DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Sagantaan Nyaata Addunyaa miidhaan nyaataa baqattootaaf raabsuu eegale

Finfinnee, Onkolooleessa 10, 2023 – Sagantaan Nyaata Addunyaa (World Food Program) baqattoota Itoophiyaa keessa jiran 90,000 ta’aniif tajaajila miidhaan nyaataa raabsuu eegaluu beeksise.

Dhaabbatichi ibsa baaseen, baqattoota biyyoota ollaa irraa dheessuun Itoophiyaa keessa jiran lakkoofsaan 90,000 ta’an mooraa baqattootaa garaagaraa keessatti argamaniif gargaarsa miidhaan nyaataa raabsuu eegaluu ibseera. Baqattoota tibbana waldhabdee Sudaan dheessuun gara Itoophiyaa galaniif tajaajila kennuu eegaluu dhabbatichi addeesseera. Baqattoota Somaaliyaa, Eritraa fi Sudaan Kibbaa 85,000 ol ta’an Itoophiyaa keessa jiran keessaa baqattoonni Sudaan 35,000 ta’an ji’a jahan darban keessa gara Itooophiyaa galan tajaajila gargaarsaa kana barbaadaniif ta’uu eereera.

Sababa addaan cituu gargaarsaatiin wabiin nyaataa mooraa baqattootaa gadii bu’aa dhufuu ibsuun rakkooo dhiyeessii nyaata madaalamaa jiraachuu ibsichi addeesseera.

Saamichaa fi qisaasa’ina hambisuuf jecha kuusa miidhaanii mooraa baqattootaa biyyattii keessatti argaman 24 giddugaltummaa mootummaa Itooophiyaa malee ofiisaatiif too’achaa jiraachuu dhaabbatichi eereera. Malaammaltummaafi saamicha sababeeffachuun Sagantaan Nyaata Addunyaa gargaarsa miidhaan nyaataa addaan kutuun Waxabajjii keessa beeksiuun ni yaadatama.

Oduu wal fakkaatuun, dhaabbanni gargaarsa Ameerikaa (USAID) tajaajila gargaarsa miidhaan nyaataa Itoophiyaatti baqattootaa fi buqqaatotaaf taasisu addaan kutuu ibsee ture. Haa ta’u malee, heroo xiqqoo booda USAID baqattootaaf qofa gargaarsa miidhaan nyaataa eegaluu ibsee ture.

Dhaabbanni gargaarsaa kuni tajaajila kana kan eegale hojii gargaarsa raabsuu guutumatti hojjattoota USAID kan gaggeeffamu waan ta’eef mootummaan Itoophiyaa gochaa kana keessatti akka hin hirmaannee waliigalteerra erga gahanii booda ta’uu ibsameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button