ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Addaa Saba Oromootti walitti bu’iinsa hidhattoota Faannoo fi jiraattotni gidduu uumameen namootni 18 ol ajjeefaman

Naatinaa’eel Fiixeetin @NatieFit

Finfinnee, Sadaasa 07/2023 – Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Arxummaa Fursiitti haleellaa hidhattoonni saba Amaaraa “Faannoo” Dilbata Onkoloolessa 05 ganama irraa eegalee raawwatan hordofee walitti bu’iinsa hidhattoota kunneenii fi jiraattota aanichaa gidduu uumameen jiraattota 18 ol ajjeefamuu jiraattotni Addis Standard dubbise himaniiru.

Hidhattootni “Faannoo” jedhaman kun godina Shawaa Kaabaa, aanaa Efraataa Gidim magaalaa Maajatee irraa kan dhufan ta’uu jiraattotni kun himaniiru.

Jiraataan maqaan isaa akka hin eeramne gaafate akka Addis Standarditti himetti, Dilbata ganama irraa eegalee gandoota aanichaa sadi keessatti guyyaa guutuu “waraanni cimaa” gaggeeffamaa oolu himeera. “Guyyaa sadi dura [Sadaasa 02] dhufanii nama keenya ajjeesanii turan. Dilbatas akkasuma subii irraa jalqabee haleellaa raawwachuu isaanii hordofee uummatni ofirraa qolachuu eegale. Waraana guyyaa guutuu tureen uummata irraa gara nama 18 caalu du’eera, nama 30 ol ammoo madaa’ee hospitaala yaalamaa jira. Isaan keessaa kan miidhaan ulfaataa irra gahe 10 ta’an gara Hospitaala Rifaraala Dasseetti ergameera.”

Waraana cimaa hanga galgalaa ture dhaabsisuuf poolisii federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee humni nageenyaa mootummaa bakka san ture yaalii taasisaa turuu fi galgala irraa eegale haalli ture tasgabbaa’uu jiraataan kun dabalee himeera. “Ammaaf dhukaasni dhaabbateera, garuu waraanni dhaabbateera jechuun hin danda’amu. Turee bulee itti deebi’u danda’a. Kanaan duras si’a baay’ee haleellaa raawwachuun beekamu,” jechuun yaaddoo qabu ibseera. 

Jiraataan Aanaa Arxummaa Fursii ganda Coqorsoo kan ta’e Sisaay Alamaayyoo [maqaan nageenyaaf kan jijjiirame], yaada jiraataan kan biraa kenne cimsuun uummata naannichaa haleellaa Dilbata itti aggaamame qolachuuf yaalii taasiseen jiraattota aanicha irraa yoo xinnaate nama 18 du’an dabalatee gama lamaanuu lubbuun darbe jiraachuu himeera. 

“Isaan [Faannoo] lola mootummaa waliin qabaniis uummata keenya irratti haaloo bahu barbaadu. Mootummaa Oromooti kan nu lolaa jiru jedhanii waan yaadaniif, haaloo keenya Oromoo nu gidduu jiru irratti jalqabna jedhanii nutti ka’an. Har’a miti haleellaan kan jalqabe, erga mootummaan kun gara aangootti dhufe yeroo kudhanii ol ni ta’a. Ammas lola mootummaa waliin gara Maajateetti gaggeessaa turaniif haaloo bahuuf nutti bobbahan.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimma kana ilaalchisee bulchiinsa Aanaa Arxummaa Fursiis ta’e bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Efraataa-Gidiim magaalaa Maajatee fi naannoo isheetti erga Fulbaana 03 booda walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu adeemsifamaa jiruun lubbuun namoota 34 ol yoo darbu, 35 ammoo madaa’uu miidiyaaleen biyya keessaa tibbana gabaasanii turan.

Miidiyaan ogeessa fayyaa tokko wabeeffachuun gabaase akka ibsetti, namoota miidhaan irra gahee buufata fayyaa geeffaman keessaa 12 miidhaa ulfaataa waan irra gaheef gara Hospitaala Axaayyeetti ergamaniiru.

Kun kanaan osoo jiru, Biriteenii fi Ameerikaa dabalatee biyyootni addunyaa garagaraa rakkoo nageenyaa naannicha keessatti dhalate akka isaan yaaddeessu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Aanga’oonni mootummaa rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti uumame to’anneerra jedhaniis, lolli cimaan naannicha keessatti loltoota mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti adeemsifamu itti fufee jiraachuun gabaafameera. Lola kana keessatti meeshaalee waraanaa gurguddaan faayidaarra oolaa jiraachuu jiraattotni himaniiru. 

Hidhattootni Faannoo haleellaa mootummaa fashaleessuun magaalota dhuunfachuu isaanii dubbatu. Kutaalee naannichaa baay’ee keessatti tajaajila intarneetii fi bilbilaa addaan cituu irraan kan ka’e hammeenya walitti bu’insa deemaa jiru kana mirkaneessuun ulfaataa ta’eera. AS

Related Articles

Back to top button