AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

Seenessa: Kitaabota Afaan Oromoo qabiyyee garagaraa qaban mul’achuun gaarii ta’uus qulqullina irratti hanqina guddaatu jira – Hayyoota Og-barruu

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Fulbaana 26/2023 – Ummanni Oromoo saboota Afrikaa gurguddoo aadaa, afaanii fi seenaa waloo qaban keessaa isa tokko. Ummatni guddaa kun sirna bulchiinsaa addaa sirna Gadaa jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, kunis fakkeenya kalaasikii bifa dimokiraasii aadaa Afrikaati jedhu beektoonni saayinsii hawaasaa.

Afaan Oromoon qaama maatii Afroo-Eeshiyaa damee Kuush kan ta’ee fi Afrikaa keessatti afaan baay’inaan dubbatamuun sadarkaa 3ffaa irratti argamuudha. Afaan kunis akkaataa garaagarummaa naannoo isaatin loqoda hedduu of keessa qaba.

Oromoon og-barruu barreeffamaa guddifachuu baatuus, seenaa, aadaa, beekumsaa fi amantaa mataa isaa afaaniin dhaloota gara dhalootaatti dabarsaa ture, ammas dabarsaa jira jedha Yoomiyyuu Mul’ataa, Preezdaantii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa.

Hawaasni addunyaa kanarra jiru hedduun bara og-barruu barreeffamaa guddate keessattillee ogbarruu afaaniin dubbatamu fayyadamuu irraa bilisa ta’uu hin dandeenye. Keessattuu warri sadarkaan ogbarruun barreeffamaa isaanii xiqqaa ta’e, ogbarruun afaaniin dubbatamu irratti baay’ee hirkatanii, mana kuusaa beekumsa dhalootaa aadaa fi seenaa itti dabarsaniidha jedha Yoomiyyuun. “Dhaabbileen, duudhaan, aadaan fi amantaa, hawaasa dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye keessatti irra caalaan isaanii ogbarruu afaaniin dubbatamaniin walqunamu,” jedha.

Yuunivarsiitii Wallaggaatti Gargaaraa Piroofeesaraa fi Yuunivarsiitii Finfinneetti ammoo kaadhimamaa PhD kan ta’e Fedhasaa Taaddasaa akka jedhutti, guddina og-barruu Oromoo keessatti gaheen misiyoonota guddaa ture, keessattuu Joon Luudwiig Kraapf. Bara 1840moota keessa Joon Luudwiig Kraapf qubeen Sabe’aan Afaan Oromoo barreessuuf gaarii akka hin taane agarsiise. Afaan Oromoo barreessuuf qubeen Laatiin caalaatti mijataa fi gaarii ta’uu mirkaneesseera. 

Itti dabaluunis, Kraapf biyya Oromoo nama jalqaba Ormania jedhe moggaaseedha jedhe. Garboonni Oromiyaa irraa gara biyyoota biroo kan akka Xaaliyaanii, fi Jarmanitti gurguraman turan. Misiyoononni warra gurguraman bilisa baasanii afaan adda addaa barsiisaniiru, kunis gumaacha og-barruu Oromoo keessatti bakka guddaa kan qabudha jedha.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, Onoosmos Nasiib (Abbaa Gammachiis) fi Asteer Gannoon og-barruu Oromoo guddisuu keessatti namoota gahee guddaa taphatanii ta’uu kaase. Onoosmos Nasiib waggoota kudha sadiif sochii cimaa taasisan keessatti kitaabota torba kan hiikan yoo ta’u, isaan keessaa lama Asteer Gannoo waliin kan hiikan. Kitaabonni tokko tokko jildii gabaabaa turan. Galmee jechoota Afaan Oromoo-Swiidish kan jechoota gara 6000 of keessaa qabus barreesse ture. 

Afaan Oromoon afaan bal’inaan dubbatamu ta’uus, Gaanfa Afrikaa keessatti har’allee og-barruu baay’ee guddate hin qabu. Seenaa Aadaa uummata Oromoos ta’e imaammanni afaanii mootummaa Itoophiyaa haala kanaaf itti gaafatamaa ta’uu hayyoonni afaanii lamaan irratti waliigalu.

Qormaata og-barruun Oromoo baroota darban keessatti mudate

Akka yoomiyyuun jedhutti, bara 1950moota keessa Sheek Bakrii Saaphaloo qubee Afaan Oromoo haaraa tolchuu keessatti nama carraaqqii guddaa taasisanidha. Qubeewwan Arabaa tokko tokko fakkeessanii uumuuf yaalanii turan. Garuu otoo hin xumuriin biyyarraa baqachuuf waan dirqamaniif achi booda rakkoolee hedduu isaan mudate.

Akka Gargaaraa Piroofeesara Fedhasaa Taaddasaa jedhutti, biyya Itoophiyaa keessatti imaammata gosaa galoommuu jedhamu jira. Gosaa tokkotti galuu, Afaan tokkoo dubbachuu, Aadaa tokkoo hordoofuu fi amantii tokkoo hordofuu jedhudha jedha Fedhasaan. Sirni kun hanga 1974tti itti fufee ture kan jedhu Fedhasaan, bara 1990moota keessa Afaan Oromoo afaan mootummaa, afaan mana barnoota ta’uun tajaajila hedduu kennuu jalqabee jedha.

Bara 1992 irraa eegalee kitaabota kanneen akka Suuraa Abdii fi Godaannisa dabalatee kitaabonni hedduun Afaan Oromootiin maxxanfamaniiru. Yeroo kanatti maxxansi kitaabaa xiqqaa ture. Warraaqsi haaraan bara 2005 dhaloota Qubeen eegale booda dargaggoonni hedduun kitaaba qabiyyee fi qulqullina olaanaa qabu maxxansuu jalqaban, jedha pireezdaantii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa kan ta’e Yoomiyyuun.

Cunqursaa fi uggurri baroota darban keessa Afaan Oromoo irratti raawwatamaa ture guddina ogbarruu Oromoo irratti dhiibbaa guddaa geessiseera kan jedhu Fedhasaan, afaan tokko bifa barreeffamaan yoo mul’ate qofa kan guddachuu danda’u jedha. Akka Fedhasaan jedhutti bara 2018 irraa eegalee kitaabota maxxansuun salphaa ta’uu isaarra kan ka’ee kitaabni Afaan Oromoo baay’inaan maxxanfamaa jiru jedhe. Haata’u malee qulqullina irratti sadarkaa gadi aanaatu mul’ata jedhe.

Gama qabiyyeen yoo ilaaluu jedha Fedhasaan, “barreeffamoonni keenyi harki caalaan isaa siyaasa irratti xiyyeeffatu. Sababiin kun ta’eef immoo, waan cunqurfamaa turreef, mirgi keenyas daangeffamee waan tureef ta’uun isaa ni hubatama. Kun akkuma jiruun yoo ilaalee qabiyyeen isaa baay’ee dhiphoodha, og-barruun keenya seenaa jaalalaa fi jireenya hawaasummaa dabalatee qabiyyeewwan hedduu giddu galeessaan tuqu qaba,” jedhe.

Hanqinaalee Og-barruu Oromoo keessatti mul’atan

“Rakkooleen og-barruu keenya qabiyyee qofa irratti kan fuulleeffatee qofa miti” jedha barsiisaa Fedhasaan, itti dabalees, dubbistoonni muraasa ta’uu eera. “Yoo dubbisuu baanne yaada kennuu hin dandeenyu, kanaaf sadarkaa kalaqaa ol guddisuuf dubbisanii qeequun nu barbaachisa,” jedhe. 

Akka Yoomiyyuun ibsutti, bara 2010 og-barruu Oromoo keessatti warraaqsi eegale. Yeroo kana kitaabonni hedduun kan maxxanfaman yoo ta’u, yeroo darbe irraa adda ta’ee qabiyyee adda addaan mul’ateera. Haa ta’u malee sadarkaan qulqullina barruulee kunneen gaaffii keessa galeera jedha Yoomiyyuun.

Dhimmi waltiinaa (walteessuu) dhimma ijoo Afaan Oromoo ta’uu eeruu hayyoonni lamaan kun. Kanaaf ammoo waltiina hunda galeessa godhee hojjachuun baay;ee murteessaadha jedhu. “Keessumaa koreen waltiina bara 1980moota keessa ture, amma garuu waan hojiirra jiru miti, biyyoonni yookaan Afaanoonni garagaraa koree waltiina qabu, kanaafis akkadamii waltiina irraa deebiin hundeessuun baay’ee barbaachisa,” jedha Yoomiyyuun.

Barreeffamoonni Afaan Oromoo harki caalaan isaanii gama siyaasa irratti kan xiyyeeffatan ta’uu eeruun, dhimmoota biroo kan akka jireenya hawaasummaa, rakkoo diinagdee, fi rakkoo fayyaa irrattis xiyyeeffachuu qabna jedhe Yoomiyyuun. Fedhasaan gama isaatiin, “dargaggoonni keenya walaloo barreessuu bira darbee, walaloo barreessuudhaan alaa waan haaraa maalan gumaachu qaba jedhanii of gaafachuu irratti xiyyeeffachuu qabu” jedhe.

Dandeettii barreessuu, sirna xuqaalee fi dogoggorri qubee rakkoo baay’inaan mul’atudha kan jedhan hayyootni lamaan kun, saayinsii, afoola fi kalaqumaan og-barruu keessatti walsimachuu akka qaban kaasan.

Akksumas, Waldaan Qo’annoo Oromoo, Biiroo Barnoota Oromiyaa, Giddu Gala Aadaa Oromoo, ogeeyyii teeknooloojii, fi hayyoonni Oromoo Afaan Oromoo sadarkaa amma irra jiru irraa ol guddisuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button