ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Antoonii Bilinkan bilbilaan MM Abiy Ahmad waliin haasawaa taasisaniin haalli naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiru na yaaddeessaa jedhan

Finfinnee, Fulbaana 29/2023 – Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Blinkan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan mari’achuu ibsame. Blinkan haasawa MM Abiy waliin taasisaniin, Ameerikaan haalli naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiru akka ishee yaaddeessuu ibsuu isaanii waajjira dubbi himaa isaanii beeksiseera.

Rakkoolee naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiru hiikuuf karaan jiru filannoowwan nagaa hordofuu qofadha kan jedhan Antoonii Blinkan, marii siyaasaa gaggeessuu fi mirgoota namoomaa kabajuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.  

Dhiyeessii gargaarsaa eegalchiisuuf hojiin fooyya’aan hojjetamuu akka qabu marii lamaan gidduutti taasifame irratti kan ka’e ta’uu ibsi dubbi himaa kanaa ibseera. Kana malees, hojiin haqa ce’umsaa amanamaa, dhugaa fi hunda hammate galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu waajjirri dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.

Haaluma walfakkaatuun Hagayya 05 Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ministira Mummee Abiy Ahmad waiin dhimma nageenya, badhaadhinaa fi tasgabbii Itoophiyaa ilaalchisee bilbilaan mari’achuu isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button