ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Aanaa Boosatitti ajjeechaa haadha ijoollee torbaa dabalatee namoota sadi irratti raawwatame hordofee hidhaa fi buqqaatii hammaateera

Finfinnee, Sadaasa 03/2023 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat ganda Garri Nuuraa Dheeraa jedhamutti haadha ijoollee torba kan taate Aadde Kuulii Hawaas dabalatee namoonni nagaa sadii miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaatiin haala suukanneessaa ta’een ajjeefamuu jiraattonni gandicha Addis Standarditti himan. Maqaa namoota ajjeefaman biroo lamaan Gadaa Godaanaa fi Boruu Baqqalaa jedhamu.

Ijoollee Kuulii torban keessaa tokko (maqaan isaa kan dhokfame) Addis Standarditti akka himetti, haati isaanii gaafa Onkoloolessa 25 bara 2023 mana ishee irraa qabamanii, gaafa Onkoloolessa 29 bara 2023 ganama namoota faana hidhaman lamaan waliin ajjeefamanii argaman.

”Miseensonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa qabanii gara kaampii waraanaa bakka Sogiddoo jedhamutti ishee geessan. Yeroo ishee hidhan ‘ilmi ati nyaachiftuu fi jaallan isaa RIB irratti miidhaa fi ajjeechaa geessisaa jiru’ jedhanii itti himan,” jechuun ibse. Kana malees, Aadde Kuuliin hidhamuun isaanii dura ganda isaanii keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti lolli cimaan akka ture himeera.

Jiraataan ganda kanaa akka maqaan isaa hin dhahamne gaafate Addis Standarditti akka himeetti, namoonni sadan rasaasaan yoo ajjeefaman, namni kan biraa maanguddoo ganna 87 Tufaa Ida’oo jedhaman dhukaasa rasaasaa irraa lubbuun hafanii yeroo ammaa magaalaa Walancitii keessatti wal’aansa argachaa jiru.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan, gaafa Onkoloolessa 25 Aadde Kuulii fi namoota sadan kaan to’annoo jala ooluu isaanii hordofuun, jiraattonni ganda Garri Nuuraa Dheeraa guutuun, maatii 1,900 (naannoo namoota kuma 7) miseensonni raayyaa ittisa biyyaatiin dirqisiifamnee ganda kana gadhiisne akka baanu godhamne jechuun himaniiru.

“Fedhii keenya malee dirqamaan akka baanu taasifamne. Akka rukutamnu dandeenyu nutti himan,” kan jedhan jiraataan kun, yeroo ammaa kana kaampii waraanaa Soogiddoo fi bakka caancoo jedhamu keessatti mana pilaastikii irraa hojjatannee jiraachaa jirra jedha. Itti dabaluun, haala qilleensaa hamaa dabalatee rakkoolee manneen pilaastikii isaanii dandamachuu hin dandeenye keessa jiraachaa akka jiran dubbatan.

Dabalataanis, ajjeechaa Kuulii fi namoota lamaan irratti raawwatame hordofuun haalli nageenyaa hammaatee jiraattonni gandichaa  25 ta’an yeroo ammaa kana buufata poolisii Boosat keessatti hidhamanii akka argaman himeera. Hidhamtoonni kun maatii isaanii fi hiriyyoota isaanii faana akka wal hin qunnamne dhorkamaniiru jechuun dubbateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Bulchiinsi gandichaas ta’e mootummaan naannoo Oromiyaa haala taatee aanichaa irratti homaa hin dubbanne. Garuu ajjeechaa namoota nagaa sadan irratti yaada kan kennan hogganaan poolisii aanaa Boosat, Obbo Mohaammad Suufaa, poolisiin waa’ee ajjeechaa kanaa hin beeku jechuun dubbataniiru.

”Ajjeefamuu isaanii miidiyaa hawaasaa irraa dhageenye jedha. Hamma qorannoodhaan beekamutti qaama kanatu ajjeesse jennee hin dubbannu,” jechuun BBCtti himaniiru.

Ajjeechaan lammiilee nagaa sadeen kun miidiyaa hawaasaa irratti dheekamsa guddaa kaasa jira, hedduun isaanii haqa gaafachaa jiru. AS

Related Articles

Back to top button