DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Weerarri dhibee Busaa Lixa Oromiyaatti lubbuu namootaa galaafachuu itti fufeera; Jiraattota fi ogeeyyiin fayyaa xiyyeeffannoo guddaa akka laatamuuf gaafatan

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa

Finfinnee, Onkoloolessa 18/2023 – Godinaalee Lixa Oromiyaa, keessattuu Godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti weerarri dhibee busaa baatilee sadi dura mudatee daran hammaatee lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jira. Keessattuu daa’imman dabalatee maatii tokko keessaa nama hedduu du’aa jiraachuu jiraattota fi ogeeyyiin fayyaa Addis Standarditti himaniiru. Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti hanga ammaatti Wallagga Lixaa keessa qofa namootni 45 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Hammeenya weerarichaa fi miidhaa lubbuu dhala namaa irratti geessisaa jiru hordofee dhimmichi sadarkaa olaanaan xiyyeeffannoo argatee furmaanni atattamaa akka laatamuufi miidhamtoota dhibee kanaa rakkoo dabalataa irraa baraaruuf tibbana miidiyaa hawaasaa irratti duula gargaarsaa eegalameera. 

Akka odeeffannoo ogeessa fayyaa waajjira fayyaa godina Wallaggaa Lixaa keessa hojjetu irraa argameen, hanga Onkoloolessa 12, 2023tti  qorannoo dhukkuba busaa godinicha keessa taasifameen, waliigala namoota ho’ina qaamaa agarsiisanii qorataman 222, 268 keessaa kan dhukkubni busaa keessatti argame 128,150 (57.65%) yoo ta’u, isaan keessa lubbuu namoota 45 ol du’aniiru. 

Akka ogeessa fayyaa kun jedhutti, weerarri kun godina Wallaggaa Lixaa keessatti aanaalee 20 fi magaalota lama keessa faca’ee jira. Ji’a sadan darban keessatti namoonni sababa dhibee busaan du’an akka godina Wallagga Lixaatti  baay’eedha. 

Hogganaa Hospitaala Beegii Obbo Geetinnat Baayisaa dhimma kana ilaalchisee Addis Standarditti akka himanitti, hospitaalli Beegii yeroo tokkotti dhukkubsattoota gara shantama ta’an qofa keessummeessuu kan danda’u ta’uus, sababa baay’ina dhukkubsattoota dhibee busaan kutaa nyaataa gara kutaa ciisichaatti jijjiiramee dhukkubsattoota gara 80 ta’an keessummeessaa jira.

“Hanqina nyaataa fi bakka jireenyaa murteessaa ta’e fi dhiyeessiin yaalaa yeroo baay’ee addaan cituu madda dhukkuboota weeraraa (busaa fi koleeraa) babal’achuuti,” jedhe  Obbo Geetinnat Baayisaa. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Dhibeen busaa kun aanaa Beegii fi Qondaalaa keessatti rakkoo guddaa geessisa jira. Rakkoo kanarraa dabalataan ammoo hanqinni qorichaafi oksijiinii mudachaa jira. Rakkoo oksijiinii fi siliindarii oksijinii baatu qabna ture. Siliindarii shantamaa ministeera fayyaa irraa argannuus ammallee deeggarsi barbaachisa, nu kennerraa jedha.” jedhe.

Ogeessa fayyaa kan ta’e Dr Solaan Baqqalaa yaada Addis Standarditti laateen, “dhibeen busaa dhiibbaa fayyaa kallattiin geessisu baatuus, namoota nagaa naannoo waraanaatti jiran irratti dhiibbaa al-kallattii hedduu fiduu danda’a. Fakkeenyaaf dhukkubni busaa oomishtummaa fi sochii diinagdee hir’isaa jira. Akkasumas, baratoonni mana barumsaa irraa hafuu fi hiyyummaaf saaxilamaa jiru,” jedhe.

Itti dabaluun, dhibeen busaa rakkoolee fayyaa biroo hammeessaa jira. Busaan rakkoolee fayyaa biroo kan akka hanqina nyaataa fi hir’ina dhiigaas hammeessaa jira. Kunis namoonni dhukkuba busaa irraa dandamachuuf rakkoo itti uumaa, akkasumas carraa du’aa dabalaa jira jedha Dr Solaan.

Obbo Geetinnat ammoo rakkoon nageenyaa naannicha keessa jiru rakkoo kana hammeessuu hima. “Rakkoo nageenyaa naannichatti uumameen dhaabbileen fayyaa baay’ee hojii ala ta’aniiru. Simannaan namoota dhukkuba busaa qaban humna ykn baajata qabnuun wal hin madaalu” jedhe. Dr Solaan yaada kanaan waliigaluun, waraanni bu’uuraalee fayyaa kan akka hospitaalotaa fi kilinikas miidhaa jira jedhe. Kunis raabsaa qorichaa fi meeshaalee fayyaa wal’aansaaf gargaaran irratti danqaa ta’uun namoonni nagaa tajaajila fayyaa argachuuf carraa qaban daran rakkisaa gochuu hime. 

Akka qorannoo dhaabbata tola ooltummaa tokkoon hojjatame Addis Standard ilaale ibsutti, rakkoo nageenyaa gama Lixa Oromiyaarra jiruun Godina Wallagga Lixaatti buufataleen fayyaa 97 ta’an saamamanii fi miidhaan irra gaheera. Akkasumas buufata fayyaa 64 gubataniiru. Walumaa galatti buufata fayyaa 161 irratti miidhaan gaheera. Akka qorannoo kanaatti, ambulaansonni jaha saamaniiru, ambulaansii lama miidhaan irra gaheera, ambulaansoonni afur ammoo gubataniiru.

Akka qorannoo dhaabbata tola ooltummaa kun hojjete irraa mul’atuutti, Qeellam Wallaggaatti buufata fayyaa saamamaniifi miidhaan irra gahe 93 yoo ta’an, kan gubatan ammoo 17. Akka qorannoo kanaatti Qeellam Wallaggaatti ambulaansoonni 12 irratti miidhaa qaqqabee hojii ala ta’aniiru. 

“Aanaa Beegii ganda Loophii jedhamu keessatti yoo xiqqaate miseensonni maatii mana 14 sababa dhibee busaatiin guutummaan dhumaniiru,” jedha ogeessi fayyaa  Dr Solaan Baqqalaa.

Ogeessa seeraa fi jiraataa Aanaa Qondaalaa kan ta’e Mootummaa Addunyaa akka jedhutti, Aanaa Qonadaalaatti maatiin tokko yaalaaf gara qarshii kuma 45 baasaa jira. “Kutaalee aanichaa garagaraa keessatti qonnaan bultoonni lafa isaanii kontiraata kennuun qarshii wal’aansaaf ta’u argachuuf yaalaa jiru.”

Akka Mootummaan jedhutti aanaalee godina Wallagga Lixaa keessa argaman kan akka Baaboo Gambeel, Beegii, Qondaalaa, Yuubdoo, Boojii Cooqorsaa, Guullisoo fi Laaloo Assaabii keessatti irra caalaan bookee busaa waan jiruuf weerarri dhibee kanaa babal’atee argama. Godina Qeellam Wallaggaa keessattis dhibeen busaa haala adda ta’een babal’achaa jira. Aanaalee godinicha kanneen akka Dallee Sadii, Laaloo Kilee, Gaawoo Qeebbee, Dallee Waabaraa, Sadii Caanqaa fi Hawaa Galaana keessatti heddumminaan faca’uu ogeessi fayyaa godinicha keessa hojjetu Addis Standarditti himeera. 

Mootummaan keemikaala farra bookee busaa helikooptaroota fayyadamuun biifaa ture, keessumaa laga Daabuus irratti, bakka wal hormaataa busaa fi naannoo Beegii iddoowwan busaan itti babal’ateetti. Haa ta’u malee, waggoota shanan darban keessatti lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi Raayyaa Ittisa Itoophiyaa naannoo sanatti gaggeeffamaa jiruun irraa kan ka’een biifamuun keemikaala farra busaa dhaabbatee jira jedhe Mootummaa Addunyaan.

Itti fufuun, “bara 2021 irraa eegalee sababa lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi Raayyaa Ittisa Itoophiyaa jidduutti geggeeffamaa jiruun aanaa Qondaala keessatti tajaajilli baankii, sirna haqaa fi hospitaalota haalaan miidheera. Aanichi guutummaatti naafaa ta’e jira. Aanichatti hanqinni qoricha guddaatu jira. Akkasumas, hakiimoonni hedduun sababa nageenyaa irra kan ka’een aanaa kanarraa gara aanaa tasgabbaa’aa ta’etti fi gara Finfinneetti godaananiiru” jedhe.

“Bara 2020 irraa eegalee baankoonni waajjira isaanii aanaa Beegii fi aanaalee naannawaa sanaa keessatti argamanis cufaniiru. Ummanni naannoo sana jiraatu tajaajila baankii argachuuf gara Beenishaangul Gumuuzitti imalaa jira.”

Furmaata rakkoolee kunneen

Akka Dr Solaan Baqqalaa jedhutti, rakkoo lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiru kana furuuf xiyyeeffannoo, hordoffii fi deebii atattamaa akka barbaadu hima. “Kunis namoota dhukkuba busaa qabamanii fi weerara busaa hordofuu kan dabalatu yoo ta’u, kunis aanga’oonni saffisaan deebii akka kennan taasisa. Akkasumas, kuusaan qorichaa fi dhiyeessii qorichaa busaa gahaa ta’e akka jiraatu gochuus ni dabalata.” jedhe. 

Itti dabaluun, “Mootummaa fi dhaabbileen tola ooltummaa tajaajila fayyaa kennuu qabu. Kunis kilinika fayyaa socho’aa fi tajaajiloota barbaachisoo biroo buqqaatotaa fi dhukkubsattootaaf  kennuu qabu” jedhe. Itti dabaluun, sagantaa ittisa busaa hoomaa bookee busaa fi toora siree qoricha ilbiisotaan wal’aanamaaf raabsuu qaba jette.

Ogeessa seeraa Mootummaa Addunyaan ammoo hunda dura rakkoo kana kan hammeesse rakkoo nageenyaa naannoo sanii furamuu qaba jedha. “Madda rakkoolee kanaa fi kanneen biroof sababa kan ta’e rakkoo nageenyaa naannoo kana keessatti ta’aa jirudha. Kun ammoo qaamolee wal waraanan lamaan jidduutti araarri bu’uu qaba,” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button