DALDALAODUU

Oduu: Baankiin Misooma Afrikaa gargaarsa dolaara miliyoona 104 fooyya’insa dhiyeessii humnaaf oolu raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 14/2023 – Boordiin Daayreektaroota Baankii Misooma Afrikaa gargaarsa maallaqaa dolaara miliyoona 104 kan Bahaa Itoophiyaatti dhiyeessii humnaa fooyyeessuuf oolu guyyaa har’aa raggaasiseera.

Gargaarsi maallaqaa kuni dolaara miliyoona 52 kan Fandii Misooma Afrikaa irraa argamee fi, akkasumas Dolaara miliyoona 52 liqii laafaa Fandii Misooma Diinagdee Kooriyaa karaa tumsa waliigaltee misooma humnaa Kooriyaa-Afrikaatiin kennameedha. 

Waliigalteen kuni qaama misooma diinagdee fi guddina hawaasummaa itti fufaa biyyoota Afrikaa waliin guddisuuf Sadaasa 2021 Baankii Misooma Afrikaa fi Mootummaa Riippablikii Kooriyaa gidduutti mallatteeffame ta’uu eerameera.

Baankichatti daayreektara misooma humnaa kan ta’e Baachii Baaldeeh akka jedhetti piroojektiin kuni dandeettii omisha humnaa guddisuun dhiyeessi humna elektiriikaa qulqulluu fi amansiisaa ta’e Bahaa Itoophiyaatti ijaaruudha.

“Dhiyeessii humna elektirikii guddisuun ciccita humna elektiriikaa fi dhiyeessi humnaan dabareedhaan naannicha keessatti kennamaa jiru fooyyeessuu, warshaalee fi manneen namoota dhuunfaatiif humna dhiyeessuu, fi itti faayyadama jenereetaraa kan namoonni humna elektiriikii maddisiisuuff itt fayyadamaa jiran hojiin ala gochuu,” daayreekatichatu jedhe.

Piroojektiin kuni misooma jallisii qonnaa kan lafa heektaaara 463,174 misoomsuun nyaataan of

danda’uu fi nyaata bineeldotaa dhyeessuuf mootummaan karoorfate kan tumsu ta’uu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Piroojektichi ijaarsa daandii raabsaa sarara dachaa kiiloovooltii 400 kan lafa 157km kan buufatoota xixiqqoo Harara, Jigjigaa fi Faafamiitti argaman kan walqunnamsiiu ta’a. piroojektiin kuni karoora riippablikii federaalaa Somaaliyaa fi Gaanfa Afrikaa walitti hidhuu fi walitti bu’iinsa jiru furuu fi ida’amuu diinagdee tumsuu oola jedhame.

Piroojrektiin kuni daldalaa fi warshaatiif bu’aa guddaa kan qabu ta’uun tilmaameera. Barattoonni 200 kan 40% shamarran ta’an ijaarsa kana irraa muuxannoo akka argataniif ji’oota jahaaf ijaarsa kana keessatti akka hirmaatan taasisa jedhame. Kana malees, barattoota 30 kan 50% shamarran ta’aniif seektara humnaatiin carraa leenjii ni kenna. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button