ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Itoophiyaan ibsi Ambaasaaddarri Ameerikaa laatan ‘dogoggora kan qabu’ fi ‘odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne’' jechuun qeeqxe

Finfinnee, Caamsaa 17/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa imaammata Ambaasaadarri Ameerikaa Erviin Masiingaa kaleessa kennaniin ”dogoggora” fi ”odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne” jechuun qeeqeera. Kana malees, “faallaa hariiroo seena qabeessaa biyyoota lameenii” jechuun ibse. 

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa Caamsaa 16, 2024 baaseen, haasaan ambaasaaddarichi “maq-balleessii fi haala mootummaan Itoophiyaa dhimmoota biyyattii itti gaggeessuu qabu irratti gorsa hin gaafatamne kan hammateedha,” jedhe.

Ambaasaaddar Maasingaan ibsa kaleessa laataniin, mootummaan Itoophiyaa dhimmoota siyaasaa walxaxaa ta’an furuuf mala nageenya irratti xiyyeeffate akka hordofuu fi marii siyaasaaf haala mijeessuuf namoota siyaasaa ijoo ta’an hidhaa irraa akka gadhiisu dhaamaniiru. Akkasumas qeeqxoota mootummaa irraa hidhaa fi dararaan akka dhaabbatus gaafataniiru.

Ambaasaaddar Maasingaan waa’ee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoota Faannoo dabalatee gareewwan hidhattoota adda addaa waldhabdee deemaa jiru keessatti hirmaachaa jiran ilaalchisees dubbataniiru. Marii biyyaalessaa fi adeemsa haqaa ce’umsaa keessatti akka hirmaatan gaafachuun, gargaarsa namoomaa mijeessuuf akka biyyaatti dhukaasa dhaabuun barbaachisaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. 

Haa ta’u malee, Ministeerri Dhimma Alaa dubbiin ambaasaaddarichaa ”hariiroo seena qabeessaa fi michoomaa Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiruun kan faallaa ta’e” ta’uu ibseera. Itoophiyaan nagaa, nageenya, mirga namoomaa, fi dimokiraasii guddisuuf tattaaffii taasifamu dabalatee mata dureewwan bal’aa irratti Ameerikaa waliin mari’achuuf fedhii agarsiisaa akka turte ministeerichi ibseera.

Ministeerichi “ibsi ambaasaaddarichaa qaamolee hidhatan biyyatii keessatti humnaan mootummaa uummataan filame aangoorraa kaasuuf yaalan, akkasumas lammiilee nagaa ukkaamsanii fi shororkeessan waliin mootummaa caqasuun waan fudhatama hin qabnedha,” jedhe.

Imbaasii Ameerikaa Finfinnee jiru waliin ta’uun ”dogoggora fi haalota wal-hin simne ibsicha keessatti mul’atan sirreessuuf” hojjechuuf qophii ta’uu kan ibse ministeerichi, ”karaa naamusa dippilomaasii kabaje” kan ”adeemsa dimokiraasii fi nagaa biyyattii hin diigneen” akka ilaalamu dhaameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, mootummaan Itoophiyaa ”marii fi hariiroo biyyoota lamaanii eeguuf kutannoo qabaachuu’ irra deebiin mirkaneesseera. AS

Related Articles

Back to top button