ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Ergama Imbaasiin Ameerikaa kutaalee Itoophiyaa hunda wal-qixxummaan dhaqqabuuf godhu ni deeggarra: Waldaalee Oromoo-Ameerikaa

Finfinnee, Sadaasa 28/2023 – Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu tibbana adeemsa hojiisaa fi tajaajila maamiltoota isaaf kennu ilaalchisee ergaa gabaabaa Afaan Oromootin karaa marsaalee hawaasaa isaa irratti dabarseen jecha “Finfinnee” jedhu fayyadamuun isaa waldaalee hawaasa Amaaraa fi Oromoo gidduu wal falmii kaasuu itti fufeera. 

Maxxansi karaa marsaalee hawaasaa irratti maxxanfame kun hawaasa Oromoo biratti ilaalcha gaariin kan fudhatame yoo ta’u, fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa Oromoo hin taane (maqaan magaala kanaa Finfinnee jedhamee waamamu kan morman) muffii isaanii ibsachaa jiru. Duula karaa marsaalee hawaasaa irratti gaggeessaa jiraniin “imbaasichi atattamaan dhiifama gaafachuu qaba” jedhan. 

Waldaalee “Mana Maree Guddina Itiyoo-Ameerikaa” jedhaman xalayaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikeeniif barreessaniin ergaa afaan Oromoo Imbaasii Ameerikaa fi itti fayyadama maqaa magaalittii irratti mormii qaban ibsuu isaanii guyyaa tokko booda, waldaalee hawaasa Oromoo biyya Ameerikaa jiraatan lakkoofsaan 24 ta’an xalayaa deeggarsaa Antoonii Bilikeeniif erganiiru.

Waldaalee “Mana Maree Guddina Itiyoo-Ameerikaa” jedhaman xalayaa isaaniin, “ergaa qonsilli Ameerikaa Finfinneetti argamu karaa Twiitaraatiin raabse irratti jecha qaaneessaa magaala guddoo Itoophiyaa maqaa garee finxaaleyyiii Oromootiin dhaadheffamu Finfinnee jedhuun waamuu isaatti cimsinee kan gaddine ta’uu ibsina,” jedhanii turan. Ergaan qonsilichi Afaan Oromootiin dabarse kun “naamusa diippiloomasii kan cabsuudha” jedhan.

Waldaaleen hawaasa Oromoo 24 gama isaaniin xalayaa Antoonii Bilikeeniif erganiin, mormiin tibbana Imbaasicha irratti ka’aa jiru kun “gareewwan finxaaleyyii murtaa’oo eenyummaa maqaa Itoophiyaa ofiin jedhan jalatti socho’aniin olola farra Oromoo ta’e darbaa jiran keessa tokko ta’uu hubachiisna, jedhan. Itti dabaluun, gareewwan kunneen waggoota kurnaniif bakka bu’oota Itoophiyaa ofiin taasisuun, seeneffama sobaan Oromoon Itoophiyaa keessatti akka alagaatti akka ilaalamuu yaalaa turaniiru jedhan. 

“Akka Oromoo-Ameerikaatti, Ambaasaaddar Messingaa fi Imbaasiin Ameerikaa ergama isaanii wal-qixxummaadhaan kutaalee Itoophiyaa hunda dhaqqabuuf godhan ni deeggarra. Mootummaan Ameerikaa, saboota fi sablammoota adda addaa Itoophiyaa keessa jiraniif beekamtii akka kennu fi gareewwan akkanaa biyyattii sirritti akka bakka hin buune akka mirkaneessu ni gaafanna,” jedha xalayichi.

Kana malees, tumaalee seerota biyyattii fi heera mootummaa naannoo Oromiyaa magaalaa handhuurri Oromiyaa maqaa “Finfinnee” jedhuuf beekamtii kennan imbaasichi akkaatuma kanaan hordofuun barbaachisaa ta’uu isaa cimsinee hubachiisna jedhan. Akkasumas, “Imbaasiin Ameerikaa itti fayyadama afaanota shananuu guddisuun Itoophiyaan hunda hammatee akka taatuuf tattaaffii taasisaa jiru ni deeggerra,” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dabalataanis, waajjirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa sirna federaalizimii akka heera Itoophiyaatti hojiirra oolchuuf akka jajjabeessu waamicha godhaniiru. AS

Related Articles

Back to top button