ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan kaayyoo humna fi weeraraan fedhii ishee milkeessuu tokkollee hin qabdu: MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 26/2023 – Itoophiyaan kaayyoo humna fi weeraraan fedhii ishee milkeessuu tokkollee akka hin qabne Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ibsan. Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaa har’a kabajame irratti argamuun ergaa kan dabarsan MM Abiy Ahmad, Raayyaan Ittisa Biyyaa kaayyoo Itoophiyaa tiksuuf malee haleeluuf hojjetee hin beeku jedhan.

“Yeroo dhiyoo as Itoophiyaan, dhimmoota tokko tokko irratti mari’achuu barbaachisa gaaffii jedhuu wayita kaastu, weerarri gaggeeffamuu mala sodaan jedhuu ni dhaga’ama” kan jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Itoophiyaan humnaa fi weeraraan waan milkeessitu tokkollee akka hin qabne dubbatan.

“Faayidaa, guddinaa fi badhaadhina waloof dhimmoota hundumaa injifatoo taasisan obboloota keenya waliin mari’achuun, faayidaa waloo kan kabachiisnu malee, humnaan fedhii keenya milkeessuuf obboloota keenya irratti kan hin dhukaafne ta’uu jala mureen mirkaneessa” jedhan.

Guyyaan hundeeffama Raayyaan Ittisa Biyyaa wayita kabajamu, “Itoophiyaan humna kamiinuu injifatamtee kan hin beekne, ammallee kan hin injifatamne, weeraramtee hin beekne; kan weerartus akka hin taane hubachiisuufi” jedhan.

Dabalataan, “raayyichi akkuma maqaa isaa Raayyaa Ittisaa ta’e yeroo tokkofillee haleellaa, ajjeessuu fi balleessuu bu’uureffachuun hojjetee kan hin beeknedha” jechuun, maqaan isaas ittisa waan ta’eef ammas eenyuuniyyuu haleeluun kaayyoo akka hin qabne mirkaneessaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa biyya keessatti qofaa utuu hintaane, biyyaa alaattillee nagaa kabachiisaa kan ta’uun beekamu ammas nagaa kabachiisaa ta’ee biyya keessaa fi alatti kan hojjetuudha jedhaniiru.

Biyya jibbuu fi dhaabbata diiguun akkuma biyyoota Afrikaa birootti mul’atee, Itoophiyaa keessattis “yaaliiwwan hin milkoofne” gaggeeffamuu eeruun, wantoota akka biyya, dhaabbata, obbolummaa fi walooma Itoophiyaa diiguun gocha hin mallee ta’uu hubachuun irraa barachuu qabna jedhaniiru. Rakkoon yoo jiraates mariin furaa adeemuun baratamuu akka qabu akeekaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button