ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mormiin caaseeffama bulchiinsaa Naannoo Kibba Itoophiyaa ilaalchisee ka’een lubbuun namoota 17 darbe

Finfinnee, Hagayya 29/2023 – Naannoo haaraa hundeeffame Kibba Itoophiyaa Godina Gaamoo ganda Shuuraatti walitti bu’iinsa humnoota tika mootummaa fi jiraattota gidduutti uumameen lubbuun namoota 17 yoo darbu,  hedduun madaa’aniiru.

Walitti bu’iinsi kun kan ka’e karoora gandichi daangaa bulchiinsa magaalaa Arbaa Mincii keessatti hammachuudhaaf qophaa’e mormuun ta’uu isaa jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan Addis Standarditti himan.

Akka jiraataan Addis Standard dubbise jedhutti, jeequmsi kun torbee darbe gaafa Kamisa halkan sa’aatii 2tti kan jalqabe yoo ta’u, jiraattonni firaashii yookaan ciisicha humnoota nageenyaa bulchiinsa godinichaa kaampii dhiyoo jiru tokkoo keessa buufatanii turan jalaa gubuu hordofeeni. Deebii kanaaf humnoonni nageenyaa namoota nagaa irratti dhukaasa banuu isaanii jiraataan kun himeera.

Namni kun dabalataan akka ibsetti, milishaa naannoo sanaa fi humnoota nageenyaa bulchiinsa godina irraa dhufan gidduutti dhukaasni ka’ee poolisoota afur dabalatee yoo xiqqaate namoonni 17 du’uu isaanii ibseera. Ogeeyyiin fayyaa magaalaa Arbaa Mincii VOA’f  akka mirkaneesseetti, yoo xiqqaate namoonni 12 du’uu fi kaan 15 madaa’uu ibseera.

Maddi odeeffannoo Addis Standard bira maqaan isaa akka hin ibsamne barbaaduu akka himetti, jiraattonni naannoo laftii irra jiraatan akka bulchiinsa magaalaa Arba Mincii keessatti hin gallee yeroo dheeraaf mormaa turan. Diddaan kun hidhaa fi walitti bu’iinsa torban darbe keessa mudateef sababa ta’e ture. Dabalataan rakkoo walxaxaaf isaan saaxilee jira.

Jimaata darbe humni waloo nageenyaa godinicha akka jedheetti “namoota tasgabbii naannoo haaraa hundeeffame booressuu fi heera mootummaa diiguuf socho’an” to’annaa jala oolchuu isaa beeksise ture.

Ibsa humni waloo kun akka jedhetti, namoonni kunneen ganda  Shuuraa seeraan alaa qabatanii kan turan yoo ta’u, meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuun isaanii fi leenjii waraanaa hayyama hin qabne irratti hirmaachaa akka turan ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ibsichi yeroo walitti bu’iinsa kun uumamutti lubbuu namaa fi qabeenya irratti “miidhaan salphaan” akka qaqqabe hubachiiseera.

Taatee kana ilaalchisee hubannoo dabalataa kan kennan, hawaasa Gaamoo keessatti maanguddoo kabajamaa Obbo Saadiqaa Simee akka jedhetti, humnoonni mootummaa gaafa Kamisa namoota jeequmsa irratti hirmaatanii fi adeemsa bulchiinsa haaraa gufachiisan jedhaman to’annaa jala oolchuuf ergamuun isaanii Addis Standarditti himaniiru.

Haa ta’u malee, jiraattonni naannoo sanaa namoonni kun bakka bu’oota keenya jechuun sagalee isaanii dhageessisuu himaniiru. Boodarra garuu diddaan kun gara waldhabdeetti hammaateera jedhan. 

Maanguddoonni kunneen falmiin kun karaa nagaadhaan akka furmaata argatu iyyataniiru. Itti dabaluun, qaamoleen dhimmi kun isaan ilaallatu hundi mariin akka madda rakkoo kana furaniif gaafataniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button