DALDALAODUU

Oduu: Keeniyaafi Gamtaan Awrooppaa waliigaltee daldalaa “guddaa” mallatteessan

Finfinnee Muddee 18, 2023 – Keeniyaafi Gamtaan Awurooppaa waliigaltee tumsa diinagdee “guddaa” kan Keeniyaan gibira maleefi daangaa malee gabaa Awurooppaatti akka hirmaattuuf eeyyamu mallatteessan.

Akka gabaasa BBC’tti, Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi ergamaan addaa Gamtaa Awurooppaa Voon Deer Leeyan Naayroobitti waliigaltee mallatteesaniiru. Akkaataa waliigaltee kanaatiin, Keeniyaa omishoota alergii filataman daangaa maleefi gibirarraa bilisaan gara gabaa Awurooppaatti erguu dandeessi jedhame.

“Waliigalteen kuni namooonnii harka qalleeyyii qonnaanbultoonni, ogeeyyonni harkaa, omishtoonni, geejjibtoonniifi kanneen biroo kanneen warshaalee, geejjibaa ardiilee lameen gidduufi daldaltoonni galii akka argatan yaadamee kan raawwatameedha,” Ruutoon jedheera.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin, Keeniyaanis gabaa ishee suuta sutaan omisha Awurooppaa irraa dhufuuf banaa kan taasiftu ta’uun eerameera.

Gamtaan Awurooppaa alergii Keeniyaa simachuun tokkoffaa yoo ta’u miiltoo daldalaa lammaaffaadha. Bara 2022 keessa daldalli biliyoona Euro3.3 ta’uu gaggeeffameera.

Haa ta’u malee, waliigaltee kuni hojittii hiikamuun dura manni marii Keeniyaafi Gamtaa Awurooppaatiin raggaasifamuu qaba. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button