ODUUSIYAASA

Xiinxala oduu: Ergaan doorsisa haleellaa boombii masaraawwan Ameerikaarratti baay’achuu hordofee hojjettoonni baafaman

Finfinnee, Amajjii 04, 2024 – Ergaan haleellaa boombii masaraawwan mootummaa bulchiinsota Ameerikaa jaha irratti baay’achaa dhufuu hordofuun hojjettoonni akka hin seenne dhorkaman.

Akka gabaasa BBC‘tti, Sab-qunnamtiin bulchiinsa Kentaakii doorsisi kun bifa ergaa Imaayiliin (email) baay’inaan gaggeeffamaa ture jedhan.

Akkaataa ergaa emailichaatiin, masaraawwan bulchiinsa mootummaa Ameerikaa 24 qiyyaafannoo haleellaa jala galaniiru jechuu hordofuun hedduunsaanii koree qaama seera tumuun akka cufaman murtaa’eera.

Doorsisarra kan darbe garuu hanga ammaa boombiin argame hin jiru, Biiroon Qorannoo Federaalaa US- FBI qorannoo gaggeessaa jira. Ergaan doorsisaa karaa email ergame jedhame kun ”meeshaan dhohuun miidhaa geessisu hedduun” masaraawwan mootummaa keessatti hidhamanii jiraachuu ibsu.

Boombiin sa’aatii muraasa keessatti dhoha jedhame kuni lubbuu lnamoota hedduu kan galaafatu ta’uu ergichi himeera.

Doorsisa dhohiinsa boombii kana kan qorataa jiru FBI ”garuu doorsisa dhagahamaa jiru ilaalchisee odeeffannoo qabatamaa fi quubsaa ta’e hin arganne,” jedhe.

”FBI doorsisa haleellaa boombii kana xiyeeffannoon hordofa, sababni isaa balaan kun yoo mudate lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafata,” jedhe jaarmiyaan seera hojiitti hiiku.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ergaan doorsisaa kun korri seera baastotaa walgahii eegaluuf wayita jedhu bal’inaan raabsame. Walga’ii kanaaf jecha seera baastonni hedduun waajjiratti argamu.

Bulchaan Kentaakii Andii Bashaar toora X isaaniirratti akka barreessanitti, erga doorsisi aanga’oota waajjira masaraa mootummaatti ergamee booda, poolisiin Kentaakii gamoo masaraa mootummaa qulqulleesseera.

Ta’us garuu yeroo sanatti namni hunduu nagaa ta’uu fi waajjirri isaanii ”doorsisa walfakkaataa masaraawwan mootummaa kaan keessatti mudatan akka quba qabuu fi qophii akka ta’e,” ibsan.

Poolisiin yeroo sa’aatii sadi hin guunne keessatti gamoo sana guutuu qulqulleessuun qullaatti hambise. Erga wanti hunduu qulqullaa’ee, gamoon sun guutuun nagaa ta’uun mirkanaa’ee booda miseensonni seera baastota ta’an kora guyyaa 60 eegalaniiru.

Dubbi-himaan masaraa mootummaa Joorjiyaa Gaabreel Isterliing doorsisa masaraawwan mootummaa US keessa jiran irra ga’aa jiru quba qabaachuu X irratti barreessan.

”Ergamtoonni jalqaba bara 2023 irratti hookkara kaasuuf karoorsan jiru. Dhiphinaa fi sodaa babal’isuu barbaadu. Kana akka raawwataniif hin eeyyaminaafii,” jedhan.

Bulchiinsonni kaan- Wyoming, Oklahoma, Nebraska, Missouri fi Maryland, doorsisi kun isaan qaqqabeera. Bara haaraa kana jala doorsisi haleellaa hawaasa US keessa faca’aa jiru kana qofa miti. Guyyoota ayyaanaa qondaaltonni hedduun ni doorsifamu, irratti qiyyaafatamu.

Manasaaniitti bilbilanii doorsisa boqonnaa nama dhorku irraan ga’u, qaamoleen kunneen ifatti hin beekaman. Ergaan doorsisaa kun guyyaa ayyaana yaadannoo dhaloota Yasuus Kiristoos irratti miseensota Kongiresii hedduu qaqqabeera.

Tujaarri (biiliyoonarri) Joorji Sooros fi Abbaan Alangaa Teeksas Keen Paaksiton kanneen dhiheenya kana akkaan doorsifaman keessaati.

Ministeerri bulchiinsa Maine Shenna Bellows erga Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp filannoof dorgomuuf ga’umsaa fi bu’uura seeraa hin qabu jettee dubbattee booda doorsisa haleellaa isheerra ga’een wallaansoo qabaa turte.

Kutaaleen biyyaa US hedduun qaamoleen doorsisaa fi jeequmsa akkanaa facaasan adabbii cimaan akka isaan eeggatu murtee dabarseera. AS

Related Articles

Back to top button