ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Walitti bu’iinsa haaraa daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti uumameen namoonni hedduun ajjeefaman, hedduun madaa’aniiru

Finfinnee, Fulbaana 22/2023 – Walitti bu’iinsa hidhattoota naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee gidduutti Aanaa Baabbileetti uumameen lammiileen nagaa hedduun du’uu, hedduun ammoo madaa’uu jiraattonni Addis Standarditti himan. 

Aanaan Baabbilee bulchiinsaan naannolee lamaanuu [naannoo Somaalee, godina Fafaan fi naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa] keessa jiraatus, mooraan Kolojii hidhattoonni mootummaa naannoo Oromiyaa irraa dhufan Wiixata darbe “haleellaa itti raawwatan” naannoo Somaalee keessatti akka argamuu jiraattootni lama gama Somaalee irraa Addis Standard dubbise himaniiru. Mooraan kun Somaalota walitti bu’iinsa bara 2017 tureen naannoo Oromiyaarraa buqqa’an 20,000 ol kan keessummeessuu ta’uus eeraniiru.

Waldhabdee guyyoota sadiif ture kanaan dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota dabalatee namoonni hedduun ajjeefamaniiru jedhan namootni Addis Standard dubbise. Hospitaala Jigjigaatti ogeessi fayyaa kan ta’e Mohaammad Sa’id Addis Standarditti akka himetti, walitti bu’iinsa Wiixata irraa eegalee mudateen yoo xiqqaate du’a namoota kudhanii ol galmaa’ee keessaa dubartoonni lamaa fi daa’imman sadii kan argaman ta’uu, akkasumas dubartoota fi daa’imman umrii shanii gadi dabalatee namoota 21 ol irratti miidhaan qaamaa gahuu himeera. 

Jiraataan aanaa Baabbilee gama Oromiyaa irraa jiru garuu Addis Standarditti akka himetti bakki kaampii Kolojii jedhamee ibsame kun daangaa naannoo Oromiyaa keessatti kan argamu ta’uu ibsuun, mootummaan naannoo Somaalee naannoo sana seeraan ala namoota qubsiisuun naannoo Somaalee keessa akka argamu taasiseeti jedhe.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan walitti bu’iinsi kan uumame erga hidhattoonni Oromiyaa buufanni sakatta’iinsaa dhiheenya kana mootummaan naannoo Somaalee naannoo sanatti kaa’e akka buqqa’u gaafataniin booda ta’uu himeera. Kana malees, gama Somaaleetiin himatni hidhattoonni Oromiyaa kaampii Kolojii irratti haleellaa bananiiru jechuun ka’u bu’uura kan hin qabneedha jechuun mormeera.

Hojjetaan waajjira gandaa [gama naannoo Oromiyaa] Aanaa Baabbilee bakka waldhabdeen itti uumame jiraatu kan maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne tokko yaada Addis Standarditti laateen “poolisiin naannoo Somaalee ganda Oromiyaa seenee bakka Dhakkaa jedhamutti qubatee achitti buufata keellaa sakatta’insaa hundeessuun sakatta’insa gaggeessaa jiraachuu isaanii” waldhabdee kanaaf sababa ta’uu hime.

Itti dabaluun, poolisiin Somaaliyaa namoota nagaa lama ajjeesuu hime. “Namoota nagaa ajjeefaman keessa inni tokko qotee bulaa yoo ta’u, oyiruu isaa keessatti ajjeefame.” 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Maddi bulchiinsa naannoo Somaaleetti dhihoo ta’e Addis Standarditti akka himetti, daangaan naannolee lamaan rifarandamii bara 2004 gaggeeffameen ifatti waan daangeeffameef walitti bu’iinsi dhiyeenyatti uumame kun jiraattota naannolee lamaan gidduutti kan hin uumamneefi dhimma gaaffii mirga lafaa irrattis kan xiyeeffatu miti jedhe.

Walitti bu’iinsa kanaan gama lachuurraa namootni nagaa ajjeefamuu kan ibse maddi kun, namoonni daldala kontiroobaandii, irra caalaa Jimaa irratti fedhii qaban, milishoota mootummaatti fayyadamuun lola kana jalqabuu akka danda’an ibseera. Hanga ammaatti mootummaa federaalaa irraa gidduu seenuun akka hin jirre kan kaasuun, Pireezdaantota naannolee lamaan dabalatee hoggantoonni naannolee magaalaa Adaamaatti leenjii Paartii Badhaadhinaa irratti hirmaachaa waan jiraniif achitti mari’achuun furmaata akka laatan abdii qabu ibseera.

Yaada qondaaltota aanaa Baabbilee akkasumas godina Harargee Bahaa dabaluuf yaalii irra deddeebii Addis Standard taasise hin milkoofne. 

Baatii Bitootessa keessa walitti bu’iinsa hawaasa aanaalee ollaa naannoo Somaalee [aanaa Gulad] fi naannoo Oromiyaa [aanaa Cinaaqsan] gidduu uumameen lubbuun namoota torba darbuu fi namootni 14 madaa’uu qaqqabuu Addis Standard gabaase ture. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button