DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Oromiyaa keessatti namootni sababa weerara dhibee busaan baatilee sadi keessa du’an 180 darbeera: UN

Finfinnee, Sadaasa 01/2023 – Oomishni waqtii Arfaasa bara 2015 ALI gadi bu’uun walqabatee aanaalee Oromiyaa 50 keessatti hir’inni miidhaan nyaataa mudachuu fi namoonni 774,000 ol dhibee Busaatiin qabaman keessaa lubbuun namoota 180 ol darbuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) beeksise. 

Ji’oota Bitootessa, Ebla fi Caamsaa keessa bokkaan gahaan waan hin roobiniif omishni waqtii Arfaasaa gadi bu’uuniifi gargaarsi miidhaan nyaataa mootummaan taasisu itti fufaa ta’uu dhabuun rakkoo midhaan nyaataa kana hammeessuu gabaasni UNOCHA addeesseera. 

Namoota gargaarsa midhaan nyaataa barbaadan keessaa mootummaan namoota 143,000  ta’aniif gargaarsa nyaataa raabsuu eeruun namoota 916,000 ta’an godinaalee 20 keeessa jiraatan marsaa lammaffaa raabsuuf karoorfachuu ibsichi ifoomseera.  

Haata’u malee, hir’ina midhaan nyaataa fi rakkoo nyaata dabalataa irraa kan ka’ee dhibeen hir’ina midhaan nyaataan walqabatu 86.7% gaheera. Namoota ji’a Hagayya keessa dhibee hir’ina nyaataatiin qabaman keessaa 21,000 ol kan ta’an dhibee hir’ina nyaataa hammaataatiin qabamanii wal’aanamaa jiru. 

Kana malees dhibeen akka Koleeraa fi Busaan naannolee biyyattii garaagaraa keessatti mudachuun ibsi OCHA kuni himeera. 

Naannoo Oromiyaatti namoonni 774,000 ji’oota Waxabajjii hanga Fulbaana gidduutti dhibee Busaatiin qabaman keessaa lubbuun namoota 180 darbeera. Akka gabaasa OCHAtti godina Wallagga Lixaa keessatti namoonni 120,000 ol ta’an ji’oota Adoolessa hanga Fulbaana gidduutti dhibee kanaan faalamaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaatiin hir’inni dhiyeessii qorichaa fi hojii dhaabuu buufataalee fayyaatiin walqabatee wal’aansi fayyaa kan hin argamne ta’uus ibse. Dhaabbileen gargaarsa namoomaa iddoo hundatti keemikaalaa biifuuf sodaa nageenyaa kan qaban ta’uullee ibsameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button