DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Weerarri dhibee Busaa godinaalee Oromiyaa 16 keessatti tatamsa’ee jiru Aanaa Beegiitti qofa lubbuu namoota 29 galaafate

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Hagayya 31/2023 – Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beejiitti weerarri dhibee busaa ji’a Adoolessa booda daran babal’ateen namootni kumaatamaan lakkaawwaman dhibee kanaan qabamuu fi lubbuun namoota gara 30tti dhiyaatu darbuu ogeessi fayyaa aanichaa Addis Standard dubbise himan. Kana malees, weerarri busaa kun aanaalee godinichaa biroo fi godina Qeellam Wallaggaattis hammaachuu himan. 

Biiroon Fayyaa Oromiyaa gama isaatiin weerarri dhibee Busaa godinaalee dhibeen kun itti hammaatee jiru [Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa] dabaltee akka waliigala Oromiyaatti godinaalee 16 keessatti babal’achuu ibseera.

Daayirektara Fayyaa Hospitaala Sadarkaa Duraa Beegii Dr. Birmaduu Mokonniin ji’oottan lamaan darban [Adoolessa fi Hagayya] keessatti aanichatti weerarri dhibee busaa hammaachuu himuun, hanga ammaatti hospitaala Beegii keessatti qofa qorannoo dhukkuba busaa namoota 6,500f taasifameen namoota 3,560 ta’an irratti dhibeen kun jiraachuu mirkanaa’u himan. 

“Isaan kun namoota hospitaala keenya dhufan qofa. Isaan keessaa ammoo namootni gara 1,900 ta’an hospitaala ciisanii kan yaalaman yoo ta’u, isaan keessaa namootni 29 lubbuun isaanii darbeera,” kan jedhan Dr Birmaduun, gama qoricha, dhiiga fi oksijiniin walqabatee hanqinni guddaa mul’achaa jiru rakkoo kan hammeessuu himan. 

“Namootni kun baay’inaan buufataalee fayyaa dhuunfaatti ilaalamanii erga irra turee fi sadarkaa walxaxaarra erga gahe booda gara keenya dhufu waan ta’eef baay’inaan hir’ina oksijinii fi dhiigaa isaan mudata. Akka aanaa keenyatti dhiiga ofii keenyallee arjoomne turre garuu baankii dhiigaa dhiyoo jiru Asoosaa irraa kan nuti arganne baay’ee gadi aanaadha. Kana malees, qorichi dhukkuba busaa fi oksijinii argachaa hin jirru,” jedhan. 

Hospitaalli Beegii konkolaataa waan hin qabneef iddoo biraarra qoricha fiduun akka isaan rakkise kan himan daayrektarri fayyaa hospitaalichaa, rakkoon nageenyaa naannichatti hammaatee jiruus haala kana irratti danqaa uumuu ibsan. “Sababa rakkoo nageenyaa jiruun hojiiwwan ittisa dhibee busaa erga addaan citan waggaa sadi darbeera. Haalli kun ammoo weerara kana to’achuuf rakkisaa taasiseera,” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Ji’a Fulbaana booda kana caala ni hammaata jenne sodaa qabna. Haalli kun xiyyeeffannoo guddaa barbaada. Gama biiroo fayyaa godina Wallagga Lixaa fi Oromiyaa irraa haga tokko xiyyeeffannoon kennameefi jira, garuu bal’ina weerarichaa fi baay’ina dhukkubsataa jiru faana kan wal gitu miti. Qoricha, dhiiga fi oksijinii dhukkubsataa jiru faana wal gitu argachuu qabna,” kan jedhan Dr Birmaduu, aanaalee baadiyyaa keessattis qorichi bifamuu akka qabu himan.

Saaphana siree (Agoobara) Hagayya 29 hawaasaaf raabsame. Suuraa: Kominikeeshinii Aanaa Beegii

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Dursaa Garee Dhabamsiisa Dhibee Busaa kan ta’an Obbo Jawaar Qaasiim dhimma kana ilaalchisee yaada Addis Standarditti laataniin, weerarri dhukkuba busaa kun Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti qofa osoo hin taane godinaalee 16, bulchiinsa magaalota 7 fi aanaalee 117 keessatti babal’atee jiraachuu himan. 

Tatamsa’inni isaa garuu bakkaa bakkatti garaagarummaa akka qabu kan himan obbo Jawaar, akka naannoo Oromiyaatti torbanoota shanan darban keessa namoota mallattoo dhukkuba busaa agarsiisanii qorataman 5,000 keessaa kanneen 1,075 ta’an irratti dhibeen busaa argamuu ibsan. 

“Kana keessa dhibbeentaa 70 kan ta’u kan gabaafame godinaalee lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Wallaggaa arfanii, Jimma, Iluu Abbaa Booraa fi Shawaa Lixaa irraati. Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaan qofaa isaanii ammoo lakkoofsa waliigalaa Oromiyaa keessaa 51% qabatu. Keessattuu Wallagga Lixaa keessaa aanaalee akka Ayiraa, Gullisoo, Beegii, Qondaalaa, Baabboo Gaambel fi Mana Sibuu keessatti rakkoon kun hammaatee mul’ata,” jedhan. 

Naannichatti baatilee lamaan darban keessatti lubbuun namoota sababa dhibee kanaan darbe jiraachuu kan hin haallee obbo Jawaar, ragaa namoota du’an addeessu sirritti qindaa’e jiraachuu dhabuu eeruun lakkoofsa du’a waliigalaa eeruurraa of qusataniiru.

Obbo Jawaar, Biiroon Fayyaa Oromiyaa caasaalee gadi jiran waliin ta’uun qoricha raabsuu, hubannoo hawaasaa guddisuu, saaphana ciree (agoobara) raabsuu fi kemikaala biifuu irratti hojjechaa jiraachuu fi torbe dhufu eegalee ammoo bal’inaan bobbahuuf qophiirra jiraachuu kan ibsuun, gama godinaalee afran Wallaggaatti garuu hanqinni mul’ate sababa rakkoo nageenyaan walqabate ta’uu himan. 

“Rakkoo hanqinaalee gama Wallagga Lixaa, keessattuu aanaa Beegiitti jiru quba qabna. Ciccituun kan mul’ate ammoo sababa rakkoo nageenyaa naannichatti jiru fi baay’achuu dhukkubsattootaani. Rakkoo kana hiikuudhaafis dhaabbilee idil addunyaa yeroo muddamsuu keessatti hojjechuu danda’an kan akka Fannoo Diimaa Idil-addunyaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa wajjiin qorichi gahaan akka dhiyaatu gochaa jirra. Yeroo gabaabaa keessatti rakkoon sun ni furama jenne abdanna,” jedhan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa Ebla 25, 2023 baaseen, jalqaba 2023 irraa eegalee Naannoo Oromiyaa gandoota 149 keessatti namoonni 1,274 ta’an dhibee busaatiin qabamuu fi namootni 18 dhukkuba busaatiin du’uu ibse ture. Kan dhibichaan qabaman keessaa harki caalaan daa’imman umrii shanii gadii ta’uus ibseera.

Dhaabbatichi gabaasa Hagayya 02, 2023 baaseen ammoo Itoophiyaa keessatti weerarri dhibee busaa daran hammaachaa dhufuu ibseera. Itoophiyaa keessatti namoota 1.7 dhibee kanaan kan miidhaman yoo ta’u, hanga Adoolessa 30tti lubbuun namoota 200 darbuu gabaasni dhaabbatichaa ni mul’isa. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button