kanaan, ministeerri barnootaa “wixinee sarbama mirga dubartootaa tahe kana” akka haquu fi qaamoleen dhimmi ilaallatan hundi addatti ummanni baal’aan wixineen kun akka hojiitti hin hiikamneef akka dura dhaabbatan waamicha taasiseera.

Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman lakkoofsaan 10 ta’an ibsa torbee darbe keessa baasaniin wixinee labsii ministeerri barnootaa baase kan eeyyama dubartoota da’aniif kennamu guyyaa 15 qofa ta’uu labsu mormuun irra deebiin akka qoratu ministeericha gaafachuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button