DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Lixa Oromiyaatti weerara Busaatin dararamaa kan jiru hawaasni Aanaa Beegii hanqinni nyaataa rakkoo dabalataa itti ta’uu himame

Finfinnee, Fulbaana 30/2023 – Weerara dhibee Busaa godinaalee Lixa Oromiyaa keessatti ji’a sadan darban keessa babal’achaa jiru ammallee hammaatee jira. Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beegii fi Qondaalaatti weerara dhibee Busaa dabalataan uummatni beelaan miidhamaa jiraachuu himameera.

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beegiitti weerarri dhibee busaa ji’a Adoolessa booda daran babal’ateen namootni kumaatamaan lakkaawwaman dhibee kanaan qabamuu fi lubbuun namoota hedduuu darbuu Addis Standard ogeessa fayyaa aanichaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Daayirektara Fayyaa Hospitaala Sadarkaa Duraa Beegii Dr. Birmaduu Mokonniin yaada baatii darbe keessa Addis Standardiif laataniin, ji’oottan lamaan darban [Adoolessa fi Hagayya] keessatti aanichatti weerarri dhibee busaa hammaachuu himuun, hanga ammaatti hospitaala Beegii keessatti qofa qorannoo dhukkuba busaa namoota 6,500f taasifameen namoota 3,560 ta’an irratti dhibeen kun jiraachuu mirkanaa’u himanii turan.

“Ji’a Fulbaana booda kana caala ni hammaata jenne sodaa qabna. Haalli kun xiyyeeffannoo guddaa barbaada. Gama biiroo fayyaa godina Wallagga Lixaa fi Oromiyaa irraa haga tokko xiyyeeffannoon kennameefi jira, garuu bal’ina weerarichaa fi baay’ina dhukkubsataa jiru faana kan wal gitu miti. Qoricha, dhiiga fi oksijinii dhukkubsataa jiru faana wal gitu argachuu qabna,” kan jedhan Dr Birmaduu, aanaalee baadiyyaa keessattis qorichi bifamuu akka qabu hubachiisanii turan.

Akkuma tilmaama Dr Birmaduutin, weerarri dhibee Busaa aanicha keessa mudatee baatii Fulbaana keessaas daran babal’atee lubbuu namoota dabalataa galaafachaa jira.

Itti gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Beegii Obbo Lataa Bantiitti yaada Waliif TVf kennaniin namoonni 36 dhibee busaatiin yaalamaa osoo jiranii du’aniiru jedhan. Akka Lataan himanitti, namoota 10,250 dhibee kanaan qabamanii sadarkaa dhaabbilee fayyaatti yaalamanii, kanneen keessaa namoonni 36 lubbuu dhabuu ibsan.

Itti dabaluunis, namoonni dhibee kanaan lubbuu isaanii dhaban hawaasa keessa baay’ee ta’uu waan danda’aniif garee qorannoo gaggeessu bobbaasanii akka jiran Obbo Lataa himaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Jiraattonni Aanaa Beegii Hospitaala Beegiitti yaalamaa jiran akka himanitti, “Boolla tokkotti nama lama sadi awwaalaa jirra, namni buna danfisee waliif kennullee dhibeera” jedhu.

Gareen Waldaa Hakiimota Oromiyaa gara Aanaa Qondaalaafi Beegiitti imaluun weerarri dhibee Busaa bakkoota kanatti hammaachuu ibsaniiru. Pirezedaantiin Waldaa Hakiimota Oromiyaa Dr. Balaayinah Lataa dhimma kana ilaalchisee yaada Waliif TVf laataniin lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii baay’achuu ibsuun, namoota kana baraaruuf hanqinni dhiigaa, qorichaa, oksijinii fi lakkoofsi ogeessota fayyaa illee muraasa ta’uu mirkaneessan. 

Ittisa dhibee Busaatiif qorichoota barbaachisan akka dhibeewwan kaanii argachuun waan ulfaatuuf Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaafi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojii baraarsuu hojjechuuf sochiitti jirras jedhan Dr. Balaayineen.

Dhalataa Aanaa Beegii fi ogeessa dhibee keessoo Dr. Fedhasaa Hiisaa Caalaa guyyoota 10f Aanaa Beegiitti haala hawaasa naannoo sanaa irratti qorannoo geggeessuun waan arganiifi taajjaban Ministeera Fayyaafi Biiroo Fayyaa Oromiyaatiif gabaasa gochuu himu. Kana qofas osoo hin taane hanqinni nyaataa ulfaataan akka jirus himan.

Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Beegii Obbo Gaaromaa Birraatuus dhibee kana cinatti hanqinni nyaataa akka jiru ibsuun, rakkoo kana furuufis dhaabbileen akka ‘Save the Children’ fi UNHCR waliin dubbachaa jiraachuus ibsaniiru.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Dursaa Garee Dhabamsiisa Dhibee Busaa kan ta’an Obbo Jawaar Qaasiim dhimma kana ilaalchisee yaada baatii darbe keessa Addis Standarditti laataniin, weerarri dhukkuba busaa kun Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti qofa osoo hin taane godinaalee 16, bulchiinsa magaalota 7 fi aanaalee 117 keessatti babal’atee jiraachuu himan. 

“Kana keessa dhibbeentaa 70 kan ta’u kan gabaafame godinaalee lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Wallaggaa arfanii, Jimma, Iluu Abbaa Booraa fi Shawaa Lixaa irraati. Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaan qofaa isaanii ammoo lakkoofsa waliigalaa Oromiyaa keessaa 51% qabatu. Keessattuu Wallagga Lixaa keessaa aanaalee akka Ayiraa, Gullisoo, Beegii, Qondaalaa, Baabboo Gaambel fi Mana Sibuu keessatti rakkoon kun hammaatee mul’ata,” jedhan. 

Naannichatti baatilee lamaan darban keessatti lubbuun namoota sababa dhibee kanaan darbe jiraachuu kan hin haallee obbo Jawaar, ragaa namoota du’an addeessu sirritti qindaa’e jiraachuu dhabuu eeruun lakkoofsa du’a waliigalaa eeruurraa of qusataniiru.

Obbo Jawaar, Biiroon Fayyaa Oromiyaa caasaalee gadi jiran waliin ta’uun qoricha raabsuu, hubannoo hawaasaa guddisuu, saaphana ciree (agoobara) raabsuu fi kemikaala biifuu irratti hojjechaa jiraachuu fi torbe dhufu eegalee ammoo bal’inaan bobbahuuf qophiirra jiraachuu kan ibsuun, gama godinaalee afran Wallaggaatti garuu hanqinni mul’ate sababa rakkoo nageenyaan walqabate ta’uu himan. 

“Rakkoo hanqinaalee gama Wallagga Lixaa, keessattuu aanaa Beegiitti jiru quba qabna. Ciccituun kan mul’ate ammoo sababa rakkoo nageenyaa naannichatti jiru fi baay’achuu dhukkubsattootaani. Rakkoo kana hiikuudhaafis dhaabbilee idil addunyaa yeroo muddamsuu keessatti hojjechuu danda’an kan akka Fannoo Diimaa Idil-addunyaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa wajjiin qorichi gahaan akka dhiyaatu gochaa jirra. Yeroo gabaabaa keessatti rakkoon sun ni furama jenne abdanna,” jedhanii turan. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button