DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Lammileen biyya alaa sanada jireenyaasaanii seera-qabeessa akka taasisan gaafatame

Finfinnee, Amajjii 04, 2024 – Lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessa jiraatan sanada jireenyaasaanii seera-qabeessa akka taasifatan tajaajjilli immigreeshiniifi lammummaa gaafate.

Lammiilee biyya ormaafi dhalattoonni Itoophiyaa sanada sobaa qabanis ta’ee kan homaa hin qabne sanada seera-qabeessa akka fudhatan tajaajillii immigreeshinii ibsa baaseen gaafateera.

Lammileen sanada seera-qabeessa hin qabne lakkoofsaan heduu ta’uu eeruun hanga Amajjii 30, 2016 ALI’tti sanada seera-qabeessa akka baafatan dhaamsa dabarseera.

Eenyummaa lammilee sanada seera-qabeessa hin qabnee adda baasuufi tajaajila paaspoortii elektiroonikii (e-passport) kennuuf dhaabbilee garaagara waliin waloon hojjachaa jiraachuu tajaajilichi addeesseera. AS

Related Articles

Back to top button