ODUUSIYAASA

Oduu: Godina Shawaa Bahaatti haleellaa raawwatameen namoonni Gabreelii Qullubbii irraa deebi’aa turan saddeet ajjeefaman

Finfinnee, Amajjii 02/2024 – Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti namoonni saddeet ajjeefamuufi 10 butamuu namoonni dhimmichatti dhiyeenya qabna jedhan Addis Standard’tti himan.

Namoonni ayyaana Garbeelii Qullubbii kabajanii deebi’aa turan iddoo magaala seensa magaala Matahaaraatti saddeet ajjeefamuufi 10 butamuu namoonni dhimmichatti dhiyeenya qabna jedhan Addis Standard’itti himaniiru.

Namoonni kunneen kabaja ayyaana Garbeelii Qulluubbii kan godina Hararghee Bahaatti Muddee 28, 2023 kabajamurratti hirmaatanii yeroo deebi’aa jiranitti iddoo magaala Matahaaraatti dhiyeenya qabutti haleellaa banamaeen ta’uu jiraattonni himan.

Raga baatonni maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan Addis Standard dubbise akka himanitti, haleellaa gareen hidhattootaa eenyummaan isaanii hin beekamin konkolaataa imaltoota kanneen fe’ee socho’aa turerratti Jimaata darbe banameen saddeet ajjeefamuufi10 humnaan butaman jedhan.

Namonni kunneen kabaja ayyaana Garbeelii kan godina Harargee Bahaa magaala Qullubbiitti gaggeeffamurratti hirmaatanii deebi’aa kan turan ta’uu barameera.

Dassalagny Damee nama umrii 37 kan magaala Finfinneetii akbaja ayyanichaarratti argamuuf imalan keessaa tokko kan ta’e lubbuun isaa darbuu firasaa ta’uu namni himatu Addis Standard’tti himeera.

Akka firri kuni himeeti, Dassalanyiifi namoonni biroo kankonkolaataa Isuuzuutiin imalaa turan ajjeefamaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Reeffi namoota ajjeefamanii bakka tokkotti awwaalamuu aanga’oonni naannichaa himuun namoonni biroo 10 butamuu mirkaneesseera.

Hidhattoonni kunneen moobaayilaafi birrii 14,000 Dassaalany harkaa fudhachuu firrisaa kuni himeera.

Namni biraa kan haleellaa kana jala miliqe jehde akka himetti, hidhattoonni lakkoofsaan afurtamatti tilmaamaman konolaataa inni keessa ture kan namoota 50 ta’an fe’etti dhukaasuun namoonni lama ajjeefamuufi jaha madaa’uu hima.

Haleellaan walfakkaataan konkolaattota biroorratti gaggeeeffamuu jiraattonni kunneen himaniiru.

Qajeelchi poolisii aanaa Fantaallee haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta’uu himu.

Namoonni jaha ajjeefamuu amanuun humnoonni raayya ittisa biyyaafi poolisiin Oromiyaa waloon haleellaa kana qolataniiru jedheera. Haleellaan kuni Isuuzuu tokkooofi baasii Taataa tokorratii gaggeeffamuu qajeelchi poolisichaa mirkaneesseera. AS

Related Articles

Back to top button