DHIMMA HAWAASAAXIINXALA

Xiinxala: Rakkoo maallaqaa Itoophiyaa keessatti mudachaa jiru diinagdee biyyatti irratti dhibbaa guddaa geessisaa jira

Itoophiyaan biyyoota gatiin maallaqa isaanii haalaan gadi bu’uu waliin wal’aansoo qaban keessaa ishee tokkooti. Guraandhala 2022 irraa eegalee birriin doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 39%n gadi bu’eera (Suuraa: static.vecteezy.com)

Finfinnee, Adoolessa 06/2023 – Maallaqni Itoophiyaa jijjiirraa maallaqa idil-addunyaa faana wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee gadi bu’aa dhufeera. Keessattuu Doolaara Ameerikaa faana yoo ilaallee gatiin isaa daran gadi bu’aa dhufeera. Sadarkaan amma maallaqni Itoophiyaa irra jiru yoo ilaallee kan kanaan duraa ture irraa baay’ee kan gad bu’ee dha. Yeroo ammaa kanatti jijjiirraa seera qabeessaatin dolaarri tokko birrii 55n gurguramaa jira. Isa seeraan alaatin ammoo dachaadhaan dabalee birrii 110n gurgurama. Garaagarummaa jijjiiraa dolaara seera qabeessaa fi seeraan ala gidduu jiru dachaa ta’uun isaa taate diinagdee biyyattii keessatti kanaan dura mul’atee hin beekneedha. 

Itoophiyaan biyyoota sadarkaa addunyaatti gatiin maallaqa isaanii haalaan gadi bu’ee keessa ishee tokkooti. Akka ragaan dhiyeenya kana ‘Troubled Currencies Project’ irraa argame ibsetti, Amajjii bara 2022 irraa eegalee gatiin maallaqa Itoophiyaa dolaara Ameerikaa waliin qabu dhibbeentaa 40n gadi bu’eera. 

Daayirektara pirojaktichaa Isteevan Haankee barreeffama baatii tokko dura Twitara isaarratti maxxanseen rakkoon diingadee biyyatti sababa hoggansa biyyattii irraa madda jechuun qeeqeera. 

Itoophiyaan biyyoota maallaqaan rakkatan keessaa sadarkaa 13ffaa irra akka jirtu odeeffannoo pirojekticha irraa argame ni mul’isa. Pirojektiin kun dhaabbata yaada qorannoo imaammata kaatoo inistitutii jedhamu, kan Waashingitanitti argamuun kan jalqabamee yoo ta’uu, biyyoota kan akka Zimbaabuwee fi Sudaan Kibbaa waliin biyyoonni Afrikaa hedduun waggaa darbe keessatti gatiin maallaqaa isaanii saffisaan gadi bu’uu agarsiise kurnan keessaa tokko ta’uu ishee ni ibsa. Guraandhala bara 2022 irraa eegalee doolaarri Zimbaabuwee doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 95% gadi bu’uu isaa agarsiisa, paawundiin Sudaan Kibbaa ammoo 55% gadi bu’eera.

Akka Isteevan Haankee jedhutti biyyoonni adda addaa maallaqa biyya isaanii akka hin tasgabbaa’in taasisan jedheef sababoota kan akka rakkoo bulchiinsa, waraana biyya keessaa fi qoqqobbii dinagdee isaanii irraa kaa’amedha jedha. Rakkoon Itoophiyaan keessa jirtu haala inni ibsu waliin kan wal fakkaatudha. Xiinxala Haankeef fakkeenya guddaa akka taatee sababoota inni dhiyeesse ni agarsiisa. Waggoota darban keessa waldhabdee kaaba biyyattii dabalatee naannolee adda addaa keessatti balaa guddaa geessisuun biyyattiin haalaan miidhamtee jirti. Sababa kanaan kuufamni maallaqa alaa ishee haalaan hir’ateera. Akka gabaasa Caamsaa 2022 dhaabbata bulchiinsa invastimantii ‘Cepheus Growth Capital’ jedhamu maxxansee ibsutti, kuufamni maallaqa alaa Itoophiyaa sadarkaa nama yaaddeessu doolaara biiliyoona 1.3 irra ga’eera jedha.

Haalli kun waan baay’ee nama yaaddessuu ta’uu bira darbee, kuufamni sharafa alaa irratti yaaddoo qaban kaasuun, mijataa ta’uu dhabuu qofa osoo hin taane sababa sodaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Qoorataa Wiirtuu Guddinaa Addunyaa kan ta’ee Tewoodros Makonniin (PhD) akka jedhetti  “tasgabbii dhabuu fi walitti bu’iinsi kun turizimii fi invastimantii alaa jiru daangessuun galii maallaqa alaa gufachiiseera,” jedhe. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Biyyi Afrikaa baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa irra jirtu kun yeroo dheeraaf hanqina sharafa alaa waliin wal’aansoo wal qabaa turte. Haa ta’u malee, dhiheenya kana michoonni misoomaa maallaqa waadaa galan dhorkuu isaaniitiin dhimmichi sadarkaa jabaa ta’ee irra gaheerra. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen yaada bara baajataa Itoophiyaa kana yeroo dhiyeessutti, maallaqni biyyoota fi waajjiralee michoota misoomaa irraa waadaa galame keessaa harki guddaan akka addaan citee cimsee dubbateera. Waggoota lamaan darbanitti gargaarsi maallaqa alaa karoorfame keessaa 22% gadi ta’uun rakkoo maallaqa alaa kanaaf gumaacha taasiseera.

Itoophiyaan biyyoota maallaqni isaanii qormaata guddaa keessa jiru keessaa sadarkaa 13ffaa qabattee jirti (Suuraa: cato.org)

Maallaqni ergamu irra caalaa karaa al-seeraa yookaan gabaa gurraachaan jijjiramuun isaa rakkoo jiru jabeesseera. Bara darbe maallaqni gara Itoophiyaatti ergame waliigalatti Birrii biiliyoona 7.1 akka ta’e gabaasni Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ni agarsiisa. Garuu akka tilmaama Baankii Addunyaa bara 2017 irratti hundaa’uun, maallaqni waliigalaa keessaa 78% karaa al-seerummaatiin ergama.

Garaagarummaan gabaa idilee fi gabaa seeraan alaa gidduu jiru adda durummaan fedhiin maallaqa cimaa gabaa walfakkaatu irratti bitachuu fi gurguruu dabaluu irraa kan ka’e ta’uu keessa beektonni himu. Daldala gabaa gurraacha seeraan alaa naannoo Tiyaatira Biyyoolessaa Itoophiyaatti gaggeeffamu keessatti nama ijoo kan ta’e Fiqruu Yaadataa (maqaan isaa kan jijjiirame) gabaa gurraachaa irraa dolaara warrii bitan, keessattuu warri biyya alaa irraa meeshalee galchan, karaalee baankii idilee irraa maallaqa biyya alaa isaan barbaadan argachuu akka hin dandeenye hime. “Bittoonni kun fedhii sharafa alaa isaanii guutuuf kaffaltii guddaa kaffaluuf fedhii qaban irraa kan ka’eedha.”

Hanqinni sharafa alaa hamaan dameelee adda addaa keessatti galchitootaaf dhimma murteessaa ta’eera. Keessattuu indaastiriiwwan kan akka oomishaa, qonnaa fi ijaarsaa rakkoo kanaan baay’ee miidhamaniiru. Kan nama dhibu meeshaalee barbaachisoo kanneen akka qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya alaatii galchuu irratti hirmaatan illee dhiibbaa inni geessisu irraa hin hafne. Waggoota shanan darbaniif dhaabbatni qoricha alaa galchu “Biruuhtasfaa” jedhamu qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya alaa irraa galchuun daldaltootaaf jumlaan raabsaa tureera. Haa ta’u malee, dhaabbatichi waggoota dhiyoo asitti hojii isaa itti fufsiisuuf maallaqa gahaa ta’e argachuu irratti qormaata guddaa isaa mudateera.

Dhaabbaticha keessatti gorsaa dhimma dambii qorichaa kan ta’e Ababaaw Gassassee, “Baankii Daldalaa Itoophiyaatti adeemsa xalayaa liqii banuuf erga jalqabnee waggaa lama ta’eera” jechuun hime. Ergasii dhaabbatichi xalayaa liqii doolaara kuma 50tti tilmaamamu illee argachuu hin dandeenye.

Fedhiin dabaluu isaatiin alatti gabaan gurraacha daran babala’atee, kunis tasgabbii dhabuu fi waldhabdee irraa kan ka’edha. Tewodroos, akka nama baankii biyyooleessa Itoophiyaa keessatti muuxannoo waggaa 15 ol qabutti, “Gabaa mataa isaa haala gaarii hin ta’iin keessatti yeroo hojjetu gaheen gabaa gurraacha miidhaa guddaa qaba,” jedhe.

Fiqruun xiinxala kanaan waliigaluun, dhuma baatii Adoolessaa bara 2020 Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Maqalee erga qabatee booda guyyoota muraasa keessatti sharafni gabaa gurraacha sadarkaa kanaan dura hin ta’iinni bayyee ol dabalee akka ture ni dubbataa, itti dabaluun, kunis gabaa walfakkaatu keessatti akka dabalu taasiseera,” jechuun dubbataa.

Maddi rakkoo kanaa maal iyyuu yoo ta’e, dhiibbaan hir’ina gatii maallaqaa bifa gatii olka’aatiin nama hunda biratti rakkoon akka gahuu godherra jedhu ogeeyyiin kuneen. Kunis kan ta’eef, warri biyya alaa galchan, kanneen baasii guddaadhaan gabaa gurraacha irraa fooreexii bitatan, dhuma irratti kasaaraa isaanii gatii dabaluudhaan fayyadamtootaaf waan dabarsaniif.

Gabaasni Tajaajila Istaatistiksii Itoophiyaa akka mul’isutti istaatiksii yaaddessaa ta’e keessa akka jiru mul’isa, bara 2019 irraa eegalee qaala’iinsi jireenya waggaatti giddu galeessaan %20 dabalerra. Caamsaa bara 2023 keessa, Indeeksii Gatii Fayyadamtootaa bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu %30.8 dabaluu isaa agarsiiseera. Meeshaaleen nyaataa barbaachisoo ta’an kanneen akka timaatima, basaqaa, boqqolloo, foon, aannaniifi hanqaaquu gatii isaanii ol ka’eerra, meeshaaleen nyaataa hin taane kanneen akka uffata, miila, meeshaalee ijaarsaa fi boba’aas daballii gatii guddaa agarsiisaniiru.

Hanqina maallaqa alaa furuuf mootummaan tarkaanfiiwwan hedduu hojiirra oolcheera. Gaafa Waxabajjii bara 2022tti herreega baankii 1,000 ol kan ugguraman yoo ta’aan, manneen daldalaa gabaa gurraacha keessatti hirmaachuu isaaniitiin shakkaman cufamaniiru. Kana booda baankonni daldalaa meeshaalee akka sigaaraa fi wiiskii xalayaa liqii kennuu akka dhiisan qajeelfama kennuudhaan meeshaaleen barbaachisoo hin taane 38 biyya alaatii galfaman dhorkamuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee, ogeeyyiin dhimmoota battalaaf furmaataan ta’aan qofa ilaaluu caalaa, haaromsa dinagdee hunda galeessa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatu.

Ajandaan haaromsa diinagdee biyya keessaa guddate kun jalqabbii gurguddaa bara 2019 bulchiinsi Muumichaa Ministira Abiy Ahimad (PhD) eegalame keessaa isa tokko ture. Gabaa fooreex keessatti jallisuu imaammataa maqsuu fi bu’uuraalee dinagdee irratti hundaa’uun safartuun sharafa alaa akka murtaa’u gochuudhaan madaallii dhabuu fooreex furmaata itti fufiinsa qabu diriirsuu kaayyeffateera. Haa ta’u malee, sababa weerara Covid-19 fi walitti bu’iinsa keessoo kutaa kaaba biyyattii keessatti uumamuun hojiiwwan kunneen hedduun isaanii xumuramuu dhabuun isaanii ni yaadatama.

“Osoo haaromsi kun guutummaatti hojiirra oolerraa ta’ee haalli dinagdee maakroo amma keessa jiru akkas hin ta’uu ture” jechuun Tewoodros yaadaa isaa kenna.

Kun ta’ee osoo jiruu mootummaan ajandaa riifoormii diinagdee biyya keessaa marsaa lammaffaa deebisee eegaluuf qophaa’aa jira. Torban lama dura haaromsa diinagdee waggoota sadan dhufan keessatti hojiirra oola jedhamee eegamu ilaalchisee mootummaa fi koree hojii raawwachiiftuu garee gargaarsa misoomaa gidduutti mariin gaggeeffamee ture.

Maddeen dhimmichatti dhihoo ta’an Addis Standard’f akka ibsanitti mariin mootummaa fi dhaabbilee Biirtooon Wood gidduutti taasifame irratti maallaqa biyya keessaa gatii isaa hir’isuu barbaachisaa akka ta’ee irratti marii taasisanii jiru. Ogeeyyiin Baankii Addunyaa fi Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa gatiin isaa akka gadi bu’u dhiibaa kan jiran yoo ta’u, qondaaltonni mootummaa ammoo yaaddoo qaala’iinsa jireenyaa fi baasii mootummaa dabaluu irraa kan ka’e shakkii keessa jiru. Gatiin birrichaa yeroo dhumaaf kan hir’ate Onkoloolessa bara 2017 yoo ta’u, tilmaamaan %15 ta’ee ture.

Dhugaadha, gatiin birrii gadi bu’u nama biyyatti keessa jiru ni miidhaa jedha ogeessi kun. “Garuu rakkoon innii geesisu maal iyyuu yoo ta’e, jabaatanii rakkoo maallaqaa kanaa furuu qabna” jedha.

Yeroo ammaa Itoophiyaan maallaqa jijjirraa biyya keessaa kan offi ishee to’atuu ta’uusii, suuta suutaan maallaqa gurguddoo addunyaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu laaffisaa jirti. Haa ta’u malee, Baankiin Addunyaa fi maallaqaa idil-addunyaa gabaa walfakkaatu bu’a qabeessa ta’een diiguu fi sirna sharafa alaa tasgabbaa’aa hundeessuuf gara sharafa alaa jijjiiramaa (floating exchange rate)tti akka ce’u gaafachaa turaniiru. Akka barreeffamni marsariitii waajjira Baankii Addunyaa irratti gaafa Guraandhala bara 2023 maxxanfame ibsutti, Baankii Addunyaa keessatti ogeessi dinagdee adda duree Diiliip Raathaa fi waahillan isaa akka jedhanittii itoophiyaa keessatti daangeffamni kaappitaalaa jiruu fi babal’ina sharafa alaa hedduu jiraachun akka sababoota gadi bu’iinsa kaappitaalaaf gumaachan ibsaaniru 

Saffisaan socho’uun murteessaadha jedha Tewodroos. “Qaawwi gabaa seeraa fi seeraan alaa gidduu jiru bal’achaa waan dhufeef, filannoowwan mootummaaf jiran xiqqacha jiru.” jedha. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button