DALDALAODUU

Oduu: Ministeerri daldalaa daldaltoonni jimaa eeyyama haaraa akka baafatan gaafate

Finfinnee, Sadaasa 08, 2023 – Ministeerri Daldalaafi Hidhata Naannoo daldaltoonni alergii jimaa irratti bobba’an Onk 27 hanga Sadaasa 15’tti eeyyama hojii akka baafatan gaafate.

Ibsi Ministeerri Daldalaafi Hidhata Naannolee baasee akka jedhutti, eeyyama daldalaa haaraa baasuun kan barbaachise daldala jimaatiin walqabatee rakkoolee mudachaa jiran furuuf ta’uu ibseera. Rakkoolee kana furuuf namoota ulaagaalee wajeelfama qophaa’ee guutaniif eeyyamni kan kennamu ta’uu ministerri Daldalaa Obbo Gabra Masqal Caalaa himaniiru.

Daldalli jimaa akkaataa qonnaanbulaa fayyadamaa taasisuun hoogganamuu kan qabu ta’uu ibsuun galii biyyattiin argachuu qabdu akka argattuu taasisuufi daldaltoonni seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhachuu yaadamee qophaa’uu obbo Gabra Masaqal himaniiru.

Hojiimaanni diriirfamu kuni daldaltoonni ulaagaalee guutuu qaban akka guutaniifi itti gaafatamummaa isaanii hojiitti akka hiikan kan dirqu ta’uu ministeerichi ibsaniiru.

Daldaltoota kanaan dura eeyyama qabanis ta’ee kan haaraa baafatan yeroo murtaa’e kana keessatti ulaagaalee barbaadaman guutani ieeyyama hin baafatan taanaan eeyyamni isaanii kan haqamu ta’uu eerameera.

Qonnaanbultoonnii fi daldaltoonni  jimaa Harargee mootummaan karaa ejansiiwwan mataa isaatiin gabaa al ergii Jimaa keessa galuu isaatiin toftaadhaan gabaa Jimaa keessaa akka baanuu taaasifamaa jirra jechuun komatanii ture.

Akkasumas, Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhiinsa Naannawaa, dhaabbilee oomisha Jimaa gara biyya alaatti ergan 830 eeyyama daldalaa hin haaromsine fi tajaajila karaa hin malleen fayyadaman dabalatee “gocha seeraan alaa irratti bobba’aniiru” jedhe eeyyama daldalaa isaani haquu beeksisuun ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button