ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Lola Israa’elii fi Falasxiin gidduu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lubbuu namoota 1300 ol darbe

Finfinnee, Onkoloolessa 09/2023 – Lola Israa’eelii fi Falasxiin giddu gaggeeffamaa jiru fi erga Sanbata darbe Onkoloolessa 07 jalqabame booda har’a guyyaa sadaffaa isaarra jiruun hanga ammaatti gama lachuurraa lubbuun namoota 1300 ol darbuu ibsame. 

Sanbata darbe hidhattootni Falasxiin Hamaas rokkeettiiwwan 5000 ol Gaazaa irraa gara Israa’eelitti dhukaasu isaanii hordofee Ministira Muummee Israa’eel Beenjaamin Netaanyaahuu “waraanarra jirra” jechuun addunyaatti beeksisan. Qondaaltonni waraanaa Israa’eel haleellaan ammaa kun “haleellaa al-Qayidaan bara 2001 Ameerikaa irratti raawwate waliin walqixa,” jedhan.

Haleellaa Hamaas bane hordofee haleellaa deebii Israa’eel fudhatteen lubbuu namoota yoo darbu, Masjiida Muhammad Al Amin dabalatee qabeenya gurguddaa irratti miidhaa ulfaataa gaheera. Waraana badiisa ulfaataa fi buqqa’insa lammiilee guddaa geessise kanaan hanga ammaatti gama Israa’eel irraa lubbuu namoota 800 ol yoo darbu, namoota 2243 irratti miidhaa qaamaa geessisuu Aljaziiraan gabaaseera.

Gama Falasxiin ammoo haleellaa misaa’elaa Israa’eel sarara Gaazaa rratti Sanbata darbe irraa eegale fudhachaa jirtuun hanga ammaatti lubbuu namoota 510 yoo darbu, namoota 2750 irratti miidhaan qaqqabuu Ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksiseera.

Ministeerri Ittisaa Israa’eel Yoov Galaant sarara Gaazaa to’achuuf ajaja dabarsuu isaanii ibsaniiru. Haaluma kanaan tajaajiloota bu’uuraa kan akka elektirikaa, boba’aa, fi nyaata sarara kana irraa akka addaan citu taasisu isaanii himaniiru.

Haleellaa rookkeettii Hamaas Israa’eel irra geessisaa jiru akka itti fufee jiruu fi haleellaa kana hordofee lammiilee Israa’eel hedduu hidhattoota Hamaasin ukkaamfamuu BBCn gabaaseera. Jalqabbii waraana ammaa kana hordofee Israa’eel bukkee akka dhaabattu kan beeksifte Ameerikaan dooniiwwanii fi xiyyaarota waraanaa hedduu gara Israa’eelitti ergaa akka jirtu gabaafameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button