ODUUSIYAASA

Oduu: Humnoonni mootummaa magaalaa Laalibalaa deebisanii to’achuu jiraattotni himan

Finfinnee, Sadaasa 09/2023 – Naannoo Amaaraa magaalaa seena-qabeettii, Laalibalaatti, walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti guyyaa kaleessa ganama eegale hammaate ture tasgabbaa’uu fi dhukaasni dhaabbachuu miidiyaan idil addunyaa Ajaans Firaans Pirees (AFP) gabaaseera.

Hidhattootni Faannoo kaleessa guyyaa guutuu naannoo magaalaa Laalibalaatti humnoota mootummaa waliin walitti dhukaasaa erga ture booda magaalittii to’achuu erga gabaafame guyyaa tokko booda, har’a Kamisa Sadaasa 09, 2023 humnoonni mootummaa magaalaa Laalibalaa deebisanii to’achuu gabaafameera. 

Bakka hambaa addunyaa UNESCO ta’ee fi bataskaanota jaarraa hedduuf dhagaan bocamaniin beekamtu Laalibalaan kaleessa humnoota Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lola cimaa gaggeeffamaa ture keessummeessaa oolteetti.

BBCn jiraattota wabeeffachuun akka gabaasetti, walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi hidhattootaa Faannoo gidduutti torban kana itti fufeen nageenya hambaalee seenaaf akka yaaddeessu ibseera.

Kana malees, walitti bu’iinsa magaalaa Laalibalaa keessa jiruun guyyaa Roobii xiyyaarri qubachuu dhabee deebi’uu BBCn gabaase ture. Diyaaqoniin Rooyitars dubbise sibiilli bataskaanotaaf akka gaaddisaatti gargaaru tolfameef rasaasa dhukaafameen rukutamuu himaniiru. ”Kanneen lolan meeshaa waraanaa hunda fayyadamaa jiru. Sochiin meeshichaa natti dhagahama,’’ jechuun dubbatan.

Haata’u malee, AFP har’a Kamisa akka gabaasetti, hidhattoonni Faannoo halkan bahuu isaanii hordofee ”yeroo ammaan kana RIB magaalattii to’achaa jira” jedheera.

Jiraataan AFP dubbise tokko,”Hanga ganama bariitti hidhattoonni Faannoo magaalattii harka caalu to’achaa turan. Ganama yeroo kaanu hidhattootni Faannoo magaalattii gadhiisanii bahaa turan” jedhe. Itti dabaluudhaanis, “RIB daandii irratti bobba’ee argaa jirra,” jedhe. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button