DALDALAODUU

Oduu: Al-ergitoonni oomisha Jimaa adeemsa to’annoo jabaa ta’e keessa darbuun dirqama jedhame

Finfinnee, Sadaasa 13/2023 – Adeemsa to’annoo fooyyessuu fi galii al-ergii guddisuuf yaalii taasifamu keessatti, daldaltootni oomisha Jimaa Itoophiyaa al-ergan adeemsa galmee cimaa keessa akka darban ajajni kennameera. Kunis mootummaa waliin waliigaltee dirqamaa gochuu kan dabalatu yoo ta’u, kunis konkolaattota geejjibaa hordoftu GPS qaban fayyadamuun geejjibaa jimaa to’annoof kan dirqisiisudha.

Ministeerri Daldalaa Itoophiyaa tibbana dhaabbilee daldalaa al-ergii jimaa irratti hirmaatanif ulaagaalee haaraa yookaan adeemsa hayyama haaraa hojiirra oolcheera. Xalayaan qabiyyee ulaagaalee kanaa ibsu torbee darbe mootummoota naannoolee saddeet fi bulchiinsa magaalota lamaaf ergameera.

Konkolaataa hordoffii GPS qabu qabaachuu malees, al-ergitoonni haaraan galmaa’uuf waggaatti yoo xiqqaate jimaa meetiriik toonii 100 erguuf waadaa galuu qabu jedha. Al-ergitoota muuxannoo qabaniif ulaagaan kunis hojiirra oola. Bara baajataa darbe keessa yoo xiqqaate meetiriik toonii 100 ykn maallaqa biyya alaa doolaara kuma 500 galii al-ergiitti maddisiisuu isaa kan mirkaneessu ragaa dhiyeessu qabu jedha.

Hogganaan dhaabbata Al-ergii Jimaa Dirree Dawaa maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokko galii waggaa yoo xiqqaate doolaara kuma 500 argachuuf sababoota biyya keessaa jiran madda rakkoo ta’uu akka danda’u Addis Standard’f ibseera. “Haalli diinagdee, dambiiwwan mootummaa, fi jijjiiramni gabaa dandeettii al-ergitoonni jimaa milkaa’inaan erguu irratti dhiibbaa guddaa qaba,” jedhan.

Akka isaan jedhanitti, al-ergitoonni galii al-ergii isaanii dabaluudhaaf tooftaalee biroo ykn carraa haaraa qorachuu yaaduu qabu ta’a. Kunis kutaalee maamiltootaa adda addaa irratti xiyyeeffachuu, oomishaalee babal’isuu ykn tajaajila gatii dabalataa kennuu kan dabalatu ta’uu danda’a.

Naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa keessa kan jiraatu kan biraan jimaa erguun bara darbe, daldaltoonni jimaa al-ergii hedduun oomishni isaa hir’achuu isaatiin oomisha kana erguuf rakkoon akka isaan mudate Addis Standard’f ibseera. “Sababa wantoota akkasiitiin, al-ergitoonni haaraa hundeeffaman gabaa keessa baafamu danda’u, dorgomuu hin danda’an.” jedha.

Dhaabbanni jimaa godina Harargee Bahaa irraa erguu tokko akka jedhetti, adeemsi galmee walxaxaa fi yeroo kan fudhatu waan ta’eef yeroon galmeedhaaf ramadame ejensiiwwan hedduudhaaf gahaa miti jedha. Itti dabaluun, “Al-ergitoonni sanadoota bal’aa walitti qabuu fi dhiyeessu, unka guutuu akkasumas beellama qaamaan argamuu danda’u irratti dirqama qabachuu irraa kan ka’e yeroo isaaniif kenname gahaa mitii,” jechuun ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Rakkoolee kan irratti hundaa’un, ulaagaalee kanaa yoo ilaalle, dhaabbilee hunda keessummeessuuf yeroon galmee dheeraan dirqama jechuun yaada isaa Addis Standardiif kenneera. AS

Related Articles

Back to top button