DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Mootummaan lammiilee gargaarsa barbaadan miiliyoona 9 oliif deeggarsa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 25/2024 – Mootummaan lammilee gargaarsa barbaadan miiliyoona 9 oliif baatilee lamaan dhufanitti deeggarsa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Baatilee jahan darban keessattis dhaabbilee gargaarsaa waliin ta’uun deeggarsa nyaataa birrii biiyoona 15 dhiyeessuu ibseera.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har’a laateen, mootummaan baatilee jahan darban keessa birrii biiliyoona 11 ofiirraa akkasumas birrii biiliyoona 4 dhaabbilee gargaarsaa irraa walitti sassaabuun, walumaagalatti birrii biiliyoona 15n marsaa sadiin lammiilee miidhamaniif deeggarsa nyaataa raabsuu beeksise.

Haaluma kanaan, marsaa jalqabaatin lammilee miiliyoona 7.3f, marsaa lammataan lammilee miiliyoona 3.6f, akkasumas marsaa sadaffaan ammoo lammilee miiliyoona 6.5 ta’aniif deeggarsa namoomaa atattamaa dhiyaachuu eerameera. 

Kana malees, haala gabaa naannichatti jiru qoratamee miidhamtootni nyaata naannoo isaanii argamu bitanii akka fayyadamaniif deeggarsa maallaqaa birrii biiliyoona 2 taasifamuus ibsameera.

Maallaqni kun lammilee naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Kibba Itoophiyaa, Affaarii fi Harariitti deeggarsa barbaadaniif raabsamuu kan eere Ministeerichi, kunis dhibbeentaa 40 mootummaa irraa dhibbeentaa 60 ammoo kallattiin Baankii Addunyaa irraa kan argame ta’uus ibseera.

Fuulduraafis lammilee sababa hongee fi kanneen birootin deeggarsa namoomaa isaan barbaachisu miiliyoona 9 adda baafamanii gargaarsa dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu fi hojii kanaafis birrii biiliyoona 9.2 akka barbaachisu ibsameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button