DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Lammiileen Itoophiyaa Keeniyaatti hidhaman 82 nyaata lagachuun gara biyyaatti akka deebifaman gaafatan

Finfinnee, Fulbaana 13/2023 – Lammiileen Itoophiyaa biyya Keeniyaa keessatti “seeraan ala” mana nama dhuunfaa tokko keessatti sassaabamanii argamuun to’annoo jala oolan mormii lagannaa nyaataa gaggeessuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan

Itoophiyaanonni lakkoifsaan 82 ta’an kunneen Hagayya 26 qabamanii buufata poolisii Atii Riivar jedhamutti kan argaman yoo ta’u, ergasii gara mana murtiitti dhiyaachuun gara biyya isaanitti akka deebifaman irratti murtaa’ee eeggachaa kan jiran ta’uu eerameera.

Qondaaltota immigireeshiniin gara biyyaatti akka deebi’aniif hanga adeemsifamaa jirutti buufata poolisii Mavookoo SNP keessatti hidhamanii kan argaman namootni kunneen, Fulbaana 11, 2023 dafnee gara biyya keenyatti deebi’uu barbaanna jechuun nyaata isaanii fudhachuu didan. Adeemsi gara biyya keenyaa deebi’uuf taasifamu yeroo dheeraa fudhateera jechuun mormii dhageessisan.  

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman Keeniyaa qaxxaamuranii gara biyyoota biroo kan akka Taanzaaniyaa, Baha Giddu Galeessaa fi Afrikaa Kibbaatti imaluuf yeroo yaalan hidhaaf saaxilamu.

Rakkoo kana furuuf tattaaffii godhamaa jiruun lammiin Itoophiyaa Yibaqaal Getaachoo ykn Adinaan Mohaammad Galaanoo jedhamu Naayiroobii keessatti godaantota Itoophiyaa 12 daddabarsuun shakkame hidhaa waggaa 31 itti murtaa’e ture. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button