DALDALAODUU

Daldala: Baankiin Oromiyaa bu’aa taaksii dura riikardii ta’e birrii biiliyoona 2 argachuu beeksise 

Finfinnee, Muddee 11/2023 – Baankiin Oromiyaa bara baajata 2022/23 keessatti bu’aa seenaa baankicha keessatti olaanaa ta’e galmeessuu beeksise. Baankichi bu’aa taaksii dura riikardii ta’e birrii biiliyoona 2 argachuu beeksiseera. Kana malees, maallaqni kuufama baankichaa birrii biiliyoona 54.3 gahuu ibseera.

Baankichi raawwii hojii bara 2022/23 ilaalchisee gabaasa Addis Standarditti ergeen, baankichi galii waggaa karoorse irraa 4% caalmaa agarsiisuun barana galii birrii biiliyoona 8.3 argachuufi bu’aa hin qulqulloofne birrii biiliyoona 2 galmeessuu ibseera. Bu’aan kunis, bu’aa waggaa darbe irraa caalmaa 63% kan qabu yoo ta’u, kunis seenaa baankicha keessatti isa olaanaadha jedhameera.

Akkasumas bara baajataa kana keessatti baankichi Dolaara Ameerikaa miiliyoona 371 argachuus beeksiseera. Kunis sharafa alaa bara darbe argame irraa guddina 33% galmeesseera. “Kun waggoota lama walitti aananiif baankota Itoophiyaa irraa guddina olaanaa akka galmeessinu nu taasiseera,” jedhe baankichi.

Bara baajata kana keessatti dameelee haaraa 103 banuun dameewwan waliigalaa qabu 503 geessisuu kan ibse baankichi, xumura bara baajataa kanatti kuufamni maallaqa baankichaa kan bara darbee irraa 24% dabaluudhaan birrii biiliyoona 54.3 gahuu eereera. Qabeenyi waliigalaa baankichaas birrii biiliyoona 66 gahuu addeesseera.

Kana malees, maaliltootni herreega idilee baankichaa miiliyoona 4.3 gahuu fi lakkoofsi maamiltoota dijitaal baankiingii 133% dabaluun miiliyoona 2.56 gahuu beeksiseera.

Baakichi qajeeltoo itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuuf qabuun bara baajata kana keessa namoota hongeen miidhamaniif dabalatee tajaajiloota hawaasummaa fi namoomaa biroof deeggarsa birrii miiliyoona 73.5 taasisuu beeksiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button