ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: ABOn humnoota mootummaa “ajjeechaa jumlaatiin” yakke

Finfinnee, Onkolooleessa 19, 2023 –  Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) miseensonni humna raayyaa ittisa biyyaa godinaalee Oromiyaa garaagaraatti lammiilee nagaa jumlaan ajjeesan jedhe.

ABOn ibsa Onk 18, 2023 baaseen, Godina Lixa Shawaa aanaa Jalduu ganda Kibeetti  miseensonni raayyaa ittisa biyyaa Onkoloolessa 15, 2023 lammiilee nagaa 20 ol ta’an rasaasaan ajjeesaniiru jedhe.

Maqaa namoota ajjeefamanii barataa yuunivarsitii Salaalee Warquu Alamuu, barattuu Maskaram Biraanuu barattuu kutaa 12ffaa, Camarraa Qananii, Diroo Urgeessaa, Baqqalaa Asaffaa, Diribsaa Abdisaa Dabalaa, Obbo Abdiisaa Dabalaa mucaa isaa waliin, Tashoomaa Bisiraa fi mucaa isaa, Dabaltuu Tashoomaa Bisiraa, Bashaanaa Mulunaa, Mootummaa Guutaa, Qananii Barsiisaa fi Abbittii Biraanuu jechuun tarreesseera.

Akkasumas, Godina Shawaa kaabaa aanaa Warra Jaarsoo gandoota Migiroo Baddeessaa fi Gitoo Milkii jedhamanitti Onkoloolessa 14, 2023 namoota 20 ol ajjeefaman jedhe keessaa Gabayyoo Gammachuu, Shuree Habtaamuu (Suyyumee) ijoollee ishee 4 waliin, Irranaa Yaayyaa ijoollee isaa 2 waliinii fi Damisee Sagguu, kanneen ajjeefamaniidha jechuun dargaggoonni biroo 12 reebamuu eereera.

Kana malees, Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa Ganda Haqoo Kaarraa iddoo addaa Baalloo Gadabbaatti miseensonni RIB Onkoloolessa 17, 2023 manneen jiraattotaa 8 ibiddaan barbadeessuu fi ummatas jumlaan hidhaniiru jedhe. Maqaa namoota manni isaanii gubateera jedhes tarreesseera.

Mootummaan biyya bulchaa jiru rakkoo siyaas-dinagdee biyya qunname hiikuu waan dadhabeef duula “qurxummii bishaan keessaa balleessuuf galaana gogsuu” jedhuun ummata nagaa fi meeshaa hin hidhatin ajjeessa jira jechuun ABOn gochaa kana kan falmu ta’uu ibseera.

Bara 2023 keessa godinoota Wallagga Bhaa, Godina Shawaa Bahaa fi godinoota Oromiyaa biroo keessatti taateen wal fakkaataan hedduun mudachuu ibsi ABO kuni yaadachiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button