DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Waldaan Kiristiyaanaa Makaana Yesus ajjeechaa Qeellam Wallaggaatti miseensota isheerratti raawwatame balaaleeffatte

Finfinnee, Muddee 05/2023 – Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa ibsa har’a baasteen, naannoo Oromiyaa, Godina Qeellam Wallaggaa, Aanaa Gidaamii, ganda Mana Hamootti Waldaa Tokkummaa Mana Hamoo Mekane Yesusuus jedhamuun beekamu keessatti Sadaasa 24, 2023 halkan keessa sa’aatii 8:00 irratti amantoota kadhata addaatiif mana sagadaa keessa turan, namoota kudha torba keessaa dargaggoonni sagal qaama hidhattootaa eenyummaan isaanii ifa hin taaneen haala suukanneessadhaan ajjeefamuu balaaleeffatteetti.

Ajjeechaa godina Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamii Waldaa Tokkummaa Mana Hamoo Makaana Yesusitti raawwatame dabalatee haleellaawwan garaagaraa godinaalee Arsii fi Qeellam Walaggaa keessatti raawwatameen amantootni 45 ajjeeffamuu Addis Standard gabaase ture. Haleellaan godina Arsii aanaa Shirkaatti raawwatamee lubbuu namoota 36 galaafate hordoftoota amantaa Ortodoksii irratti kan xiyyeeffate ta’uu jiraattota fi aanga’oonni mootummaa himaniiru.

Haala kana ilaalchisee karaa mootummaatiin dhimmichi hordoffii argatee haalli isaa karaa amansiisaa ta’een uummataaf ifa ta’a jedhamee eegamuu irraa kan ka’ee karaa Waldaatin hanga ammaatti yakka kana ilaalchisee ibsi ba’e akka hin jirre kan kaaste waldaan Makaana Yesus, maqaa namoota ajjeefaman tarreessiteetti. 

Maqaan dargaggoota kanaas; Taliilaa Lammeessaa Taasisaa, Tolinaa Lammeessaa Taasisaa, Taammiraat Lammeessaa Taasisaa, Qabbannaa Bulchaa Guutamaa, Geetachoo Beekkataa Taayisaa, Hiikaa Ayyaanaa Yaadasaa, Jireenyaa Dingataa Teessoo, Solomoon Dingataa Teessoo  FI Siraaj Danuu yoo ta’u, isaan keessa obboleewwan sadi fi obboleewwan lama biroo argamu. 

Ajjeechaan Gidaamiitti amantoota Waldicha irratti raawwatame kun isa duraa miti kan jette Waldaan Makaana Yesus, kana duras bakkoota adda addaatti ajjechaan jumlaa amantoota ishee irratti raawwatamaa turuu eerteetti. “Fakkenyaaf, waggaa darbe Wallagga Bahaa, aanaa Sasiggaa keessatti amantoota Sagada guyyaa Dilbataa irra turan keessaa amantoonni kudha shan  gurmuun qaama hidhattootaaiin mana sagadaa keessatti ajjeefamuu, akkasumas Wallagga Dhihaa, aanaa Boojjii keessatti amantoota Sagada Dilbataa irra turan keessaa dargaggoonni sadii qaama hidhattootaatiin ajjeefamuu fi kutaalee biyyatti adda addaa keessatti amantoota irratti yakki ajjeechaa kana fakkatu raawwatamaa turuu isaa tartiibuun ni danda’ama.”

Ajjeechaawwan suukanneessoo kana ilaalchisee dhugaa fi haqni ifa akka ta’uuf Waldaan sagalee ishee yeroo adda addaatti dhageessisaa kan turte yoo ta’elle deebiin homtu hin argamne jette ibsa har’a baasteen. 

“Mirgi jiraachuu namootaa sarbamee lubbuun isaanii tarkaanfii hidhataatiin yeroo darbu, qaamni kana dalage eenyuunuu haa ta’u, qoratee seeratti dhi’eessuu fi nageenya uummataa mirkaneessuun, akkasumas haala uumame irratti uummataaf odeeffannoo amanamaa kennuun itti gaafatama mootummaa akka ta’e seerri Mootummaa biyyattii haala hin morkachiifneen ni mirkaneessa, Waldaan keeynas kanuma amanti,” jette.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kanaafis qaamoliin gita federaalaattis haa ta’u gita mootummaa naannootti seera Tumanii fi seera raawwachiisan, ajjeechaa Sadaasa 24 aanaa Gidaamiitti amantoota ishee irratti dalagame dabalatee, kan duraanis turani yakkoota kana fakkaatan hordofuudhaan seeratti akka dhi’aatan akka godhan, akkasumas haalota kana ilaalchisee uummataaf ibsi amanamaan akka kennamu Waldaan Kiristiyaanaa Makaana Yesus cimsitee hubachiisteetti. Sagaleen ishees akka dhaga’amu, haqni fi mirgi dhala namaa akka seera biyyattiitti akka mirkanaa’u  dabaltee gaafatti.”

Kanumaan walqabatee taateewwan yakkooti bifa adda addaatiin biyyattii keessatti mul’ataa jiran harka-guddeessan, nagaan dhibamuu irraa kan ka’e ta’uu eeruun, biyyattiin biyya lammiiwwan ishee yaaddoo malee keessa jiraatan, soda malees iddoo dhaa gara iddootti socho’an, biyya mirgi dhala namaa qabatamaadhaan itti kabajamee fi biyya missoomaan dagaagde akka taatuuf,  mootummaan karaa danda’ame hundumaan araarri fi nagaan akka bu’uuf, kan duraanii caalaa kutannoodhaan akka dhama’u hubachiisteetti. AS

Related Articles

Back to top button