DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Weerarri dhibeewwanii fi rakkoo hanqina nyaataa Lixa fi Kibba Lixa Oromiyaatti mudate birmannaa qaamolee keessaa fi alaa barbaada – ABO

Finfinnee, Onkoloolessa 03/2023 – Lixa Oromiyaa Godinaalee Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa, akkasumas Kibba Lixa Oromiyaa Godinaalee Buunnoo Baddallee fi Iluu Abbaa Booraatti rakkoo uummata weerara dhibee fi beelaaf saaxilame birmannaa qaamolee dhimmi ilaallatu hunda akka barbaadu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ibse. 

ABOn ibsa Onkoloolessa 02, 2023 baaseen uummatni godinaalee kunneen keessatti rakkoo weerara dhibee fi beelaaf saaxilaman akka hin birmatamne gochaa jira jechuun mootummaa paartii Badhaadhinaan bulu himateera. “Kan hulaa hunda cufee addatti ammoo gargaarsa dawaa fayyaa fi nyaataa kuusaatti ukkaamsee irra taa’u caasaa Biltsiginnaa/Badhaadhinaa aanaa hanga gandootaatti diriirfamanii jiranii,” jedhe. 

Mootummaan ji’ootaan dura hongee Baha, Kibba Bahaa fi Kibba Oromiyaa addatti Gujii fi Boorana keessatti taheef ummanni keenya dafee akka hin dandamanneef gufuu ta’aa ture kan jedhe ABOn, “rakkoo beelaa fi dhibee belbeltuu ammaan tana Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaa Onoota hedduu keessatti tahaa jiruuf gargaarsaa fi birmannaan barbaachisu godhameefii ummanni keenya du’a irraa akka hin oolleef kan danqaa itti tahe garee Biltsiginnaa/Badhaadhinaa warra ‘Qurxummii balleessuuf bishaan gogsuudha’ jedhee dhaadataa turee fi jiruudha” jedhe.

Ummanni Lixa Oromiyaa Godinaalee Wallaggaa Afran keessa jiran waggoota shanan darbaniif sababa rakkoo nageenyaan “qotatee gumbii hin qabu, horsiifatee manaa hin qabu” jedhe. Namni kan manaa bahe manatti galuu dadhabee, kan mana jiru manaa bahuu dhadhabee dhalli namaa bakkatti dhumataa jiraachuu kan ibse ABOn, uummatni rakkoo nageenyaan jiruu fi jireenyi isaa jeeqame kun ammammoo weerara dhibeelee Busaa, Koleeraa, Tiibii, dhibee Sukkaaraa fi kkf saaxilamanii gargaarsaa fi waldhaansa argachuu dhabuu irraa hedduun lubbuun darbaa jiraachuu eere. “Haala amma mul’ataa jiruun ummanni keenya Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaa balaa dhibee fi beelaa itti aggaamame jalaa dandamachuu dadhabee rakkoo ulfaataa keessatti kufeera.” 

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaalee kan akka Beegii, Qondaalaa, Laaloo Assaabii, Baabboo Gambeel, Najjoo, Boojji Coqorsaa, Boojji Birmajii fi Mandii keessatti weerarri dhibee Busaa hammaachuun lubbuun namoota hedduu darbuu kan eere ABOn, Aanaalee Godina Qeellam Wallaggaa jala jiranii fi Kibba Lixa Oromiyaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddelleettis weerarri dhibee Busaa babal’achuun ummatni gaaga’ama ulfaataaf saaxilamaa jiraachuu ibseera. 

ABOn ibsa isaa kanaan, Aanaalee Beegii fi Qondaalaa keessatti kanneen dhibee Busaan qabamanii fi beelaaf saaxilaman kuma 86 ol baraaruun sadarkaa ulfaataa keessa jiraachuu eeruun, “kun cufti kan ta’e sababa WBO bal’eessuu jedhuun waraanni mootummaa daandii fi ulaa jiran cufee yakka raawwataa jiru irraati,” jedhe.

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beegiitti weerarri dhibee busaa ji’a Adoolessa booda daran babal’ateen namootni kumaatamaan lakkaawwaman dhibee kanaan qabamuu fi lubbuun namoota hedduuu darbuu Addis Standard ogeessa fayyaa aanichaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Daayirektara Fayyaa Hospitaala Sadarkaa Duraa Beegii Dr. Birmaduu Mokonniin yaada baatii darbe keessa Addis Standardiif laataniin, “ji’a Fulbaana booda kana caala ni hammaata jenne sodaa qabna. Haalli kun xiyyeeffannoo guddaa barbaada. Gama biiroo fayyaa godina Wallagga Lixaa fi Oromiyaa irraa haga tokko xiyyeeffannoon kenname bal’ina weerarichaa fi baay’ina dhukkubsataa jiru faana kan wal gitu miti,” jedhanii turan. Akkuma tilmaama Dr Birmaduutin, weerarri dhibee Busaa aanicha keessa mudatee baatii Fulbaana keessaas daran babal’atee lubbuu namoota dabalataa galaafachaa jira.

Jiraattonni Aanaa Beegii Hospitaala Beegiitti yaalamaa jiran akka himanitti, “Boolla tokkotti nama lama sadi awwaalaa jirra, namni buna danfisee waliif kennullee dhibeera” jedhu. Kana qofas osoo hin taane hanqinni nyaataa ulfaataan akka jirus himan.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Dursaa Garee Dhabamsiisa Dhibee Busaa kan ta’an Obbo Jawaar Qaasiim dhimma kana ilaalchisee yaada baatii darbe keessa Addis Standarditti laataniin, weerarri dhukkuba busaa kun Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti qofa osoo hin taane godinaalee 16, bulchiinsa magaalota 7 fi aanaalee 117 keessatti babal’atee jiraachuu himan. Naannichatti baatilee lamaan darban keessatti lubbuun namoota sababa dhibee kanaan darbe jiraachuu kan hin haallee obbo Jawaar, ragaa namoota du’an addeessu sirritti qindaa’e jiraachuu dhabuu eeruun lakkoofsa du’a waliigalaa eeruurraa of qusataniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo ummanni Oromoo hundi hawaasa ofii “gaaga’ama ulfaataa nam-tochee fi uumamaa” keessatti kufe waan danda’u hundaan bira dhaabbachuun akka dandamachiisuu fi lubbuu itti horuu waamicha dhiyeesseera. Akkasumas uummata weerara dhibeelee fi beela hammaataa jalaa dandamachiisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi keessaa fi alaan akka birmataniif waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button