DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Baqattoonni biyyoota ollaa Naannoo Gaambeellaa keessaa jiran beelaan du’aa jiraachuu KMNI ibse

Finfinnee, Fulbaana 21/2023 – Baqattoonni biyyoota ollaa irraa gara Gaambeellaatti kooluu galan sababa beelaa fi hanqina nyaataatiin du’aa jiraachuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise. Komishinichi ibsa Fulbaana 20 baaseen yoo xiqqaate baqattoonni 30 akka du’uu akeekuun gargaarsa nyaataa hatattamaa fi gahaa ta’e akka argatan gaafateera.

Bulchiinsi naannoo Gaambeellaa baqattoota gara kuma 400 ta’an gaaddisa kenna akka jiru kan eere ibsi komishinichaa, Caamsaa bara 2023 irraa eegalee dhiyeessiin gargaarsa nyaataa akka dhaabbatee beeksiseera. Baqattoonni kunneen nyaata barbaachaaf kaampii gaaddisa isaanii gadhiisanii bahan haleellaan irratti akka raawwatamuu hubachiisaniiru.

Komishinichi, gargaarsi nyaataa addaan cituun du’a baqattootaaf sababa akka ta’e ibsuun, waldhabdee baqattootaa fi jiraattota naannichaa gidduu jiru rakkoo nageenyaa naannoo sana tasgabbii dhabsiisaa jira jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Komishinichi ibsa kenneen haalli baqattootaa fi buqqaatota biyyaa keessa hamaa ta’uu isaa eeruu,.mootummaan Itoophiyaa, dhaabbanni gargaarsa Ameerikaa fi Sagantaa Nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu akka irratti hojjetan gaafateera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button