DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Saawudii Arabiyaan himata ajjeechaa lammiilee Itoophiyaan walqabatee irratti dhiyaate haalte; Mootummaan Itoophiyaa qorannoo nan taasisa jedhe

Finfinnee, Hagayya 22/2023 – Eegdonni daangaa Saawudii Arabiyaa lammiilee Itoophiyaa dhibbaatamaan lakkaawwaman kanneen karaa Yamaniin daangaa biyyattii ce’uuf yaalan ajjeesuun yakka namoomaa raawwataniiru jedhame himata dhaabbata falmaa mirgoota namoomaa idl addunyaa Hiyumaan Raayitis Waach irraa dhiyaate mootummaan Saawudii Arabiyaa haaleera. Mootummaan biyyattii gabaasni kun “bu’uura kan hin qabne fi maddoota amanamoo irraa kan hin argamne” jechuun kuffiseera.

Mootummaan Itoophiyaan gama isaatiin dhimma lammilee utuu gara Saawudii Arabiyaatti ce’aa jiranii daangaa Saawudii Arabiyaafi Yaman gidduutti ajjeefaman jedhamanii hordofaa jiraachuu ibsa karaa Ministeera Dhimma Alaatin baaseen beeksiseera.

Walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Saawud Arabiyaa kan yeroo dheeraa lakkoofsise, cimaafi hariiroo gaarii biyyoota waliin qaban ta’uu kan kaase ibsi kun, dhimmicha mootummaa Saawudii waliin ta’uun atattamaan qorachuun akka beeksisuufi hanga qorannichi goolabamuttis tilmaama hin taanerraa of qosachuun akka barbaachisu dhaameera.

Lammiileen Itoophiyaa dhibbaatamaan lakkaa’aman karaa Yamaniin gara Saawudii Arabiyaa seenuuf turan Guraadhala 2022 hanga Waxabajjii 2023tti eegdota daangaa Saawudii Arabiyaatiin rasaasaan ajjeeffamuu Hiyumaan Raayitis Waach beeksisuun isaa ni yadatama.

Mootummaan Saawudii Arabiyaa dubartootaa fi daa’imman hedduu dhoksaan ajjeesuu isaa dhaabbatni mirgaa namooma kun qeeqeera. Dhaabbatni mirga namoomaa kun mootummaan Saawudii Arabiyaa imaammata meeshaa waraanaa baqattootaa fi koolu galtoota irratti fayyadamuu hayyamu kamiyyuu akka dhiisu gaafateera.

Kana hordofuun miidiyaan Al-jaziiraan akka gabaasetti, aangawoonni Saawudii Arabiyaa ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa eegdota daangaatiin raawwatame jedhame haalaniiru.

Hiyumaan Raayitis Waach gabaasa isaa kana keessatti biyyoonni dhimmicha irratti yaaddoo qaban itti gaafatamummaa mirkaneessuuf dhiibbaa akka godhan gaafateera. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha akka qoratuus gaafateera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaan Ameerikaa dhimma kanarratti mootummaa Saawudii waliin mari’achuu beeksiseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button