ODUUSIYAASA

Oduu: Gareen finciltoota Yamanii “doonii Israa’eel” humnaan too’adhe jedhe

Finfinnee, Sadaasa 21, 2023 – Gareen finciltoota Yamanii Haawtii suur-sagalee “doonii Israa’eel” Galaana Diimaa irra geejjibaa jirtu too’annoo jala oolchuu agarsiisu gadhiiseera.

Gareen hidhattootaa kuni “daandiiwwan gara Israa’eel geessan hundi irratti ni xiyyeeffata” jechuun Sadaasa 14 akeekachisee ture.

Hanga haleellaan Gaazaa dhaabbatutti gareen hidhattootaa Haawtii Israa’eel irratti duula hidhannoo kan taasisu ta’uu dubbi himaan garichaa Yaahyaa Saara’ee wabeeffachuun gabaafameera.

Garichi suursagalee  too’annaa Dilbata raawwatan agarsiisa jedhe Wixata gadhiiseera. Suursagalichi hidhattoonni fuula isaaniii haguuggatan xiyyaara irraa gara dooniitti utaalanii hojjattoota doonichaa irratti qawwee aggaaman kan agarsiisuudha. Alaabaan Yamaniifi Paalestaayionii doonicha irratti fannifamee ture.

Israa’eel dooniin kuni kan koo osoo hin taane kan Ingiliiziiti jechuun taatee kuni “gochaa shorokeessummaa Iraaniiti” jettee jirti. Gochaan doonii butuu Haawtis raawwate kuni yakka idiladdunyaa cimaadha fuula X irratti ibseera.

Ministeerri dhimma haajaa Iraan Naasir Kaanaamii immoo himatni Israa’eel “fudhatama hin qabnee” fi “ rakkoo keessa jiran dhoksuu” yaaddee banteedha jedheera.

Haawtiin humnoota Israa’eel irratti haleellaa kan raawwatan ta’uuu ibsaa turaniiru. Haawtiin miisaa’eel lafa dheeraa deemuufi diroonii gara Israa’eelitii erguun Haamaasiin tumsaaa turaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaan Jaappaan ibsa baaseen, dooniin Nippoon Yuuseeniin yabalamtu jalaa ugguramte akka gadi lakkifamtu Haawtiin wajjiin mari’’achaa jiraachuu addeesseera.

Hogganaan raayyaa ittisa Ameerikaa gochaan kuni waliigaltee idiladddunyaa mootummoota Gamtoomanii kan cabsuudha jedheera.

Dhaabbanni nageenya humna bishaan irraa Ambreey jedhamu, garuu dooniin Raaykaar Keeriyars jedhamtu suni kan abbaa qabeenyaa Israa’eeliiti jedhaniiru.

Biiroon MM Israa’eel Benjaamiin Naataaniyaahuu dhalataan Israa’eel doonicha irra hin turre jedheera.

Hogganaan Haawtii Abdul Maaliik al Haawtii daandii doonii Israa’eel kan hordofu ta’uu Sadaasa 14 ibsee ture. AS

Related Articles

Back to top button