DHIMMA HAWAASAAGULAALLI
Trending

Gulaalli: Qormaata qofarratti xiyyeeffachuun sirna barnootaa rakkoo dhuma hin qabnetti kennuudha. Sirritti ilaalamuu qaba!

Finfinnee, Sadaasa 03/2023 – Ministeerri barnootaa waggoota walitti aanan lammaffaaf oduu rifachiisaa abdiifi mul’ata barattoota kumaatamaan lakkaa’amanii kichuutti kuteera.  Akka ministeerichi jedhutti, tarkaanfiin kuni kan fudhatame sadarkaa qulqullina qormaataa guddisuufi hanna dhabamsiisuufi sababa jedhu dhiyeesseera.

Waggoota lamaan keessatti, barattoota idilee miliyoona 1.7 ta’an qoraman keessaa 6% ta’an qofatu 50% galmeessisuun qormaaticha darbe. Kana jechuun barattoonni yuunivarsitii galuuu danda’an lakkoofsaan 57,176 kan ta’an qofaadha. 

Kuni kan uumame sababa ministeerri barnootaa too’annoo cimsuun hanna dhabamsiisuuf tarkaanfii fudhate irraa kan ta’e fakkaachuu danda’a. Namoonni hedduu akkasumatti amanuun tarkaanfiin hanna dhabamsiisuuf fudhatamedha jechuun sirrii akka ta’eetti dinqisiifataa jiru.

Mormiin ijoon jiru qulqullina barnootaa mirkaneessuufi barnoota namoota hunda biraan gahuu waliin madaaluu irrattiidha. Barnoota namoota hunda biraan gahuu moo qulqllina barnootaa mirkaneessuutu dursuu qaba gaaffii jedhuudha.

Haa ta’u malee, rakkoo walxaxaa seektara barnootaa waggoota shanan darban keessatti mudate ture yoo xiinxallee, dhugaan isaa ifadha.

Waggoota kurnan sadii darban keessa barattoonni miliyoona 30 ol ta’an barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa yoo ta’u barattoonni 130,000 ol ta’an yuunivarsitii galuu ture. Kanumaan barnoota hawaasa hunda biraan gahuu irratti hojii hojjatteen Itoophiyaan dinqisiifatamaa tureerti.

Rakkoon guddaan jiru garuu barnoota hunda biraan gahuufi qulqullina barnoota mirkaneessuu wal madaalsisuu dhabuudha.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Biyyi baay’ina nama baratee xiqqaa qabdu turte barnoota babal’isuu irratti haa hojjattu malee qulqullina barnootaa irratti hin hojjanne gaaffiin jedhu waggoota kurnan darban keessa ishee mudateera.   

Ministeerrri ministeera barnootaa Biraanuu Naggaa (PhD) ibsa paarlaamaatiif kenneen,barttoonni kutaa saddeettaffaa barreessuu fi dubbisuu hin danda’an sodaa jedhu kan qabu ta’uu ibseera. Shakkiin inni qabu kan hubatamu haa ta’u malee tarkaanfiin ministeerichi qormaata qofarratti fudhachuun qulqullina barnootaa sirreessuuf taasisaa jiru rakkoo hedduu biroo biyyattii qunnaman kan sirna barnootaa irratti dhiibbaa guddaa fidan akka irraanfataman taasiseera.

Badiin misooma bu’uuraa barnootaa irratti itti yaadamee waggoota shanan darban keessa raawwatame kan akka manneen barnoota 9,000 barbadeessuu fi waraanni biyyattii keessa ture sababoota sirna barnootaa dadhabsiisan keesssaa isa ijoodha. Haa ta’u malee, namoonni siyaasaa fi ministeerichi dhimmaa kana hin kaafne.  Meeshaaleen barnootaa kitaaboonniifi laaboraatooriin tajaajilaan ala taasifamaniiru. 

Waraanichiifi haleellaan ture barsiisonni ciccimoo hedduu akka ajjeefamman, madaa’an yookimmoo akka dhabamsiifaman taasisuun manneen barnootaa rakkoo humna namaa dhabuu keessa akka galan taasiseera.

Rakkoo guddan biraammoo cufamuu manneen barnootaa, buqqaafamuufi adeemsi baruu fi barsiisuu addaan cituun rakkina qaamaafi xiinsammuu qaqqabsiiseera. Jeeqamuun adeeemsa baruufi barsiisuu kunimmoo jireenya barattootaafi sirna barnootaa irratti dhiibbaa kallattiifi al-kallattii uumeera. 

Akkasumas mootummaan biyya bulchaa jiru sirna barnootaa misoomsuu dhabuun miidhaa cimaa sirna barnootaa irratti uumee jira. Barsiisootaaf mindaa gaarii kaffaluu dhabuu fi gahumsa isaanii akka cimsataniif leenjii gahaa kennuu dhabuu of keessaa qaba.

Ministeerri barnootaa qorannoo gahaa taasisuun isaa ifa miti. Rakkoolee sitna barnootaa miidhaa jiran kanneen ifatti hin ibsine. Haa ta’u malee, qorannoo taasiseen manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa 47,000 biyyattii keessa jiran keeessaa mannee barnota afur qofti ulaagaalee qulqullina barnootaa ministeerichaa guutuu himeera. Kana jechuun, manneen barnootaa 85.9% ta’an sadarkaa kanaa gadi jiru jedheera.

Qorannoo biraa taasiseen, barsiisota manneen barnootaa sadarakaa tokkoffaa fi lammaffaa qormaata gahumsaa fudhatan keessaa kan darban 25% qofadha jedheera. Qulqullinni barnootaa sadarkaa kantti yoo gadi bu’eera ta’e qulqullinni hir’ate osoo hin taane gonkumaa badeera jechuudha. 

Ka’umsi rakkoo kana imaammata barnootaa mootummaa darbee keessumaa afaan dhalootaatiin barsiisuutiin walqabsiifama. Ministeerichi nama hunda maatii dabalatee yeroo ceepheetti sababa kana dhiyeesse ture. Haa ta’u malee, deebiin akkanaa kuni qorannoo gahaatiin mirkaneeffamuun sababa sirrii bira gahamuu qaba jechuun miseensi paarlaamaa miseensa koree dhaabbataa ijaarsa humna namaa kan ta’an Obbo Nagarii leencoo yaada dhiyeessaniiru. 

Gabaasa UNICEF dhiyeenya baase kan daa’imma miliyoona 7.6 ta’an sababa lolaa fi balaa uumamaatiin barnootaa ala tauu akka fakkeenyaatti yoo fudhanne manneen barnoota Itoophiyaa keessa jitran keessaa 8,552 (20%) kan ta’an guutumaatti yookiin hamma tokko barbadaa’aniiru.  Haa ta’u malee, tarkaanfii qulqullina barnootaa ministeera barnootaa fudhate rakkoo kana ilaalcha keessa hin galchine fakkaata.

Dhugaa hin dhokannee akkanaa osoo jiruu tarkaanfiin ministeerichi fudhachaa jiru sirna barnootaa guutumatti hallayyaatti kan darbu ta’a.

Dhiibbaan guddaan duula qeenxee kuni misooma Itoophiyaan barnoota hunda biraaan gahuun kanaan dura taasifte garmalee kan miidhuudha.

Kanaafuu, Itoophiyaan qulqullina barnootaa mirkaneessuufi barnoota hunda biraan gahuu baajata ramaduu, karoora baasuu fi kalaqa adda addaa fayyadamuun walmadaalsisuu dadhabdee jirti. Firii qormaataa xiinxaluufi barattoonni hedduu qormaaticha kufuun kutannoo ministeerichi qulqullina barnoota mirkaneessuuf qabu taasifamee ilaalamaa jira. 

Bu’aan duula sammuu qeenxeetiin godhamaa jiru kuni rakkoo hammaataa kan fiduu fi bu’aa gaarii barnoota hunda biraan gahuuf waggoota kurnan sadeen darban keessa Itoophiyaa argamsifte garmalee kan hubeedha.

Karaa tokkoon, maatiin ijoollee isaanii gara mana barnootaa akka hin ergine kan taasisuudha. Itoophiyaan mootummaa Dargiitii eegalee gochaa kana cichitee mormaa turteerti.

Karaa biraatiin, gochaan kuni hamilee barattoota hedduu kan barachuun carraa garaagaraa akka argamsiisuuf amanuun barnoota isaanii hordofaa jiranii kan hubuudha.

Karaa biraatiin, gochaan kuni hamilee barattoota hedduu kan barachuun carraa garaagaraa akka argamsiisuuf, ogummaafi hojii isaanii of duraatiif kan isaan gargaruu ta’uu amananii barnoota isaanii hordofaa jiranii kan hubuudha. 

Biyyaa hir’ina humna nama baratee qabudu keessatti misooma bu’uuraa barnootaa irratti hojjachuu dhiisuun barattoota 3.2% qofa yuunivarsitii galchuun maatiilee barattootaa daa’imman isaanii gara mana barnootaa akka hin ergine taasisuu qofa osoo hin taane hayyoota xiqqoo uumuudhaan hawaasni bal’aan akka irraanfatamuu kan taasisuudha. 

Hanga rakkoolee walxaxoo biroo jiran furamanitti ministeerichi qormaata seensa yuunivarsitii qofarratti xiyyeeffachuu dhaabuu qaba. Qormaata calauu irratti qofa xiyyeeffachuun qofti qulqulllina barniootaa hin mirkaneessuun hafee caraa sirna barnoota hunda hammataa irratti dhiibbaa kan fiduu fi humni nama hin barannee akka baay’atuu fi namoonni lakkoofsaan xiqqoo qofti carraa barnootaa akka argatan kan taasisu waan ta’eef rakkoo kana furuuf furmaanni waaraa barbaadamuu qaba! AS

Related Articles

Back to top button