DALDALAODUU

Daldala: Maallaqa qusannaa dhaabbilee faayinaansii Itoophiyaa keessa jiru birrii triliyoona 2 caaluu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 06/2023 – Itoophiyaatti maallaqa qusannaa dhaabbilee faayinaansii keessatti jiru birrii triliyoona 2 caaluu Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa beeksise. Bulchaa Itti aanaa Baankii Biyyooleessaa Itoophiyaa Solomoon Dastaa, aadaan qusannaa hawaasaa irratti yeroorraa gara yerootti fooyya’insa fi jijjiirama mul’achuu himaniiru. 

Baankii dabalatee dhaabbilee faayinaansii garagaraatti maallaqa qusannaa waliigalaa birrii biiliyoona 2.19 gahuu kan eeran obboo Solomoon, qusannaan kun waggaa tokko keessatti dhibbeentaa 25 caalmaa agarsiisuu dubbataniiru. Sirni faayinaansii dijitaalaa filannoowwan adda addaatiin hawaasa biratti dhaqqabamaa taasisuun hojiiwwan qusannaa fi faayinaansii haala mijeeffameeras jedhan.

Sirni dijitaalaa babal’achuu, baankonni haaraan banamuu, gabaan kaappitaalaa fi carraan baankonni biyya alaa damee faayinaansii Itoophiyaa seenuun guddina qusannoof carraa dabalataa akka ta’an ibsaniiru. Damee faayinaansii dabalatee damee hundaan teeknooloojii dijitaalaa hojiirra oolchuudhaan Itoophiyaa Dijitaalawaa bara 2025tti dhugoomsuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button