DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Liigiin Musliimaa Addunyaa Masjiida Al-Najaashii deebisanii dhaabuuf akka tumsu beeksise

Finfinnee, Hagayya 21/2023 – Barreessaa Olaanaa dhaabbata miti mootummaa Liigii  Musliima Addunyaa Dr. Mohaammad bin Abdulkariim Al-Isaa daawwannaa Dilbata kolleejjii Awwaliyaa magaalaa Finfinnee keessatti argamutti taasisaniin Liigichi Masjiida Al-Najaashii sababa waraana Naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tureen miidhame deebisanii dhaabuuf tumsa akka taasisu ibsan.

Mootummaa Itoophiyaa fi Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa yaada tumsa Liigichi haaromsa Masjiidichaaf dhiyeesse jajaniiru.

Pirezdaantii Waldaa Hayyoota Muslimaa kan ta’an Dr. Mohaammad Al-Isaan daawwannaa kolleejjii Awwaliyaatti taasisaniin hojjettoota fi barattoota koolleejjicha waliin mari’ataniiru. Eebbifamtoota kolleejjichaa dhimmoota Islaamummaa fi namoomaa irratti hirmaatan galateeffachuun, hojii kana itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Al-Isaan haasaa isaanii keessatti Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim fi namoota kolleejjichaa to’achaa jiran galateeffataniiru. 

Sheek Haaji Ibraahim jilli Liigii Musliima Addunyaa daawwannaa Kolleejjii Awwaliyaatti taasisaniif galateeffataniiru. Ummanni Itoophiyaa jilli kun faana abbootii isaa hordofee biyya isaa lammaffaa yeroo daawwatu simannaa ho’aa akka taasisu dubbataniiru.

​Barreessaa Olaanaa Liigii  Musliima Addunyaa fi Pirezdaantii Waldaa Hayyoota Musliimaa Dr. Mohaammad Al-Isaa fi jilli isaanii daawwannaaf gara Itoophiyaa kan dhufan torbe darbe keessa yoo ta’u, Pireezdaantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawdee fi Ministirri Muummee Abiy Ahimad waliin adda addaatti wal arguun marii gaggeesaniiru. Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim fi qondaaltonni mootummaa biroos walga’ii lamaan irratti hirmaataniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button